Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHAN

Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?

Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?

1. Waaʼee Maleekotaa barachuu kan qabnu maaliifi?

YIHOWAAN waaʼee maatii isaa akka beeknu barbaada. Maleekonni miseensota maatii Waaqayyoo ti. Kitaaba Qulqulluu keessatti “ilmaan Waaqayyoo” jedhamaniiru. (Iyoob 38:7) Hojiin maleekotaa maali dha? Bara duriitti namoota gargaaraa kan turan akkamitti? Yeroo ammaatti hoo nu gargaaruu ni dandaʼuu?—Ibsa Dabalataa 8 ilaali.

2. Maleekonni eessaa dhufan? Maleekota meeqatu uumame?

2 Maleekonni eessaa akka dhufan beekuu qabna. Qolosaayis 1:16 Yihowaan Yesuusiin erga uumee booda, ‘wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi akka uumaman’ dubbata. Kun immoo maleekotas ni dabalata. Maleekota meeqatu uumame? Kitaabni Qulqulluun maleekota miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman akka taʼan dubbata.—Faarfannaa 103:20; Mulʼata 5:11.

3. Iyoob 38:4-7 waaʼee maleekotaa maal jedha?

3 Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan lafa uumuu isaa dura maleekota akka uume dubbata. Lafti uumamuu ishii yeroo argan maaltu isaanitti dhagaʼame? Kitaabni Iyoob gammadanii akka turan dubbata. Isaan maatii tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatan turan.—Iyoob 38:4-7.

MALEEKONNI SABA WAAQAYYOO NI GARGAARU

4. Maleekonni namootaaf xiyyeeffannaa akka kennan akkamitti beekna?

4 Maleekonni namootaaf, akkasumas kaayyoo Yihowaan lafaa fi namootaaf qabuuf xiyyeeffannaa kennu. (Fakkeenya 8:30, 31; 1 Pheexiros 1:11, 12) Addaamii fi Hewwaan yeroo fincila kaasan baayʼee gaddanii taʼuu qaba. Yeroo ammaatti immoo, namoonni hedduun Yihowaadhaaf ajajamuu akka didan yommuu argan caalaatti akka gaddan beekamaa dha. Namni tokko yaada geddaratee gara Waaqayyootti yommuu deebiʼu garuu maleekonni baayʼee gammadu. (Luqaas 15:10) Maleekonni namoota Waaqayyoon tajaajilaniif xiyyeeffannaa addaa kennu. Yihowaan tajaajiltoota isaa lafa irratti argaman gargaaruu fi eeguuf isaanitti fayyadama. (Ibroota 1:7, 14) Mee gama kanaan fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

“Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise.” —Daaniʼel 6:22

5. Maleekonni bara duriitti saba Yihowaa kan gargaaran akkamitti?

5 Yihowaan, Looxii fi maatii isaa badiisa magaalota Sodoomii fi Gomoraa jalaa oolchuuf maleekota lama ergeera. (Uumama 19:15, 16) Waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda immoo, Daaniʼel raajichi boolla leencaa keessatti kan darbatame taʼus, ‘Waaqayyo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa waan cufsiiseef’ miidhaan isa irra hin geenye. (Daaniʼel 6:22) Yeroo boodas, Pheexiros ergamaan mana hidhaa yeroo turetti Yihowaan bilisa isa baasuuf maleekaa isaa ergeera. (Hojii Ergamootaa 12:6-11) Kana malees, maleekonni yeroo Yesuus lafa irra turetti isa gargaaraniiru. Fakkeenyaaf, erga cuuphamee booda, ‘maleekonni isa tajaajilaa turan.’ (Maarqos 1:13) Yesuus yeroo ajjeefamuuf turettis maleekaan tokko ‘isa jajjabeesseera.’—Luqaas 22:43.

6. (a) Maleekonni yeroo harʼaatti saba Waaqayyoo akka gargaaran akkamitti beekna? (b) Amma gaaffilee kamiif deebii arganna?

6 Yeroo harʼaatti, maleekonni namootatti hin mulʼatan. Taʼus Waaqayyo amma iyyuu tajaajiltoota isaa gargaaruuf maleekotatti fayyadama. Kitaabni Qulqulluun, “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas” jedha. (Faarfannaa 34:7) Eegumsi kan nu barbaachisu maaliifi? Diinota humna guddaa qabanii fi nu miidhuu barbaadan waan qabnuufi dha. Diinonni kun eenyu faʼi? Eessaa dhufan? Nu miidhuuf kan yaalan hoo akkamitti? Gaaffilee kana deebisuuf Addaamii fi Hewwaan erga uumamanii yeroo muraasa booda wanta taʼe haa ilaallu.

DIINOTA KEENYA IJAAN HIN MULʼANNE

7. Gowwoomsaa Seexanaatiin kan kaʼe namoonni maal godhaniiru?

7 Boqonnaa 3 irratti maleekaan tokko Waaqayyo irratti fincila akka kaasee fi warra kaan bulchuu akka barbaade ilaalleerra. Kitaabni Qulqulluun Seexana, akkasumas Diyaabilos jedhee isa waama. (Mulʼata 12:9) Seexanni warri kaanis Waaqayyo irratti akka fincila kaasan barbaada. Hewwaaniin gowwoomsuu dandaʼee kan ture siʼa taʼu, sana boodas namoota hedduu gowwoomseera. Haa taʼu malee namoonni akka Abeel, Heenokii fi Noh Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraataniiru.—Ibroota 11:4, 5, 7.

8. (a) Maleekonni tokko tokko jinniiwwan kan taʼan akkamitti? (b) Jinniiwwan Bishaan Badiisaa irraa ooluuf maal godhan?

8 Bara Nohitti maleekonni tokko tokko fincila kaasuudhaan bakka jireenyaa isaanii isa samii irra jiru dhiisanii nama taʼanii lafa irra jiraachuuf dhufanii turan. Maaliif? Kitaabni Qulqulluun haadhotii manaa fuudhuu akka barbaadan dubbata. (Uumama 6:2 dubbisi.) Kun garuu maleekotaaf hin heyyamamu ture. (Yihudaa 6) Akkuma maleekota kanaa namoonni yeroo sanatti turan hedduunis amala mancaʼaa kan qabanii fi hamoota taʼan. Achiis Yihowaan guutummaa lafaa irratti bishaan badiisaa fiduudhaan namoota hamoo balleessuuf murteesse. Tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan garuu oolcheera. (Uumama 7:17, 23) Maleekonni hamoon sun badiisa irraa ooluuf gara samiitti deebiʼan. Kitaabni Qulqulluun maleekota hamoo kana jinniiwwan jedhee waama. Isaan fincila Seexanni kaase irratti hirmaachuu kan filatan siʼa taʼan, Diyaabilos mootii isaanii taʼe.—Maatewos 9:34.

9. (a) Jinniiwwan gara samiitti yeroo deebiʼanitti maaltu isaan mudate? (b) Kanatti aansuudhaan waaʼee maalii baranna?

9 Jinniiwwan kun finciltoota waan taʼaniif Yihowaan gara maatii isaatti deebisee isaan hin simanne. (2 Pheexiros 2:4) Jinniiwwan, yeroo sanaa jalqabee qaama foonii uffachuu kan hin dandeenye taʼanis, amma iyyuu ‘guutummaa lafaa dogoggorsaa’ jiru. (Mulʼata 12:9; 1 Yohaannis 5:19) Mee akkamitti namoota hedduu akka gowwoomsan haa ilaallu.—2 Qorontos 2:11 dubbisi.

JINNIIWWAN NAMOOTA KAN GOWWOOMSAN AKKAMITTI?

10. Jinniiwwan namoota kan gowwoomsan akkamitti?

10 Jinniiwwan karaa garaa garaatiin namoota gowwoomsu. Namoonni kallattiidhaan ykn karaa namootaa jinniiwwan qunnamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, karaa namoota warra jinniiwwaniin qabaman fayyisna jedhanii ykn warra hooda dubbatanii taʼuu dandaʼa. Gochi akkasii gocha hafuurota hamoo jedhama. Kitaabni Qulqulluun garuu wanta jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qabu kam irraa iyyuu akka fagaannu nu ajaja. (Galaatiyaa 5:19-21) Maaliif? Akkuma adamsituun tokko bineensa qabuuf kiyyootti fayyadamu, jinniiwwan namoota qabuu fi toʼachuuf gowwoomsaatti fayyadamu.—Ibsa Dabalataa 26 ilaali.

11. Hooda dubbachuu jechuun maal jechuu dha? Gocha akkasii irraa fagaachuu kan qabnu hoo maaliifi?

11 Gowwoomsaa isaan itti fayyadaman keessaa tokko hooda dubbachuu dha. Kun wanta gara fuulduraatti taʼu ykn wanta hin beekamne tokko beekuuf humna humna namaatii ol taʼetti fayyadamuu kan argisiisu dha. Namoonni tokko tokko urjiiwwan, milkii fi finjaala ilaaluudhaan ykn barruu harkaa namootaa dubbisuudhaan akkas gochuuf yaalu. Namoonni hedduun gochawwan akkasii miidhaa akka hin qabne dubbatu; taʼus yaadni kun sirrii miti. Balaa guddaa geessisu. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun jinniiwwanii fi warri hooda dubbatan akka waliin hojjetan ibsa. Hojiin Ergamootaa 16:16-18, waaʼee ‘jinnii hooda dubbachiisuu’ fi intalli tokko ‘hooda akka dubbattu’ ishii gargaaree ibsa. Phaawulos ergamaan jinnicha erga ishii keessaa baasee booda, dandeettii hooda dubbachuu ishii dhabdeetti.

12. (a) Namoota duʼan qunnamuuf yaaluun balaa qaba kan jennu maaliifi? (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo gochawwan jinniiwwanii irratti matumaa hirmaachuu kan hin qabne maaliifi?

12 Jinniiwwan namoota kiyyootti galchuuf gowwoomsaa kan biraattis ni fayyadamu. Namoota duʼanitti dubbachuu akka dandeenyu, namoonni duʼan bakka taʼe tokko jiraachaa akka jiranii fi nu qunnamuu ykn nu miidhuu akka dandaʼan akka amannu gochuuf yaalu. Fakkeenyaaf, namni michuun isaa ykn firri isaa jalaa duʼe tokko, eker dubbistuu, jechuunis nama namoota duʼanitti dubbachuu akka dandaʼu dubbatu bira dhaqa taʼa. Eker dubbistuun kun nama sanatti waaʼee michuu ykn fira isaa wantoota tokko tokko himuu, darbees sagalee nama duʼe sanaa fakkeessee dubbachuu dandaʼa. (1 Saamuʼel 28:3-19) Sirni awwaalchaa hedduunis amantii namoonni duʼan bakka taʼe tokko jiraachaa akka jiran ibsu irratti kan hundaaʼe dha. Kun tarii awwaalcha booda afeerraa qopheessuu, taskaara baasuu, warra duʼaniif aarsaa dhiheessuu, sirna haati manaa ykn abbaan manaa yeroo duʼanitti raawwatamuu fi sirna reeffa eegaa buluu kan dabalatu dha. Kiristiyaanonni barsiifata akkasii irratti hirmaachuu yeroo didan maatiiwwan isaanii ykn hawaasni isaanii isaan ceephaʼa, isaan arrabsa ykn of irraa isaan fageessa taʼa. Kiristiyaanonni namoonni duʼan bakka taʼe tokko jiraachaa akka hin jirre beeku. Namoota duʼan qunnamuun hin dandaʼamu; nu miidhus hin dandaʼan. (Faarfannaa 115:17) Kanaaf of eeggadhu! Matumaa namoota duʼan ykn jinniiwwanii wajjin qunnamuu hin yaalin; gocha jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qabu irrattis hin hirmaatin.—Keessa Deebii 18:10, 11 dubbisi; Isaayaas 8:19.

13. Namoonni hedduun jinniiwwan sodaachaa turan maal gochuu dandaʼaniiru?

13 Jinniiwwan namoota gowwoomsuudhaan alattis isaan doorsisu. Yeroo harʼaatti Seexannii fi jinniiwwan isaa Waaqayyo “yeroo gabaabaa” booda akka isaan balleessu waan beekaniif, caalaatti hamoo taʼaniiru. (Mulʼata 12:12, 17) Taʼus, namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi kanaan dura jinniiwwan sodaachaa turan isaaniin sodaachuu dhiisaniiru. Sodaa kana irraa bilisa kan taʼan akkamitti?

JINNIIWWAN MOʼUUDHAAN BILISA BAʼI

14. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa jinniiwwan jalaa bilisa baʼuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Kitaabni Qulqulluun jinniiwwan moʼuu fi bilisa baʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti hima. Fakkeenyaaf, namoonni Efesoon tokko tokko dhugaa beekuu isaanii dura jinniiwwanii wajjin wal qunnamu turan. Bilisa kan baʼan akkamitti ree? Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjetan hedduunis, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban” jedha. (Hojii Ergamootaa 19:19) Kiristiyaanota taʼuu waan barbaadaniif, kitaabota isaanii warra waaʼee gocha hafuurota hamoo dubbatan hunda gubaniiru. Yeroo harʼaattis tarkaanfii akkasii fudhachuun barbaachisaa dha. Namni Yihowaa waaqeffachuu barbaadu wantoota jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaban kam irraa iyyuu bilisa baʼuu qaba. Kun kitaabota, barruulee, wantoota urjii lakkaaʼuuf gargaaran, fiilmiiwwan, muuziqaawwan, taphawwanii fi fakkiiwwan gochi hafuurota hamoo, jinniiwwan ykn wantoonni humna addaa qaban miidhaa kan hin qabnee fi gammachiisaa akka fakkaatan godhan dabalata. Kun wantoota namoonni wanta hamaa irraa of eeguuf godhatanis ni dabalata.—1 Qorontos 10:21.

15. Seexanaa fi jinniiwwan moʼuuf wanta dabalataa akkamii gochuu qabna?

15 Warri Efesoon kitaabota isaanii waaʼee gocha hafuurota hamoo dubbatan gubanii waggoota muraasa booda, Phaawulos ergamaan amma iyyuu “qabsoo” gochuu fi “humnoota hafuurota hamoo” loluun akka isaan barbaachisu barreessee ture. (Efesoon 6:12) Eeyyee, kitaabota isaanii kan guban taʼanis, jinniiwwan sun amma iyyuu isaan miidhuuf yaalaa turan. Maal gochuu qabu turan ree? Phaawulos, “Gaachana amantii guddaa isa xiyyaawwan bobaʼan warra kan isa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan kaasaa” isaaniin jedhee ture. (Efesoon 6:16) Akkuma gaachanni waraana irratti loltuu tokko eegu, amantiin keenyas nu eeguu dandaʼa. Yihowaan akka nu eegu amantii guutuu yoo qabaanne, Seexanaa fi jinniiwwan moʼuu ni dandeenya.—Maatewos 17:20.

16. Amantii Yihowaa irratti qabnu caalaatti cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Amantii Yihowaa irratti qabnu caalaatti cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Guyyaa guyyaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi eegumsa akka inni nuu godhu isa irratti amantii cimaa qabaachuu qabna. Amantiin Yihowaa irratti qabnu cimaa yoo taʼe, Seexannii fi jinniiwwan nu miidhuu hin dandaʼan.—1 Yohaannis 5:5.

17. Wanti jinniiwwan irraa nu eegu kan biraan maali dha?

17 Kiristiyaanonni Efesoon wanta dabalataa akkamii gochuu qabu turan? Magaalaa namoota gocha hafuurota hamoo raawwataniin guutamte keessa jiraatu turan. Kanaaf, Phaawulos “Yeroo hundumaa . . . kadhadhaa” isaaniin jedheera. (Efesoon 6:18) Yihowaan akka isaan eegu yeroo hunda isa kadhachuu qabu turan. Nuti hoo maal gochuu qabna? Nutis addunyaa namoota gocha hafuurota hamoo raawwataniin guutame keessa jiraanna. Kanaaf nutis Yihowaan akka nu eegu isa kadhachuu fi yeroo kadhannutti maqaa isaatti fayyadamuu qabna. (Fakkeenya 18:10, NW dubbisi.) * Yihowaan, Seexana jalaa akka nu oolchu isa kadhachuu keenya yoo itti fufne kadhannaa keenyaaf deebii kenna.—Faarfannaa 145:19; Maatewos 6:13.

18, 19. (a) Lola Seexanaa fi jinniiwwanii wajjin goonu irratti moʼuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanu irratti gaaffii kamiif deebii arganna?

18 Wantoota jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaban kam irraa iyyuu yoo bilisa baanee fi akka inni nu eegu Yihowaatti yoo amanamne Seexanaa fi jinniiwwan moʼuu ni dandeenya. Isaan sodaachuu hin qabnu. (Yaaqoob 4:7, 8 dubbisi.) Humni Yihowaa kan jinniiwwanii irra baayʼee caala. Bara Nohitti isaan adabeera; gara fuulduraatti immoo isaan balleessa. (Yihudaa 6) Lola kana irratti qofaa keenya akka hin taane yaadadhu. Yihowaan nu eeguuf maleekota isaatti fayyadamaa jira. (2 Mootota 6:15-17) Gargaarsa Yihowaatiin, lola Seexanaa fi jinniiwwanii wajjin goonu akka moonu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Pheexiros 5:6, 7; 2 Pheexiros 2:9.

19 Haa taʼu malee, Seexannii fi jinniiwwan rakkina hedduu geessisaa jiru erga taʼee, Waaqayyo hamma yoonaatti maaliif isaan hin balleessine? Gaaffiin kun boqonnaa itti aanu irratti deebii argata.

^ KEY. 17 Fakkeenya 18:10, (NW): “Maqaan Yihowaa gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqachuudhaan eegumsa argata.”