Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TORBA

Namoonni Duʼan Duʼaa ni Kaʼu!

Namoonni Duʼan Duʼaa ni Kaʼu!

1-3. Hundi keenya hidhaa maalii jala jirra? Yihowaan bilisa kan nu baasu hoo akkamitti?

YAKKA hin hojjenneen himatamtee hidhaan umurii guutuu akka sitti murteeffame godhii yaadi. Karaan itti gadhiifamuu dandeessu tokko illee hin jiru. Jireenyi kee gara fuulduraa abdii kan hin qabne fakkaata; wanta tokko illee gochuu hin dandeessu. Haa taʼu malee yeroo ati abdii kutattee jirtu kanatti, namni si hiiksisuuf humna qabu tokko dhufee akka si gargaaru waadaa sii gala! Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

2 Hundi keenya hidhaa duʼaa jala jirra. Maal iyyuu yoo goone duʼa jalaa miliquu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Yihowaan duʼa jalaa bilisa nu baasuuf humna qaba. Abdii, “Diinni inni dhumaa, jechuunis duuti ni balleeffama” jedhu nuuf kenneera.—1 Qorontos 15:26.

3 Yaaddoo nan duʼa jedhu jalaa bilisa yommuu baatu boqonnaa sitti dhagaʼamu mee yaadi! Taʼus Yihowaan duʼa balleessee qofa dhiisa miti. Namoota duʼanis gara jireenyaatti deebisa. Kun hiika maalii akka siif qabaatu yaadi. Namoonni “duʼaan injifataman” deebiʼanii akka jiraatan abdii kenneera. (Isaayaas 26:19, NW) Kana Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuu jedhee waama.

NAMNI JAALLANNU YOMMUU DUʼU

4. (a) Miseensi maatii ykn michuun keenya tokko yommuu duʼu wanti nu jajjabeessuu dandaʼu maali dha? (b) Michoota Yesuus keessaa tokko tokko eenyu faʼi?

4 Miseensi maatii ykn michuun keenya tokko yommuu duʼu gaddi nu irra gaʼu ulfaataa taʼuu dandaʼa. Humna akka hin qabne nutti dhagaʼama. Nama sana gara jireenyaatti deebisuuf waan tokko illee gochuu hin dandeenyu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun yaada nu jajjabeessu qabateera. (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Mee fakkeenya Yihowaa fi Yesuus namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuuf hangam akka hawwan argisiisu tokko haa ilaallu. Yesuus yommuu lafa irra turetti yeroo baayʼee mana Alaazaarii fi obboleettota isaa Maartaa fi Maariyaam ni dhaqa ture. Sadanuu michoota Yesuus turan. Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus, Maartaa, obboleettii ishii fi Alaazaariin ni jaallata ture” jedha. Achiis gaaf tokko Alaazaar ni duʼe.—Yohaannis 11:3-5.

5, 6. (a) Yesuus maatii fi michoonni Alaazaar akka gaddan yommuu argu maal godhe? (b) Duʼa ilaalchisee wanta Yesuusitti dhagaʼame beekuun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi?

5 Yesuus Maartaa fi Maariyaamiin jajjabeessuu dhaqe. Maartaan Yesuus gara isaanii dhufaa akka jiru yommuu dhageessu, isa simachuuf fiigdee magaalattiidhaa ala baate. Yesuusiin arguu ishiitti baayʼee gammaddee kan turte taʼus, “Utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen. Maartaan Yesuus kana booda homaa gochuu hin dandaʼu jettee yaaddee turte. Sana booda Yesuus obboleettiin ishii Maariyaam utuu boossuu arge. Hammam akka gaddan yommuu argu baayʼee isatti dhagaʼamee imimmaan isaa dhangalaase. (Yohaannis 11:21, 33, 35) Gadda nama jaallannu tokko duʼaan yommuu dhabnu nutti dhagaʼamutu isatti dhagaʼamee ture.

6 Duʼa ilaalchisee Yesuusitti akkuma keenya akka dhagaʼamu beekuun keenya nu jajjabeessa. Yesuus immoo akkuma Abbaa isaa ti. (Yohaannis 14:9) Yihowaan bara baraaf duʼa balleessuuf humna qaba; yeroo dhihoottis kana ni godha.

“ALAAZAAR AS BAʼI!”

7, 8. Maartaan dhagaan balbala awwaala Alaazaar irra ture akka hin kaafamne kan barbaadde maaliif ture? Haa taʼu malee Yesuus maal godhe?

7 Yesuus bakka awwaalaa reeffi Alaazaar kaaʼame bira yommuu gaʼu, balballi isaa dhagaa guddaa tokkoon cufamee ture. Yesuus, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhe. Maartaan garuu akka irraa kaasan hin barbaadne. Alaazaar erga awwaalamee guyyaa afur taʼeera. (Yohaannis 11:39) Yesuus obboleessa ishii gargaaruuf maal gochuuf akka jedhu hin beektu turte.

Alaazaar yommuu duʼaa kaafametti miseensonni maatii fi michoonni isaa hammam akka gammadan tilmaami! —Yohaannis 11:38-44

8 Yesuus Alaazaariin, “As baʼi!” jedhe. Wanta Maartaa fi Maariyaam kana booda argan kan nama dinqisiisu dha. “Namni duʼe sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti gad baʼe.” (Yohaannis 11:43, 44) Alaazaar gara jireenyaatti deebifame! Maatii isaa fi michoota isaa wajjin deebiʼee wal arge. Isa qabuu, isa tuquu fi isaa wajjin dubbachuu dandaʼaniiru. Kun dinqii guddaa dha! Yesuus Alaazaariin duʼaa kaase.

‘INTALO SIIN NAN JEDHA, KAʼI!’

9, 10. (a) Yesuus namoota akka duʼaa kaasuuf humna kan isaaf kenne eenyu? (b) Seenaawwan waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatan nu fayyadu kan jennu maaliifi?

9 Yesuus namoota duʼan duʼaa kan kaase humna isaatiin turee? Lakki. Yesuus, Alaazaariin duʼaa kaasuu isaa dura Yihowaa kadhateera; Yihowaanis humna Alaazaariin duʼaa kaasuuf isa dandeessisu isaaf kenneera. (Yohaannis 11:41, 42 dubbisi.) Duʼaa kan kaafame Alaazaar qofa hin turre. Kitaabni Qulqulluun waaʼee intala waggaa 12 baayʼee dhukkubsattee turte tokkoo ni dubbata. Abbaan ishii Yaayiros, abdii waan kutateef, Yesuus akka ishii fayyisu isa kadhate. Ishiin intala isaa tokkittii turte. Utuu inni Yesuusitti dubbachaa jiruu namoonni dhufanii, “Intalli kee duuteetti. Kana booda maaliif Barsiisaa dhamaasta?” isaan jedhan. Yesuus garuu Yaayirosiin, “Amani qofa malee, hin sodaatin intalli kee ni fayyiti” jedheen. Achiis Yaayirosii wajjin gara mana isaa dhaqe. Yommuu gara manaatti dhihaatanis namoonni utuu booʼanii dhagaʼe. Yesuusis, “Maaliif waccanii boossu? Intalattiin rafaa jirti malee hin duune” isaaniin jedhe. Abbaan ishii fi haati ishii wanti Yesuus jedhe gaaffii isaanitti uumee taʼuu qaba. Yesuus namoonni hundi akka gadi baʼan erga godhee booda, haadhaa fi abbaa ishii wajjin kutaa reeffi ishii jirutti seene. Harka intalattii qabee, ‘Intalo siin nan jedha, kaʼi!’ jedheen. Yeroo intalattiin battalumatti ol kaatee deemuu jalqabdu gammachuu warra ishiitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessa! Yesuus intala isaanii duʼaa kaaseef. (Maarqos 5:22-24, 35-42; Luqaas 8:49-56) Guyyaa sanaa jalqabee, intala isaanii yommuu argan yeroo hunda wanta Yihowaan karaa Yesuus isaaniif godhe akka yaadatan beekamaa dha. *

10 Namoonni Yesuus duʼaa kaase yeroo booda deebiʼanii duʼaniiru. Haa taʼu malee, waaʼee namoota sanaa wanti dubbisnu abdii akka qabaannu waan godhuuf faayidaa qaba. Yihowaan namoota duʼaa kaasuu ni barbaada, ni kaasas.

BARUMSA SEENAAWWAN WAAʼEE DUʼAA KAʼUU DUBBATAN IRRAA ARGANNU

Pheexiros ergamaan dubartii Kiristiyaana taatee fi Dorqaa jedhamtu duʼaa kaaseera. —Hojii Ergamootaa 9:36-42

Eliyaas ilma haadha hiyyeessaa tokkoo duʼaa kaaseera. —1 Mootota 17:17-24

11. Lallabni 9:5 waaʼee Alaazaar maal nu barsiisa?

11 Kitaabni Qulqulluun, “warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan” jechuudhaan ifatti dubbata. Haalli Alaazaaris akkasuma ture. (Lallaba 9:5) Akkuma Yesuus jedhe, Alaazaar rafaa ture jechuun ni dandaʼama. (Yohaannis 11:11) Alaazaar yommuu awwaala keessa turetti, “waan tokko iyyuu” hin beeku ture.

12. Duʼaa kaʼuun Alaazaar dhugumaan akka raawwatame akkamitti beekna?

12 Yesuus yommuu Alaazaariin duʼaa kaase namoonni hedduun arganiiru. Diinonni Yesuus illee dinqii kana raawwachuu isaa beeku turan. Alaazaar lubbuudhaan jiraachuun isaa, duʼaa kaʼuun kun dhugumaan akka raawwatame mirkaneessa. (Yohaannis 11:47) Kana malees, namoonni hedduun Alaazaariin ilaaluu kan dhaqan siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes Yesuusiin kan erge Waaqayyo taʼuu isaa amanuu jalqaban. Diinonni Yesuus, kun waan isaan hin gammachiisneef, Yesuusii fi Alaazaariin ajjeesuuf karoorfatan.—Yohaannis 11:53; 12:9-11.

13. Yihowaan namoota duʼan duʼaa akka kaasu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

13 Yesuus, “namoonni awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” akka duʼaa kaafaman dubbateera. (Yohaannis 5:28) Kana jechuun namoonni Yihowaan yaadatu hundi gara jireenyaatti deebiʼu jechuu dha. Yihowaan nama tokko duʼaa kaasuuf garuu waaʼee nama sanaa wanta hunda yaadachuu qaba. Maarree kana gochuu ni dandaʼaa? Hawaa keessa urjoota biliyoonaan lakkaaʼamantu jira. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan maqaa urjiiwwan kanaa tokko tokkoon akka beeku dubbata. (Isaayaas 40:26 dubbisi.) Maqaa tokkoon tokkoon urjiiwwan kanaa yaadachuu erga dandaʼee, waaʼee namoota duʼaa kaasuu waan hunda yaadachuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, wantoota hunda kan uume Yihowaa waan taʼeef, namoota gara jireenyaatti deebisuuf humna akka qabu beekna.

14, 15. Wanti Iyoob dubbate duʼaa kaʼuu ilaalchisee maal nu barsiisa?

14 Iyoob inni amanamaan abdii duʼaa kaʼuutti ni amana ture. “Namni erga duʼee deebiʼee in jiraataa ree?” jedhee gaafatee ture. Achiis Yihowaadhaan, “Ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha” jedhee ture. Eeyyee, Iyoob Yihowaan yeroo namoota duʼan duʼaa itti kaasu hawwiidhaan eegaa akka jiru beeka ture.—Iyoob 14:13-15.

15 Abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? ‘Miseensonni maatii koo fi michoonni koos duʼaa ni kaʼuu laata?’ jettee gaafatta taʼa. Yihowaan namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuu akka barbaadu beekuun keenya nu jajjabeessa. Kitaabni Qulqulluun bakka isaan jiraatanii fi eenyufaa akka duʼaa kaʼan ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu.

ISAAN ‘SAGALEE ISAA DHAGAʼANII AWWAALA KEESSAA NI BAʼU’

16. Namoonni lafa irra akka jiraataniif duʼaa kaafaman jireenya akkamii jiraatu?

16 Namoonni bara duriitti duʼaa kaafaman maatii fi michoota isaanii lafa irra jiraatanii wajjin deebiʼanii wal arganiiru. Kun gara fuulduraattis karaa kana irra caaluun ni raawwatama. Akkas kan jennu maaliifi? Namoonni lafa irratti gara jireenyaatti deebifaman, carraa bara baraaf jiraachuu kan argatan siʼa taʼu, matumaa deebiʼanii hin duʼan. Addunyaa isa yeroo ammaatti nuti keessa jiraannu irraa baayʼee adda taʼe keessa jiraatu. Achi keessa waraanni, yakkii fi dhukkubni hin jiraatu.

17. Eenyufaatu duʼaa kaafama?

17 Eenyufaatu duʼaa kaafama? Yesuus, ‘namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼanii awwaala keessaa ni baʼu’ jedheera. (Yohaannis 5:28, 29) Mulʼanni 20:13, “Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan” jedha. Eeyyee, namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman deebiʼanii jiraatu. Phaawulos ergamaan, “qajeelonnis taʼan jalʼoonni” duʼaa akka kaafaman dubbateera. (Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.) Kana jechuun maal jechuu dha?

Jannata keessatti, namoonni duʼan duʼaa kaafamanii michoota isaanii wajjin jiraatu

18. “Qajeelonni” duʼaa kaafaman eenyu faʼi?

18 ‘Qajeelonni’ tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura jiraatan kan dabalatani dha. Namoonni akka Noh, Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruutii fi Asteer lafa irra akka jiraataniif duʼaa kaafamu. Waaʼee dhirootaa fi dubartoota kanaa Ibroota boqonnaa 11 irraa dubbisuu dandeessa. Waaʼee tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara keenyatti duʼanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Isaanis ‘qajeelota’ waan taʼaniif, duʼaa ni kaafamu.

19. ‘Jalʼoota’ kan jedhaman eenyu faʼi? Yihowaan hoo carraa akkamii isaaniif kenna?

19 ‘Jalʼoota’ kan jedhaman namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi Yihowaa beekuuf carraa hin arganne dha. Kan duʼan taʼanis Yihowaan garuu isaan hin irraanfanne. Yihowaan duʼaa isaan kaasa; isaanis waaʼee isaa barachuu fi isa tajaajiluuf carraa argatu.

20. Kan duʼaa kaafamu nama hunda miti kan jennu maaliifi?

20 Kana jechuun namoonni duʼan hundi duʼaa ni kaafamu jechuu dhaa? Lakki. Yesuus namoonni tokko tokko duʼaa akka hin kaafamne dubbateera. (Luqaas 12:5) Namni tokko duʼaa akka kaafamu ykn akka hin kaafamne kan murteessu eenyu dha? Murtoo isa dhumaa kan godhu Yihowaa taʼus, “warra jiranii fi warra duʼanitti akka murteessuuf” Yesuusiif aangoo kenneera. (Hojii Ergamootaa 10:42) Namni hamaa dha jedhamee isatti murteeffamee fi jijjiiramuuf fedhii hin qabaanne duʼaa hin kaafamu.—Ibsa Dabalataa 19 ilaali.

SAMII DHAQUUF DUʼAA KAAFAMUU

21, 22. (a) Samii irra jiraachuuf duʼaa kaafamuu jechuun maal jechuu dha? (b) Jireenya samiitiif jalqaba duʼaa kan kaafame eenyu dha?

21 Kana malees, Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko samii irra akka jiraatan dubbata. Namni tokko samii irra jiraachuuf yommuu duʼaa kaafamu, duʼaa kan kaafamu qaama fooniitiin miti. Kanaa mannaa, jireenya samiitiif qaama hafuuraatiin duʼaa kaafama.

22 Haala akkasiitiin jalqaba duʼaa kan kaafame Yesuusi dha. (Yohaannis 3:13) Yesuus erga ajjeefamee guyyaa sadii booda, Yihowaan duʼaa isa kaaseera. (Faarfannaa 16:10; Hojii Ergamootaa 13:34, 35) Yesuus duʼaa kan kaafame qaama fooniitiin miti. Pheexiros ergamaan waaʼee Yesuus yommuu ibsu, “fooniin ajjeefame, garuu hafuuraan jiraataa godhame” jedheera. (1 Pheexiros 3:18) Yesuus qaama hafuuraa humna guddaa qabu godhamee duʼaa kaafame! (1 Qorontos 15:3-6) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun haala kanaan duʼaa kan kaafamu isa qofa akka hin taane dubbata.

23, 24. ‘Tuutni xinnoon’ Yesuus waaʼee isaanii dubbate warra kami? Lakkoofsi isaanii hoo meeqa dha?

23 Yesuus duʼuu isaa dura barattoota isaa warra amanamoo taʼaniin, ‘Iddoo isiniif qopheessuun deema’ jedhee ture. (Yohaannis 14:2) Kana jechuun duuka buutota isaa keessaa tokko tokko samii irra akka jiraataniif duʼaa kaafamu jechuu dha. Lakkoofsi isaanii meeqa dha? Yesuus lakkoofsi isaanii muraasa akka taʼe yommuu dubbatu “tuuta xinnoo” jedheera. (Luqaas 12:32) Yohaannis ergamaan yeroo Yesuus ‘Gaara Xiyoon [isa samii] irra warra 144,000 wajjin dhaabatee’ akka arge dubbatetti lakkoofsi isaanii meeqa akka taʼe ifa godheera.—Mulʼata 14:1.

24 Kiristiyaanonni 144,000 duʼaa kan kaafaman yoomi? Kitaabni Qulqulluun Kiristoos samii irratti bulchuu erga jalqabee booda akka taʼe nutti hima. (1 Qorontos 15:23) Amma yeroo akkasii keessa jiraachaa kan jirru siʼa taʼu, warri 144,000 harki caalaan isaanii jireenya samiitiif duʼaa kaafamaniiru. Isaan keessaa warri hanga ammaatti lafa irra jiranii fi bara keenyatti duʼan battaluma duʼanitti duʼaa kaafamanii gara samii dhaqu. Haa taʼu malee, namoota duʼan keessaa harki caalaan lafa Jannata taatu keessa akka jiraataniif duʼaa kaafamu.

25. Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii baranna?

25 Yihowaan dhiheenyatti guutummaa ilmaan namootaa duʼa jalaa bilisa kan baasu siʼa taʼu, duutis bara baraaf ni balleeffama! (Isaayaas 25:8 dubbisi.) Namoonni gara samii dhaqan achii maal hojjetu? Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa Mootummaa tokkoo keessatti Yesuusii wajjin akka bulchan dubbata. Waaʼee bulchiinsa kanaa boqonnaa itti aanu keessatti caalaatti baranna.

^ KEY. 9 Kitaabni Qulqulluun waaʼee ijoollee fi maanguddoo, dhiiraa fi dubartii, nama Israaʼelii fi nama biyya ormaa duʼaa kaʼaniis nutti hima. Caqasawwan armaan gadii irraa dubbisuu dandeessa: 1 Mootota 17:17-24; 2 Mootota 4:32-37; 13:20, 21; Maatewos 28:5-7; Luqaas 7:11-17; 8:40-56; Hojii Ergamootaa 9:36-42; 20:7-12.