Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SHAN

Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu

Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu

1, 2. (a) Kennaa tokkoof iddoo guddaa akka kennitu kan si godhu maali dha? (b) Furiin kennaa Waaqayyoo isa hunda caalu dha kan jennu maaliifi?

KENNAA hamma harʼaatti sii kenname keessaa hunda kan caalu isa kami? Kennaadhaaf iddoo guddaa kan kennitu gatii isaa irratti hundooftee taʼuu hin qabu. Kennaan tokko kan si gammachiisu ykn wanta ati dhugumaan barbaaddu yeroo taʼu iddoo guddaa guddaa kennitaaf.

2 Kennaawwan Waaqayyo nuu kenne hunda keessaa, kennaan hunda caalaa nu barbaachisu tokko jira. Kun kennaa guddaa Waaqayyo namootaaf kenne dha. Boqonnaa kana keessatti bara baraaf jiraachuu akka dandeenyuuf, Waaqayyo Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin akka erge baranna. (Maatewos 20:28 dubbisi.) Yihowaan Ilmi isaa furii akka taʼuuf gara lafaatti isa erguudhaan dhugumaan akka nu jaallatu argisiiseera.

FURIIN MAALI DHA?

3. Namoonni maaliif duʼu?

3 Furiin karaa itti Yihowaan namoota cubbuu fi duʼa jalaa walaba baasu dha. (Efesoon 1:7) Furiin maaliif akka barbaachise hubachuuf, wanta waggoota kumaan lakkaaʼaman dura dhaaba Eeden keessatti raawwatame beekuu qabna. Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewwaan cubbuu hojjetan. Kanaan kan kaʼes ni duʼan. Nutis isaan irraa cubbuu waan dhaalleef ni duuna.—Ibsa Dabalataa 9 ilaali.

4. Addaam eenyu? Wantoonni isaaf kennaman hoo maal faʼi?

4 Yihowaan nama isa jalqabaa, jechuunis Addaamiin yeroo uumetti wanta gatii guddaa qabu tokko isaaf kenneera. Jireenya mudaa hin qabne isaaf kenne. Sammuu fi qaama mudaa hin qabne qaba ture. Matumaa hin dhukkubsatu, hin dulloomu, akkasumas hin duʼu ture. Addaamiin kan uume Yihowaa waan taʼeef, Inni isaaf akka abbaa ture. (Luqaas 3:38) Yeroo yerootti isaa wajjin ni dubbata ture. Waaqayyo wanta Addaam irraa eegu ifatti isatti himeera; hojii gammachiisaas isaaf kennee ture.—Uumama 1:28-30; 2:16, 17.

5. Kitaabni Qulqulluun Addaam “akka bifa Waaqayyootti” uumame yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?

5 Addaam “akka bifa Waaqayyootti” uumame. (Uumama 1:27) Yihowaan jaalala, ogummaa, haqa fi humna dabalatee amalawwan ofii isaatii qabu isaaf kenneera. Mirga filannaas isaaf kenneera. Addaam roobootii hin turre. Waaqayyo, wanta sirrii ykn dogoggora taʼe gochuuf filachuu akka dandaʼu godhee isa uume. Addaam Waaqayyoof ajajamuu utuu filateera taʼee, bara baraaf Jannata keessa jiraata ture.

6. Addaam Waaqayyoof ajajamuu yeroo didetti maalfaa dhabe? Kun hoo miidhaa akkamii nu irraan geessise?

6 Addaam Waaqayyoof ajajamuu didee duuti yeroo isatti murteeffametti, kasaaraa guddaatu isa irra gaʼe. Walitti dhufeenya addaa Yihowaa wajjin qabu, jireenya isaa isa mudaa hin qabnee fi Jannata ishii bakka jireenyaa isaa taate dhabe. (Uumama 3:17-19) Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu diduu waan filataniif abdii hin qaban. Wanta Addaam godhe irraa kan kaʼe, “cubbuun . . . addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” (Roomaa 5:12) Addaam yeroo cubbuu hojjetetti, ofii isaas taʼe nuun garboota cubbuu fi duʼaa akka taanuuf ‘gurgureera.’ (Roomaa 7:14) Maarree nuti abdii qabnaa? Eeyyee qabna.

7, 8. Furiin maali dha?

7 Furiin maali dha? Jechi furii jedhu yeroo baayʼee wantoota lama kan of keessatti qabatu dha. Tokkoffaa, gatii nama tokko gadhiisisuuf ykn wanta tokko deebisanii bituuf kaffalamu dha. Lammaffaa, gatii baasii wanta tokkoof kaffalamu argisiisa.

8 Namni, badii guddaa Addaam cubbuu hojjechuudhaan yeroo duʼa nutti fidetti geessiseef kaffaluu dandaʼu hin jiru. Yihowaan garuu karaa cubbuu fi duʼa jalaa walaba itti nu baasu qopheesseera. Furichi akkamitti akka hojjetuu fi akkamitti irraa fayyadamuu akka dandeenyu haa ilaallu.

YIHOWAAN FURICHA KAN QOPHEESSE AKKAMITTI?

9. Furii akkamiitu barbaachisa ture?

9 Nu keessaa namni jireenya mudaa hin qabnee fi Addaam dhabeef furii kaffaluu dandaʼu hin jiru. Maaliif? Hundi keenya iyyuu mudaa waan qabnuufi dha. (Faarfannaa 49:7, 8) Furiin kaffalamu jireenya nama mudaa hin qabnee taʼuu qaba. “Furii wal gitu” kan jedhames kanaafi dha. (1 Ximotewos 2:6) Gatiin furichaa jireenya Addaam dhabee wajjin qixxee taʼuu qaba.

10. Yihowaan furicha kan qopheesse akkamitti?

10 Yihowaan furicha kan qopheesse akkamitti? Ilma isaa isa jaallatamaa gara lafaatti erge. Ilmi isaa kun, jechuunis Yesuus uumama isaa isa jalqabaa ti. (1 Yohaannis 4:9, 10) Yesuus fedhiidhaan Abbaa isaa fi bakka jireenyaa isaa isa samii dhiisee dhufeera. (Filiphisiyus 2:7) Yihowaan jireenya Yesuus samii irraa gara lafaatti kan dabarse siʼa taʼu, Yesuusis nama mudaa hin qabne taʼee cubbuu malee dhalate.—Luqaas 1:35.

Yihowaan Ilmi isaa inni jaallatamaan furii akka taʼu nuu kenne

11. Namni tokko namoota hundaaf furii taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

11 Addaam namni inni jalqabaa Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaatiin ilmaan namootaa hunda jireenya mudaa hin qabne dhabsiiseera. Namni duʼa ijoollee Addaam hundatti dhufe hambisuu dandaʼu kan biraan jiraa? Eeyyee. (Roomaa 5:19 dubbisi.) Yesuus inni matumaa cubbuu hin hojjenne jireenya isaa isa mudaa hin qabne furii godhee kenneera. (1 Qorontos 15:45) Jireenyi isaa inni mudaa hin qabne ilmaan Addaam hunda duʼa jalaa oolchuuf gargaaruu dandaʼa.—1 Qorontos 15:21, 22.

12. Yesuus hamma kana dhiphachuun kan isa barbaachise maaliifi?

12 Kitaabni Qulqulluun Yesuus duʼuu isaa dura baayʼee akka dhiphate dubbata. Gara jabinaan garafameera, muka dhiphinaa irratti mismaaraan rukutameera, akkasumas yeroo dheeraadhaaf dhiphatee akka duʼu godhameera. (Yohaannis 19:1, 16-18, 30) Yesuus hamma kana dhiphachuun kan isa barbaachise maaliifi? Seexanni namni tokko qorumsi cimaan yoo isa irra gaʼe Waaqayyoof amanamaa hin taʼu jedhee waan falmeefi dha. Yesuus, namni mudaa hin qabne dhiphinni cimaan yoo isa irra gaʼe illee Waaqayyoof amanamaa taʼuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Yihowaan Yesuusitti hammam akka gammade tilmaami!—Fakkeenya 27:11; Ibsa Dabalataa 15 ilaali.

13. Furichi kan kaffalame akkamitti?

13 Furichi kan kaffalame akkamitti? Yesuus gatii jireenya isaa Abbaa isaatiif dhiheesse. Akka lakkoofsa Yihudootaatti Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14 Yihowaan, Yesuus diinota isaatiin akka ajjeefamu heyyame. (Ibroota 10:10) Kun taʼee guyyaa sadii booda Yihowaan, Yesuusiin qaama fooniitiin utuu hin taʼin qaama hafuuraatiin duʼaa kaase. Booda immoo Yesuus gara Abbaa isaa isa samiitti yeroo deebiʼe, gatii jireenya isaa isa mudaa hin qabnee furii godhee Yihowaadhaaf dhiheesseera. (Ibroota 9:24) Amma furichi waan kaffalameef, cubbuu fi duʼa irraa walaba taʼuuf carraa arganneerra.—Roomaa 3:23, 24 dubbisi.

FURICHA IRRAA FAYYADAMUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

14, 15. Cubbuun keenya akka nuu dhiifamuuf maal gochuu qabna?

14 Ammuma iyyuu kennaa Waaqayyoo isa hunda caalu irraa fayyadamuu jalqabneerra. Mee yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti akkamitti furicha irraa akka fayyadamnu haa ilaallu.

15 Cubbuun keenya nuu dhiifama. Yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwachuun ulfaataa dha. Ni dogoggorra; yeroo tokko tokko immoo wanta sirrii hin taane dubbanna ykn raawwanna. (Qolosaayis 1:13, 14) Dhiifama argachuu kan dandeenyu akkamitti? Dogoggora hojjenneef garaadhaa gadduu fi gad of qabuudhaan Yihowaa dhiifama gaafachuu qabna. Akkas yoo goone cubbuun keenya akka nuu dhiifame mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Yohaannis 1:8, 9.

16. Qalbii gaarii qabaachuuf maal gochuu qabna?

16 Qalbii gaarii qabaanna. Qalbiin keenya wanta dogoggora taʼe akka hojjenne yommuu nutti himu of ceephaana; tarii immoo abdii akka hin qabne ykn gatii akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus abdii kutachuu hin qabnu. Yihowaan dhiifama akka nuu godhu yoo kadhanne, akka inni nu dhagaʼuu fi dhiifama nuu godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Ibroota 9:13, 14) Yihowaan rakkinaa fi dadhabina keenya hunda akka isatti himannu barbaada. (Ibroota 4:14-16) Kun immoo Waaqayyoo wajjin nagaa akka qabaannu godha.

17. Yesuus nuuf jedhee duʼuu isaatiin eebbawwan akkamii arganna?

17 Abdii jireenya bara baraa qabaanna. “Miindaan cubbuu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.” (Roomaa 6:23) Yesuus nuuf jedhee waan duʼeef, bara baraaf jiraachuu fi fayyaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Mulʼata 21:3, 4) Haa taʼu malee, eebbawwan kana argachuuf maal gochuu qabna?

FURICHATTI NI AMANTAA?

18. Yihowaan akka nu jaallatu akkamitti beekna?

18 Namni tokko kennaa gaarii yommuu siif kennu hangam akka gammaddu mee yaadi. Furiin kennaa hundumaa irra caalu dha; kennaa kanaafis Yihowaa guddaa galateeffachuu qabna. Yohaannis 3:16, “Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera” jedha. Eeyyee, Yihowaan baayʼee waan nu jaallatuuf Ilma isaa isa jaallatamaa, jechuunis Yesuusiin nuu kenneera. Yesuusis nuuf jedhee duʼuuf fedhii waan argisiiseef akka nu jaallatu beekna. (Yohaannis 15:13) Kennaan furii, Yihowaa fi Yesuus dhugumaan akka si jaallatan si amansiisuu qaba.—Galaatiyaa 2:20.

Waaʼee Yihowaa yommuu barachaa deemnu michuu isaa taana, jaalalli nuti isaaf qabnus ni guddata

19, 20. (a) Michuu Yihowaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? (b) Aarsaa furii Yesuusitti akka amantu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

19 Amma waaʼee jaalala Waaqayyoo isa guddaa baratteetta; haa taʼu malee michuu isaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Nama hin beekne jaallachuun salphaa miti. Yohaannis 17:3 Yihowaa beekuu akka dandeenyu dubbata. Akkas yommuu gootu, jaalalli ati isaaf qabdu ni guddata, isa gammachiisuu ni barbaadda, akkasumas michuu isaa taata. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan waaʼee Yihowaa barachuu kee itti fufi.—1 Yohaannis 5:3.

20 Aarsaa furii Yesuusitti amani. Kitaabni Qulqulluun, “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba” jedha. (Yohaannis 3:36) Amanuu jechuun maal jechuu dha? Wanta Yesuus akka raawwannu nu barsiise raawwachuu jechuu dha. (Yohaannis 13:15) Yesuusitti ni amanna jennee dubbachuun qofti gaʼaa miti. Furichatti amanuun, wanta itti amannu hojii irra oolchuu dabalata. Yaaqoob 2:26, ‘Amantiin hojii hin qabne duʼaa dha’ jedha.

21, 22. (a) Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos waggaa waggaadhaan kabajamu irratti argamuu kan qabnu maaliifi? (b) Boqonnaa 6 fi 7 irratti waaʼee maalii mariʼanna?

21 Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argami. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, ayyaana yaadannoo duʼa isaa kabajuu akka qabnu nu barsiiseera. Ayyaana kana waggaa waggaadhaan kan kabajnu siʼa taʼu, ayyaanichi Ayyaana Yaadannoo ykn “Irbaata Gooftaa” jedhamee waamama. (1 Qorontos 11:20; Maatewos 26:26-28) Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne furii godhee nuu kennuu isaa akka yaadannu barbaada. “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedheera. (Luqaas 22:19 dubbisi.) Ayyaana Yaadannoo irratti yommuu argamtu, furicha, akkasumas jaalala guddaa Yihowaa fi Yesuus nuuf qaban akka yaadattu argisiista.—Ibsa Dabaltaa 16 ilaali.

22 Furichi kennaa hanga harʼaatti arganne hunda irra kan caalu dha. (2 Qorontos 9:14, 15) Kennaan dinqisiisaan kun, namoota duʼanii fi miiliyoonaan lakkaaʼaman illee kan fayyadu dha. Kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu Boqonnaa 6 fi 7 irratti mariʼanna.