Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA AFUR

Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa

Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa

1, 2. Yihowaan maatiiwwan maal akka qabaatan barbaada?

GAAʼELA isa jalqabaa kan hundeesse Yihowaa dha. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan dubartii ishii jalqabaa uumee ‘namichatti akka geesse’ dubbata. Addaamis baayʼee waan gammadeef, “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jedhee dubbateera. (Uumama 2:22, 23) Kun Yihowaan namoonni gaaʼela qaban akka gammadan akka barbaadu nu hubachiisa.

2 Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni baayʼeen maatiin isaanii matumaa gammachuu qabaatee hin beeku. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama miseensota maatii hundaaf taʼuu fi maatichi milkaaʼina akka qabaatu, akkasumas waliin taʼuu isaaniitti gammadoo akka taʼan isaan gargaaru qabateera.—Luqaas 11:28.

WANTA WAAQAYYO ABBOOTII MANAA IRRAA EEGU

3, 4. (a) Abbaan manaa haadha manaa isaa akkamitti qabuu qaba? (b) Abbaan manaa fi haati manaa dhiifama waliif gochuun isaanii barbaachiisaa kan taʼe maaliifi?

3 Kitaabni Qulqulluun, abbaan manaa gaariin haadha manaa isaa jaalalaa fi kabajaan qabuu akka qabu dubbata. Efesoon 5:25-29 dubbisi. Abbaan manaa yeroo hunda haadha manaa isaa jaalalaan qabuu qaba. Kana malees eegumsa gochuu fi ishii kunuunsuu qaba; akkasumas wanta ishii miidhu gochuu hin qabu.

4 Haa taʼu malee, abbaan manaa yeroo haati manaa isaa dogoggortu maal gochuu qaba? Abbootiin manaa, “Haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa; akka malees isaanitti hin dheekkaminaa” jedhamanii gorfamaniiru. (Qolosaayis 3:19) Isinis dogoggora akka hojjettan yaadadha. Waaqayyo dhiifama akka isiniif godhu yoo barbaadan, isinis haadhotii manaa keessaniif dhiifama gochuu qabdu. (Maatewos 6:12, 14, 15) Abbaan manaa fi haati manaa dhiifama walii gochuuf fedhii qabaachuun isaanii, gaaʼelli isaanii gammachuu akka qabaatu isaan gargaara.

5. Abbaan manaa haadha manaa isaa kabajuu kan qabu maaliifi?

5 Yihowaan abbaan manaa haadha manaa isaa akka kabaju isa irraa eega. Abbaan manaa, wanta haadha manaa isaatiif barbaachisu irratti sirriitti yaaduu qaba. Kun dhimma xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii qabu dha. Abbaan manaa haadha manaa isaa sirriitti hin qabu yoo taʼe, Yihowaanis kadhannaa isaa dhagaʼuu dhiisuu dandaʼa. (1 Pheexiros 3:7) Wanti namoonni Yihowaa duratti iddoo guddaa akka qabaatan godhu, isa jaallachuu isaanii ti. Inni dhiiraa fi dubartii wal hin caalchisu.

6. Abbaan manaa fi haati manaa “foon tokko dha” yeroo jedhamu maal jechuu dha?

6 Yesuus waaʼee abbaa manaa fi haadha manaa yeroo dubbatu, “sana booda foon tokko dha malee lama miti” jedheera. (Maatewos 19:6) Amanamoo waliif taʼuu qabu; akkasumas amanamummaa waliif qaban matumaa hirʼisuu hin qaban. (Fakkeenya 5:15-21; Ibroota 13:4) Abbootiin manaas taʼan haadhotiin manaa, haala ofittummaa irraa walaba taʼeen fedhii saalaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii guutuu qabu. (1 Qorontos 7:3-5) Abbaan manaa yaada, “namni qaama isaa jibbu hin jiru; kanaa mannaa . . . ni soora, akkasumas ni kunuunsa” jedhu yaadachuu qaba. Kanaaf, haadha manaa isaa jaallachuu fi bakka guddaa kennuufii qaba. Haati manaa hunda caalaa abbaan manaa ishii gaarii akka ishiidhaaf taʼuu fi akka ishii jaallatu barbaaddi.—Efesoon 5:29.

WANTA WAAQAYYO HAADHOTII MANAA IRRAA EEGU

7. Maatiin, mataan kan isa barbaachisu maaliifi?

7 Maatiin kam iyyuu tokkummaadhaan hojjechuu akka dandaʼuuf mataa, jechuunis nama maaticha geggeessu barbaada. Kitaabni Qulqulluun 1 Qorontos 11:3 irratti, “Mataan dhiira hundumaa Kiristoos, mataan dubartiis dhiira, mataan Kiristoos immoo Waaqayyo [dha]” jedha.

8. Haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu kan dandeessu akkamitti?

8 Abbaan manaa kam iyyuu dogoggora ni hojjeta. Taʼus, haati manaa murtoo abbaan manaa ishii godhu yeroo deggertuu fi fedhii ishiitiin isaa wajjin wal taʼiinsaan yommuu hojjetu guutummaan maatichaa ni fayyadama. (1 Pheexiros 3:1-6) Kitaabni Qulqulluun, “Haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu qabdi” jedha. (Efesoon 5:33) Abbaan manaa ishii amantii ishii kan hin hordofne yoo taʼe hoo? Haala akkasii keessattis kabaja guddaa isaaf kennuu qabdi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isin haadhotiin manaas, dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee amala keessan isa gaariidhaan akka moʼamaniif abbootii manaa keessaniif bitamaa; kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha.” (1 Pheexiros 3:1, 2) Haati manaa fakkeenya gaarii yoo taate, abbaan manaa ishii akka ishii hubatuu fi amantii ishii akka kabaju gochuu dandaʼa.

9. (a) Haati manaa abbaa manaa ishii wajjin walii galuun yoo ishii rakkise maal gochuu qabdi? (b) Gorsi Tiitoo 2:4, 5 irratti haadhotii manaatiif kenname maali dha?

9 Haati manaa abbaa manaa ishii wajjin walii galuun yoo ishii rakkise maal gochuu dandeessi? Karaa kabaja qabuun yaada ishii ibsuu qabdi. Fakkeenyaaf, Saaraan wanta Abrahaam itti hin gammadne dubbattee turte; haa taʼu malee Yihowaan, “Waanuma Saaraan sitti himtu dhagaʼi!” isaan jedheera. (Uumama 21:9-12) Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe carraan murtoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu itti godhu dhiphaa dha; kanaaf, haati manaa isaa isa deggeruu qabdi. (Hojii Ergamootaa 5:29; Efesoon 5:24) Haati manaa gaariin maatii ishii ni kunuunsiti. (Tiitoo 2:4, 5 dubbisi.) Abbaan manaa ishii fi ijoolleen ishii isaaniif jettee hammam jabaattee akka hojjettu yommuu argan caalaatti ishii jaallatu, akkasumas ishii kabaju.—Fakkeenya 31:10, 28.

Saaraan haadhotii manaatiif fakkeenya gaarii kan taatu akkamitti?

10. Kitaabni Qulqulluun gargar baʼuu fi wal hiikuu ilaalchisee maal jedha?

10 Yeroo tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf dafanii murteessu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin,” akkasumas “abbaan manaas haadha manaa isaa hin dhiisin” jedha. (1 Qorontos 7:10, 11) Rakkinni humnaa ol taʼe yeroo isaan mudatu hiriyoonni gaaʼelaa gargar baʼu taʼa; kun garuu murtoo akka laayyootti ilaalamu miti. Wal hiikuu ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Kitaabni Qulqulluun wal hiikuuf sababii gaʼaa kan taʼu, abbaan manaa ykn haati manaa nama kan biraa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatan qofa akka taʼe ibsa.—Maatewos 19:9.

WANTA WAAQAYYO WARRA IRRAA EEGU

Yesuus miseensota maatii hundaaf fakkeenya gaarii taʼa

11. Wanti ijoolleen hunda caalaa barbaadan maali dha?

11 Warri, hamma isiniif dandaʼametti ijoollee keessanii wajjin yeroo dabarsuuf yaalaa. Ijoolleen keessan akka isaanii wajjin taatan barbaadu; hunda caalaa immoo waaʼee Yihowaa akka isaan barsiistan barbaadu.—Keessa Deebii 6:4-9.

12. Warri, ijoollee isaaniitiif eegumsa gochuuf maal gochuu qabu?

12 Addunyaa Seexanaa keessatti hammeenyi caalaatti baayʼachaa waan jiruuf, namoonni ijoollee keenya miidhuu, darbees fedhii saalaa isaaniitiif itti fayyadamuu barbaadan jiru taʼa. Maatiiwwan tokko tokko waaʼee dhimma kanaa dubbachuun isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee warri, waaʼee namoota akkanaa fi akkamitti isaan irraa of eeguu akka dandaʼan ijoollee isaanii barsiisuu qabu. Warri ijoollee keessaniif eegumsa gochuu qabdu. *1 Pheexiros 5:8.

13. Warri ijoollee isaanii barsiisuu kan qaban akkamitti?

13 Warri, ijoolleen isaanii amala gaarii akka qabaatan barsiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Ijoollee keessan barsiisu kan dandeessan akkamitti? Ijoolleen keessan leenjiin isaan barbaachisa; taʼus, gara jabinaan isaan adabuu hin qabdan. (Ermiyaas 30:11) Kanaaf, yeroo aartanii jirtanitti matumaa ijoollee keessan hin adabinaa. Dubbiin keessan ‘akka billaa nama waraanuu’ akka taʼuu fi akka isaan miidhu hin barbaaddan. (Fakkeenya 12:18) Ijoolleen keessan ajajamuu kan qaban maalif akka taʼe akka hubatan gargaaraa.—Efesoon 6:4; Ibroota 12:9-11; Ibsa Dabalataa 30 ilaali.

WANTA WAAQAYYO IJOOLLEE IRRAA EEGU

14, 15. Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuu kan qaban maaliifi?

14 Yesuus yeroo hunda, yeroo rakkisaa taʼetti illee Abbaa isaatiif ajajameera. (Luqaas 22:42; Yohaannis 8:28, 29) Yihowaan, ijoolleenis warra isaaniitiif akka ajajaman isaan irraa eega.—Efesoon 6:1-3.

15 Ijoolle, warra keessaniif ajajamuun ulfaata akka taʼe yeroo isinitti dhagaʼamu illee, yommuu ajajamtan Yihowaa fi warri keessan akka isinitti gammadan yaadadhaa. *Fakkeenya 1:8; 6:20; 23:22-25.

Dargaggoonni, wanta sirrii hin taane akka raawwatan yommuu qoraman, Waaqayyoof amanamoo taʼuuf maaltu isaan gargaara?

16. (a) Seexanni, dargaggoonni wanta gadhee akka raawwatan isaan qoruuf kan yaalu akkamitti? (b) Hiriyoota Yihowaa jaallatan filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

16 Diyaabilos, wanta sirrii hin taane akka raawwattan isin qoruuf, hiriyoota keessanitti ykn dargaggoota kaanitti fayyadamuu dandaʼa. Inni dhiibbaa akkanaa moʼuun baayʼee ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beeka. Fakkeenyaaf, intalli Yaaqoob Dhineen hiriyoota Yihowaa hin jaallanne qabdi turte. Kun immoo, ishii irrattis taʼe maatii ishii irratti rakkina guddaa geessiseera. (Uumama 34:1, 2) Hiriyoonni kee Yihowaa kan hin jaallanne yoo taʼan, wanta Yihowaan jibbu raawwachuuf akka qoramtu gochuu dandaʼu; kun immoo siin, maatii kee fi Waaqayyoon baayʼee gaddisiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 17:21, 25) Hiriyoota Yihowaa jaallatan qabaachuun kee baayʼee barbaachisaa kan taʼe kanaafi dha.—1  Qorontos 15:33.

MAATIIN KEE GAMMACHUU QABACHUU NI DANDAʼA

17. Miseensonni maatii hundi itti gaafatamummaa akkamii qabu?

17 Miseensonni maatii qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan, walitti buʼiinsaa fi rakkina baayʼee hambisuu dandaʼu. Kanaaf, abbaa manaa yoo taate haadha manaa kee jaalladhu, akkasumas jaalalaan ishii qabi. Haadha manaa yoo taate immoo, abbaa manaa kee kabaji, isaafis bitami; akkasumas fakkeenya haadha manaa ishii Fakkeenya 31:10-31 irratti ibsamtee hordofi. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaa akka jaallatan barsiisaa. (Fakkeenya 22:6) Abbaa yoo taatan, maatii keessan “haala gaariidhaan” geggeessaa. (1 Ximotewos 3:4, 5; 5:8) Ijoollee yoo taatan, warra keessaniif ajajamaa. (Qolosaayis 3:20) Miseensonni maatii hundi dogoggora akka raawwatan yaadadhaa; kanaaf gad of qabaa; akkasumas dhiifama wal gaafadhaa. Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama Yihowaa miseensota maatii hundaaf taʼu qabateera.

^ KEY. 12 Ijoollee keetiif eegumsa gochuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 32 ilaali.

^ KEY. 15 Mucaan tokko warri isaa wanta seera Waaqayyoo wajjin wal hin simne akka godhu yoo isa gaafatan ajajamuu hin qabu.—Hojii Ergamootaa 5:29.