Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA JAʼA

Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu

Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu

1, 2. Gaaffii akkamii of gaafachuu qabda? Kun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

QOʼANNAA Kitaaba Qulqulluu kee irratti, namoonni Waaqayyoon akka waaqeffatan dubbatan baayʼeen wanta inni jibbu akka barsiisan ykn akka raawwatan baratteetta. (2 Qorontos 6:17) Yihowaan amantii sobaa, jechuunis “Baabilon Guddittii” keessaa akka baanu kan nu ajaje kanaafi dha. (Mulʼata 18:2, 4) Maal gochuu qabda ree? Hundi keenya filannoo gochuu dandeenya; ‘Karaa Waaqayyo barbaaduunan isa waaqeffachuu barbaada moo karaan duraan isa waaqeffachaa tureenan isa waaqeffachuu barbaada?’ jennee of gaafachuu qabna.

2 Amantii sobaa keessaa baateetta taanaan baayʼee gaarii dha. Taʼus keessa keetti amma iyyuu gochawwanii fi duudhaawwan amantii sobaa tokko tokko irratti hirmaachuun si gammachiisa taʼa. Mee kanneen keessaa muraasa isaanii irratti, akkasumas wantoota kanaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa mariʼannu.

FAKKIIWWANII FI ABBOOTII DURII WAAQEFFACHUU

3. (a) Namoonni tokko tokko waaqeffannaa isaanii irratti fakkiiwwanitti fayyadamuu dhiisuun kan isaanitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

3 Namoonni tokko tokko waggoota hedduudhaaf mana isaanii keessatti Waaqayyoon waaqeffachuuf fakkiiwwanitti ykn iddoowwan qulqulluu jedhamanitti fayyadamaa turaniiru. Atis haala akkasii keessa turte taanaan, wantoota kanatti utuu hin fayyadamin Waaqayyoon waaqeffachuun haaraa sitti taʼuu, darbees dogoggora sitti fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan akkamitti isa waaqeffachuu akka qabnu akka nu barsiisu yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan waaqeffannaa keenya keessatti fakkiiwwanitti akka fayyadamnu akka hin barbaadne ifatti dubbata.—Baʼuu 20:4, 5 dubbisi; Faarfannaa 115:4-8; Isaayaas 42:8; 1 Yohaannis 5:21.

4. (a) Abbootii keenya durii waaqeffachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yihowaan sabni isaa warra duʼanii wajjin dubbachuuf akka hin yaalle kan isaan ajaje maaliifi?

4 Namoonni tokko tokko abbootii isaanii duʼan gammachiisuuf yeroo fi humna hangana hin jedhamne balleessu taʼa. Darbees, isaan waaqeffachuu dandaʼu. Nuti garuu warri duʼan nu gargaaruus taʼe nu miidhuu akka hin dandeenye baranneerra. Iddoo taʼe tokko jiraachaa hin jiran. Isaan qunnamuuf yaaluun balaa guddaa qaba; sababiin isaas ergaan firroottan duʼan biraa dhufe fakkaatu kam iyyuu jinniiwwan biraa kan dhufu dha. Yihowaan Israaʼeloonni namoota duʼanii wajjin dubbachuuf akka hin yaalle, akkasumas gocha jinniiwwanii kam irratti iyyuu akka hin hirmaanne kan isaan ajaje kanaafi dha.—Keessa Deebii 18:10-12; Ibsa Dabalataa 26 fi 31 ilaali.

5. Waaqayyoon waaqeffachuuf fakkiiwwanitti fayyadamuu ykn abbootii kee durii waaqeffachuu dhiisuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

5 Waaqayyoon waaqeffachuuf fakkiiwwanitti fayyadamuu ykn abbootii kee durii waaqeffachuu dhiisuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi ilaalcha Yihowaan wantoota kanaaf qabu irratti of eeggannoodhaan yaaduu qabda. Inni ‘ciiggaʼamoo’ ykn jibbisiisoo akka taʼanitti isaan ilaala. (Keessa Deebii 27:15) Yihowaan ilaalcha akka isaa akka qabaattuu fi karaa inni barbaaduun akka isa waaqeffattu akka si gargaaru yeroo hunda kadhadhu. (Isaayaas 55:9) Yihowaan wantoota amantii sobaa wajjin wal qabatan kam irraa iyyuu fagaachuuf jabina si barbaachisu akka sii kennu mirkanaaʼaa taʼi.

AYYAANA QILLEE KABAJUU QABNAA?

6. Guyyaan dhalootaa Yesuus Muddee 25 akka kabajamu kan filatame maaliifi?

6 Addunyaa maratti, Ayyaanni Qillee ayyaanota baayʼee beekamoo taʼan keessaa tokko siʼa taʼu, namoonni baayʼeen guyyaa dhaloonni Yesuus itti kabajamu akka taʼe godhanii yaadu. Taʼus, Ayyaanni Qillee amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaba. Insaayikilooppeediyaan tokko akka ibsetti namoonni Roomaa Waaqayyoon hin beekne guyyaa dhalootaa aduu Muddee 25 kabaju turan. Yesuus kan dhalate Muddee 25 taʼuu baatus, geggeessitoonni amantii namoonni Waaqayyoon hin beekne hedduun Kiristiyaanota akka taʼan waan barbaadaniif, guyyaa dhalootaa Yesuus guyyaa sanatti kabajuuf murteessan. (Luqaas 2:8-12) Barattoonni Yesuus garuu Ayyaana Qillee hin kabajan turan. Kitaabni Ingiliffaa Sacred Origins of Profound Things jedhamu akka ibsetti, Yesuus dhalatee waggoota 200 booda, “guyyaa sirrii inni itti dhalate namni beeku hin turre; namoonni kana beekuu barbaadanis muraasa turan.” Ayyaanni Qillee kabajamuu kan jalqabe Yesuus duʼee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda ture.

7. Kiristiyaanonni dhugaa Ayyaana Qillee kan hin kabajne maaliifi?

7 Namoonni hedduun Ayyaanni Qillee fi duudhaawwan ayyaana kana irratti raawwataman, kan akka afeerraa fi kennaa walii kennuu namoota Waaqayyoon hin beekne irraa akka dhufan beeku. Fakkeenyaaf, namoota Waaqayyoon hin beekne irraa waan dhufeef Ingilaandii fi biyyoota Ameerikaa tokko tokko keessatti Ayyaana Qillee kabajuun dhowwamee ture. Namni ayyaana kana kabaje ni adabama ture. Yeroo booda garuu namoonni ayyaana kana deebisanii kabajuu jalqaban. Kiristiyaanonni dhugaa Ayyaana Qillee kan hin kabajne maaliifi? Wanta godhan hundaan Waaqayyoon gammachiisuu waan barbaadaniifi dha.

GUYYAA DHALOOTAA KABAJUU QABNAA?

8, 9. Kiristiyaanonni durii guyyaa dhalootaa kan hin kabajne maaliifi?

8 Ayyaanni namoota hedduu biratti beekamaa taʼe kan biraan immoo guyyaa dhalootaa kabajuu dha. Kiristiyaanonni guyyaa dhalootaa kabajuu qabuu? Kitaaba Qulqulluu keessatti guyyaa dhalootaa isaanii akka kabajan kan ibsame namoota Yihowaa hin waaqeffanne qofa dha. (Uumama 40:20; Maarqos 6:21) Guyyaa dhalootaa kabajuun waaqolii sobaatiif ulfina kennuuf tajaajilaa tureera. Kiristiyaanonni durii, ‘guyyaa dhalootaa nama kamii iyyuu kabajuu barsiifata saboota Waaqayyoon hin beeknee godhanii kan ilaalan’ kanaaf ture.—The World Book Encyclopedia.

9 Warri Roomaa fi warri Giriikii durii, namni tokko yeroo dhalatu hafuurri tokko achitti akka argamtuu fi umurii isaa guutuu nama sana akka eegdu amanu. Kitaabni Ingiliffaa The Lore of Birthdays jedhamu, “Hafuurri kun guyyaa namni sun dhalatetti waaqa guyyaa sana guyyaan dhalootaa isaa kabajamuufii wajjin walitti dhufeenya iccitii taʼe qabdi turte” jedheera.

10. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti guyyaa dhalootaa kabajuu kan hin qabne maaliifi?

10 Ayyaanawwan amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kun Yihowaa biratti fudhatama kan argatan sitti fakkaataa? (Isaayaas 65:11, 12) Lakki. Guyyaa dhalootaa ykn ayyaanawwan amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kam iyyuu kan hin kabajnes kanaafi dha.

MADDI ISAA JIJJIIRAMA NI FIDAA?

11. Namoonni tokko tokko guyyoota ayyaanaa kan kabajan maaliifi? Wanti ati iddoo guddaa kennuufii qabdu maali dha?

11 Namoonni tokko tokko Ayyaanni Qillee fi ayyaanonni kan biroon namoota Waaqayyoon hin beekne irraa akka dhufan kan beekan taʼus, ayyaanota kana kabajuu isaanii itti fufaniiru. Yeroowwan kun maatii wajjin yeroo dabarsuuf carraa gaarii akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Maatii kee wajjin yeroo dabarsuuf barbaaduun kee dogoggora miti. Maatii kan uume Yihowaa dha; inni immoo isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu barbaada. (Efesoon 3:14, 15) Haa taʼu malee, wanti irratti xiyyeeffachuu qabnu ayyaanota amantii sobaa kabajuudhaan firoota keenya gammachiisuu utuu hin taʼin, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu keenya dha. Phaawulos ergamaan, “Wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu yeroo hundumaa qoraa mirkaneessaa” kan jedhe kanaafi dha.—Efesoon 5:10.

12. Guyyoonni ayyaanaa Yihowaa biratti fudhatama akka hin qabaanne kan godhu maali dha?

12 Namoonni hedduun maddi ayyaanota kanaa jijjiirama akka hin fidne isaanitti dhagaʼama; Yihowaan garuu akkas isatti hin dhagaʼamu. Ayyaanonni waaqeffannaa sobaa irraa dhufan ykn namootas taʼe mallattoowwan biyyaalessaa ol ol godhan isa biratti fudhatama hin qaban. Fakkeenyaaf, warri Gibxii ayyaanota waaqolii sobaa isaaniitiif kabajan hedduu qabu turan. Israaʼeloonni Gibxii erga baʼanii booda, ayyaanota namoota Waaqayyoon hin beeknee keessaa tokko fudhachuudhaan “ulfina gooftichaatiif [“Yihowaatiif,” NW] guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jedhanii turan. Yihowaan garuu gocha isaanii kanaaf isaan adabeera. (Baʼuu 32:2-10) Akkuma Isaayaas raajichi dubbate, ‘wanta xuraaʼaa harkaan qabuu’ hin qabnu.—Isaayaas 52:11 dubbisi.

HARIIROO NAMOOTAA WAJJIN QABDU IRRATTI GAARUMMAA ARGISIISI

13. Guyyoota ayyaanaa kabajuu dhiisuuf yeroo murteessitu, gaaffiiwwan akkamii qabaachuu dandeessa?

13 Guyyoota ayyaanaa kabajuu dhiisuuf yeroo murteessitu, wantoonni gaaffii sitti taʼan hedduun jiraachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni anaa wajjin hojjetan Ayyaana Qillee maaliif akkan hin kabajne yoo na gaafatan maalan godha? Namni tokko kennaa Ayyaana Qillee yoo naa kenne maal gochuun qaba? Hiriyaan gaaʼelaa koo guyyaa ayyaanaa akkan kabaju yoo barbaadde maal gochuun qaba? Ijoolleen koo guyyaa ayyaanaa ykn guyyaa dhalootaa isaanii kabajuu dhiisuu kootti akka hin gaddineef akkamittan isaan gargaaruu dandaʼa?

14, 15. Namni tokko ‘Baga ittiin si gaʼe’ yoo siin jedhe ykn kennaa yoo sii kenne maal goota?

14 Haalawwan akkasii keessatti wanta dubbattuu fi wanta gootu murteessuuf dandeettii yaaduu keetti fayyadamuun kee barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, namni tokko ‘Baga ittiin si gaʼe’ yoo siin jedhe callisuu mannaa, “Galatoomi” jechuu dandeessa. Haa taʼu malee namni tokko waaʼee kanaa balʼinaan beekuu yoo barbaade, maaliif ayyaana akka hin kabajne ibsuufii dandeessa. Taʼus, yeroo hunda malatti fayyadami, akkasumas gaarummaa fi kabaja argisiisi. Kitaabni Qulqulluun, “Nama hundaaf akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu” jedha. (Qolosaayis 4:6) Namootaa wajjin yeroo dabarsuu fi kennaa kennuun kan si gammachiisu taʼus, guyyoota ayyaanaa wajjin haala wal qabateen akkas gochuu akka hin barbaadne itti himuu dandeessa taʼa.

15 Namni tokko kennaa yoo sii kenne maal gochuu qabda? Kitaabni Qulqulluun seera akkana gochuu qabda jedhu hin kennu; taʼus qalbii gaarii qabaachuu akka qabnu dubbata. (1 Ximotewos 1:18, 19) Namni kennaa kana sii kenne tarii akka ati ayyaana hin kabajne hin beeku taʼa. Yookiin “Akka ati ayyaana hin kabajne beeka, garuu kennaa kana sii kennuun barbaada” jedha taʼa. Haala lamaan keessatti iyyuu, kennaa sana fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandeessa. Taʼus murtoon ati gootu qalbiin kee akka si ceephaʼu gochuu hin qabu. Wanta walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu kam iyyuu gochuu hin barbaadnu.

SII FI MAATII KEE

Warri Yihowaa tajaajilan gammadoo dha

16. Maatiin kee ayyaana kabajuu yoo barbaadan maal gochuu qabda?

16 Maatiin kee ayyaana kabajuu yoo barbaadan maal gochuu qabda? Isaanii wajjin walitti buʼuu hin qabdu. Wanta gochuu barbaadan murteessuuf mirga akka qaban yaadadhu. Gaarummaa argisiisi, akkasumas akkuma isaan filannaa kee akka siif kabajan barbaaddu atis filannaa isaanii kabajiif. (Maatewos 7:12 dubbisi.) Haa taʼu malee, maatiin kee guyyaa ayyaanaatti isaanii wajjin akka dabarsitu yoo barbaadan maal gochuu qabda? Wanta gochuu qabdu murteessuu kee dura, murtoo gaarii akka gootu akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Haalicha irratti yaadi; qorannaa irratti godhi. Yeroo hunda Yihowaa gammachiisuu akka barbaadu yaadadhu.

17. Ijoolleen kee, warri kaan yeroo ayyaana kabajan arganii wanti isaanitti hafe akka jiru akka isaanitti hin dhagaʼamneef akkamitti isaan gargaaruu dandeessa?

17 Ijoolleen kee, warri kaan yeroo ayyaana kabajan arganii wanti isaanitti hafe akka jiru akka isaanitti hin dhagaʼamneef akkamitti isaan gargaaruu dandeessa? Darbee darbee qophii addaa qopheessuufii dandeessa. Kennaa isaaniif kennuudhaan isaan gammachiisuus ni dandeessa. Kennaa ijoollee keetiif kennuu dandeessu keessaa inni guddaan yeroo kee fi jaalala kee ti.

WAAQEFFANNAA DHUGAA HORDOFI

18. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu kan qabnu maaliifi?

18 Yihowaa gammachiisuuf amantii sobaa keessaa baʼuu, akkasumas duudhaawwanii fi guyyoota ayyaanaa amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban irraa fagaachuu qabna. Taʼus, waaqeffannaa dhugaas hordofuu qabna. Akkamitti? Karaan inni tokko, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hunda argamuu dha. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Walgaʼiiwwan, kutaa waaqeffannaa dhugaa baayʼee barbaachisoo taʼani dha. (Faarfannaa 22:22; 122:1) Yeroo walgeenyu wal jajjabeessuu dandeenya.—Roomaa 1:12.

19. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratte namootatti himuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

19 Karaa biraan waaqeffannaa dhugaa itti hordoftu immoo wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratte namootatti himuu dha. Namoonni hedduun wanti hamaan lafa irratti taʼaa jiru baayʼee isaan dhiphisa. Tarii atis nama miira akkasii qabu beekta taʼa. Abdii yeroo gara fuulduraa gammachiisaa ati qabdu itti himi. Gumii Kiristiyaanaa irratti yommuu argamtuu fi namootatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo himtu, kutaa amantii sobaa fi duudhaawwan isaa taʼuuf fedhii ati qabdu badaa deema. Karaa sirrii taʼeen Yihowaa waaqeffachuuf yeroo murteessitu gammachuu akka argattuu fi Yihowaan carraaqqii kee akka eebbisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Miilkiyaas 3:10.