Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SADDEET

Waaqayyoof Of Murteessuu fi Cuuphamuun Qabaa?

Waaqayyoof Of Murteessuu fi Cuuphamuun Qabaa?

1. Kitaaba kana of eeggannoodhaan erga qoʼattee booda maal jettee yaaduu dandeessa?

KITAABA kana yommuu qoʼattu dhugaa Kitaaba Qulqulluu hedduu, jechuunis abdii Waaqayyo jireenya bara baraa ilaalchisee kenne, warri duʼan haala akkamii keessa akka jiranii fi waaʼee abdii duʼaa kaʼuu baratteetta. (Lallaba 9:5; Luqaas 23:43; Yohaannis 5:28, 29; Mulʼata 21:3, 4) Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu jalqabdee, akkasumas waaqeffannaa dhugaa akka hordofan amanteetta taʼa. (Yohaannis 13:35) Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuu jalqabdee, akkasumas isa tajaajiluu akka barbaaddu murteessitee taʼuu dandaʼa. Kanaaf, ‘Waaqayyoon tajaajiluuf amma maal gochuun qaba?’ jettee yaadda taʼa.

2. Namni Itoophiyaa tokko cuuphamuu kan barbaade maaliifi?

2 Namni Itoophiyaa bara Yesuusitti ture akkasuma jedhee yaadee ture. Yesuus duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda, Filiphoos inni barataa Yesuus taʼe nama kanaaf lallabee ture. Filiphoos, Yesuus Masiihicha taʼuu isaa isaaf mirkaneesse. Namni Itoophiyaa kunis wanta baratetti garaan isaa waan tuqameef yeruma sana, “Kunoo, bishaan as jira, akkan hin cuuphamne wanti na dhowwu maali dha?” jedhe.—Hojii Ergamootaa 8:26-36.

3. (a) Yesuus duuka buutota isaatiif ajaja akkamii kenne? (b) Namni tokko cuuphamuu kan qabu akkamitti?

3 Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa tajaajiluu yoo barbaadde cuuphamuu akka qabdu ifatti barsiisa. Yesuus duuka buutota isaatiin, “Isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” jedheera. (Maatewos 28:19) Yesuus ofii isaatiis cuuphamuudhaan fakkeenya taʼeera. Kan cuuphame guutummaatti bishaan keessa gad lixee malee mataa isaatti bishaan facaasamee miti. (Maatewos 3:16) Yeroo harʼaattis Kiristiyaanni tokko yommuu cuuphamu guutummaatti bishaan keessa gad lixuu qaba.

4. Cuuphamuun kee warri kaan maal akka hubatan godha?

4 Cuuphamuun kee, warri kaan dhugumaan michuu Yihowaa taʼuu fi isa tajaajiluu akka barbaaddu akka hubatan godha. (Faarfannaa 40:7, 8) Kanaaf, ‘Cuuphamuuf maal gochuun qaba?’ jettee gaafatta taʼa.

BEEKUMSAA FI AMANTII

5. (a) Cuuphamuu kee dura maal gochuu qabda? (b) Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa barbaachisoo kan taʼan maaliifi?

5 Cuuphamuu kee dura Yihowaa fi Yesuusiin beekuu qabda. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan kana gochuu jalqabdeetta. (Yohaannis 17:3 dubbisi.) Taʼus kun qofti gaʼaa miti. Kitaabni Qulqulluun, “beekumsa sirrii” fedha Yihowaa ibsuun ‘guutamuu’ akka qabdu dubbata. (Qolosaayis 1:9) Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaattu si gargaaru. Kun ragaa quubsaa yeroo hundumaa walgaʼiiwwan kana irratti argamuu akka qabdu argisiisu isa tokko dha.—Ibroota 10:24, 25.

Cuuphamuu kee dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu qabda

6. Cuuphamuu kee dura waaʼee Kitaaba Qulqulluu hammam beekuu qabda?

6 Dhugaa dha Yihowaan cuuphamuu kee dura wanta Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hunda beekuu akka qabdu si irraa hin eegu. Yihowaan namni Itoophiyaa sun cuuphamuu isaa dura wanta hunda beekuu akka qabu isa irraa hin eegne. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31) Waaʼee Waaqayyoo bara baraaf barachuu keenya itti fufna. (Lallaba 3:11) Haa taʼu malee, yoo xinnaate barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekuu fi amanuu qabda.—Ibroota 5:12.

7. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee kan si gargaare akkamitti?

7 Kitaabni Qulqulluun, “Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu” jedha. (Ibroota 11:6) Kanaaf cuuphamuu kee dura amantii qabaachuu qabda. Kitaabni Qulqulluun, namoonni magaalaa Qorontos ishii durii keessa turan tokko tokko wanta duuka buutonni Yesuus barsiisan dhagaʼanii, ‘amanuu fi cuuphamuu akka jalqaban’ dubbata. (Hojii Ergamootaa 18:8) Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee abdii Waaqayyo kennetti, akkasumas humna aarsaa Yesuus isa cubbuu fi duʼa jalaa nu oolchuu dandaʼutti akka amantu si gargaareera.—Iyaasuu 23:14; Hojii Ergamootaa 4:12; 2 Ximotewos 3:16, 17.

DHUGAA KITAABA QULQULLUU NAMOOTATTI HIMI

8. Wanta baratte warra kaanitti himuuf kan si kakaasu maali dha?

8 Kitaaba Qulqulluu barachuu kee yommuu itti fuftuu fi jireenya kee keessatti akkamitti akka si gargaare yommuu hubattu amantiin kee caalaatti cimaa deema. Wanta barachaa jirtus warra kaanitti himuu barbaadda. (Ermiyaas 20:9; 2 Qorontos 4:13) Haa taʼu malee eenyufaatti himuu qabda?

Amantiin ati qabdu wanta itti amantu namootatti akka himtu si kakaasuu qaba

9, 10. (a) Wanta baratte eenyufaatti himuudhaan jalqabuu dandeessa? (b) Gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuu yoo barbaadde maal gochuu qabda?

9 Wanta barachaa jirtu maatii, michoota, ollaawwan kee ykn namoota sii wajjin hojjetanitti himuu barbaadda taʼa. Kun gaarii dha; taʼus yeroo hunda gaarummaa fi jaalalaan kana gochuu qabda. Yeroo booda immoo, gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuu jalqabuu dandeessa. Kana gochuuf yommuu qophooftu, gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuu akka barbaaddu Dhugaa Baatuu si qoʼachiisaa jirutti himuu dandeessa. Innis gaʼumsa akka qabdu yoo isatti dhagaʼamee fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simtee kan jiraattu yoo taʼe, jaarsolii gumii lamaa wajjin akka mariʼattan qophii godha.

10 Walgaʼii sana irratti maaltu godhama? Jaarsoliin kun barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi isa baratetti amanuu kee, gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu kee fi dhugumaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka barbaaddu beekuuf sii wajjin maree godhu. Jaarsoliin siinis dabalatee miseensota gumii hundaaf kunuunsa akka godhan yaadadhu; kanaaf isaanitti dubbachuu hin sodaatin. (Hojii Ergamootaa 20:28; 1 Pheexiros 5:2, 3) Walgaʼii kana booda, jaarsoliin kun gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuuf gaʼumsa kan qabdu taʼuu fi dhiisuu kee si beeksisu.

11. Gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuu kee dura jijjiirama gochuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Tarii jaarsoliin, gumii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuu jalqabuu kee dura jijjiirama dabalataa gochuu akka qabdu sitti himu taʼa. Jijjiiramawwan akkasii gochuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Waaʼee Waaqayyoo namootatti yommuu himnu, Yihowaa bakka waan buunuuf karaa isaaf ulfina fiduun jiraachuu qabna.—1 Qorontos 6:9, 10; Galaatiyaa 5:19-21.

YAADA GEDDARACHUU FI DEEBIʼUU

12. Namoonni hundi yaada geddarachuu kan qaban maaliifi?

12 Ammas cuuphamuu kee dura wanti gochuu qabdu kan biraan jira. Pheexiros ergamaan, “Cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, akkasumas deebiʼaa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 3:19) Yaada geddarachuu jechuun maal jechuu dha? Dogoggora kanaan dura raawwannetti garaadhaa gadduu jechuu dha. Fakkeenyaaf, jireenya gadhiisii jiraachaa kan turte yoo taʼe, yaada geddarachuu si barbaachisa jechuu dha. Wanta sirrii taʼe gochuuf hamma dandeessu carraaqaa kan jirtu taʼu illee, yaada geddarachuu si barbaachisa; sababiin isaas hundi keenya cubbamoota waan taaneef, Waaqayyo dhiifama akka nuuf godhu gaafachuu qabna.—Roomaa 3:23; 5:12.

13. ‘Deebiʼuu’ jechuun maal jechuu dha?

13 Wanta kanaan dura raawwatetti gadduun qofti gaʼaa dhaa? Lakki. Pheexiros ‘deebiʼuu’ akka qabdus dubbateera. Kana jechuun, amala gadhee kanaan dura qabdu dhiisuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuu jalqabuu jechuu dha. Fakkeenyaaf, bakka kanaan dura dhaqxee hin beekne deemaa jirta haa jennu. Yeroo muraasa booda karaa dogoggoraa irra deemaa akka jirtu hubatte. Yeroo kanatti maal goota? Suuta akka jettu, akka dhaabattu, akka deebitu, achiis karaa sirrii irra deemuu akka jalqabdu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yommuu itti fuftu, barsiifata ykn wantoota tokko tokko irratti jijjiirama gochuun akka si barbaachisu hubatta taʼa. ‘Deebiʼuuf,’ jechuunis jijjiirama barbaachisu gochuuf fedhii qabaadhu; achiis wanta sirrii taʼe raawwadhu.

YIHOWAADHAAF OF MURTEESSI

Akka isa tajaajiltu Yihowaadhaaf waadaa galteettaa?

14. Waaqayyoof kan of murteessitu akkamitti?

14 Tarkaanfii barbaachisaan cuuphamuu kee dura fudhachuu qabdu kan biraan Yihowaadhaaf of murteessuu dha. Yihowaadhaaf yeroo of murteessitu, jireenya kee keessatti isa qofa akka waaqeffattuu fi fedha isaatiif iddoo guddaa akka kennitu kadhannaadhaan waadaa galta.—Keessa Deebii 6:15.

15, 16. Namni tokko Waaqayyoof akka of murteessu kan isa kakaasu maali dha?

15 Yihowaa qofa tajaajiluuf waadaa galuun, jireenya kee guutuu nama jaallattu waliin jiraachuuf waadaa galuu wajjin wal fakkaata. Mee waaʼee dhiiraa fi durba gaaʼelaaf wal qoratanii yaadi. Namni kun waaʼee ishii caalaatti beekaa yommuu deemu, ishii jaallachaa waan deemuuf ishii fuudhuu barbaada. Kun murtoo cimaa taʼu illee, waan ishii jaallatuuf itti gaafatamummaa kana fudhachuuf fedhii qabaata.

16 Waaʼee Yihowaa barachuu kee yommuu itti fuftu, isa jaallachaa kan deemtu taʼuu kee irra iyyuu isa tajaajiluuf wanta sii dandaʼame hunda gochuu barbaadda. Kun immoo isa tajaajiluuf kadhannaadhaan waadaa galuuf si kakaasa. Kitaabni Qulqulluun, namni Yesuus duukaa buʼuu barbaadu kam iyyuu ‘of ganuu’ akka qabu dubbata. (Maarqos 8:34) Kun maal jechuu dha? Yihowaadhaaf ajajamuuf dursa kennita jechuu dha. Hawwii fi galma kee caalaa wanta Yihowaan barbaaduuf iddoo guddaa kennita.—1 Pheexiros 4:2 dubbisi.

NAAF HIN MILKAAʼU JETTEE HIN SODAATIN

17. Namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf kan of hin murteessine maaliifi?

17 Namoonni tokko tokko waadaan Yihowaa tajaajiluuf gale eeguu hin dandaʼu jedhanii waan sodaataniif, of murteessuu irraa duubatti jedhu. Yihowaa gaddisiisuu hin barbaadan; akkasumas yoo isaaf of murteessuu baatan wanta godhaniif Yihowaan waan isaan gaafatu isaanitti hin fakkaatu.

18. Sodaa yoon Yihowaa gaddisiise hoo jedhu moʼuuf maaltu si gargaara?

18 Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu sodaa yoon isa gaddisiise hoo jedhu moʼuuf si gargaara. Waan isa jaallattuuf waadaa isaaf galte eeguuf wanta sii dandaʼame hunda goota. (Lallaba 5:4; Qolosaayis 1:10) Fedha Yihowaa raawwachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe sitti hin dhagaʼamu. Yohaannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jedhee barreesseera.—1 Yohaannis 5:3.

19. Yihowaadhaaf of murteessuu sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

19 Yihowaadhaaf of murteessuuf nama mudaa hin qabne taʼuun si hin barbaachisu. Inni matumaa wanta humna keenyaa ol taʼe akka raawwannu nu irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:14) Wanta sirrii taʼe akka raawwattus si gargaara. (Isaayaas 41:10) Garaa kee guutuu Yihowaatti amanami, “innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fakkeenya 3:5, 6.

OF MURTEESSUU KEE NAMOOTA DURATTI BEEKSISUU

20. Waaqayyoof erga of murteessitee booda tarkaanfiin itti aanu maali dha?

20 Yihowaadhaaf of murteessuuf qophaaʼaa akka taate sitti dhagaʼamaa? Yihowaadhaaf erga of murteessitee booda tarkaanfii itti aanuuf, jechuunis cuuphamuuf qophoofteetta jechuu dha.

21, 22. Of murteessuu kee namoota duratti kan beeksistu akkamitti?

21 Yihowaadhaaf akka of murteessitee fi cuuphamuu akka barbaaddu qindeessaa qaama jaarsolii gumii keetti himi. Innis jaarsoliin dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti sii wajjin akka mariʼataniif haala mijeessa. Isaan ulaagaa isaa akka guuttu yoo amanan, walgaʼii guguddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo itti aanu godhan irratti cuuphamuu akka dandeessu sitti himu. Walgaʼii akkanaa irratti, haasaan cuuphaan hiika maalii akka qabu ibsu ni dhihaata. Obboleessi haasaa kana dhiheessu kaadhimamtoota cuuphaa gaaffilee salphaa taʼan lama gaafata. Gaaffilee kanaaf deebii kennuudhaan, of murteessuu kee namoota duratti beeksista.

22 Achiis ni cuuphamta. Guutummaatti bishaan keessa gad lixxa. Cuuphamuun kee Yihowaadhaaf akka of murteessitee fi amma Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko akka taate namoonni kaan akka beekan godha.

CUUPHAMUUN KEE MAAL ARGISIISA?

23. “Maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin” cuuphamuu jechuun maal jechuu dha?

23 Yesuus barattoonni isaa, “maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin” akka cuuphaman dubbatee ture. (Maatewos 28:19 dubbisi.) Kun maal jechuu dha? Aangoo Yihowaa fi gahee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu, akkasumas Waaqayyo fedha isaa raawwachuuf hafuura isaatti akkamitti akka fayyadamu ni hubatta jechuu dha.—Faarfannaa 83:18; Maatewos 28:18; Galaatiyaa 5:22, 23; 2 Pheexiros 1:21.

Yeroo cuuphamtu fedha Waaqayyoo raawwachuu akka barbaaddu argisiista

24, 25. (a) Cuuphaan maal argisiisa? (b) Boqonnaa xumuraa irratti waaʼee maalii mariʼanna?

24 Cuuphaan wanta bakka guddaa qabu argisiisa. Bishaan keessa yeroo lixxu, akkaataa jireenyaa isa duriitiif akka duute ykn akkaataa jireenyaa isa durii akka dhiiste argisiisa. Bishaan keessaa yeroo baatu immoo, jireenya haaraa fedha Waaqayyoo raawwachuu irratti xiyyeeffatu jalqabda. Kana booda Yihowaa akka tajaajiltu argisiisa. Kan of murteessite nama, jaarmiyaa ykn hojii tokkoof utuu hin taʼin Yihowaadhaaf akka taʼe yaadadhu.

25 Of murteessuun kee Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabaattu si gargaara. (Yaaqoob 4:8) Kana jechuun garuu namni tokko waan cuuphameef qofa ni fayya jechuu miti. Phaawulos ergamaan, “Sodaa fi romʼaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keessan itti fufaa” jedhee barreesseera. (Filiphisiyus 2:12) Cuuphamuun tarkaanfii jalqabaa ti. Haa taʼu malee, hamma dhumaatti Yihowaatti dhihaattee jiraachuu kan dandeessu akkamitti? Boqonnaan xumuraa kitaaba kanaa gaaffii kanaaf deebii kenna.