Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SAGAL

Yihowaatti Dhihaadhuu Jiraadhu

Yihowaatti Dhihaadhuu Jiraadhu

1, 2. Yeroo harʼaatti eessaa eegumsa argachuu dandeenya?

GUYYAA duumessaa qilleensa jabaa qabutti bakkee keessa deemaa akka jirtu godhii yaadi. Samiin gurraachaʼaa deema, achiis balaqqeessaʼuu jalqaba; kakawweenis dhagaʼamuu jalqaba. Utuma baayʼee hin turin bokkaan roobuu jalqaba. Atis iddoo itti dheessitu barbaaduu eegalta. Iddoo mijataa fi gogaa taʼe yeroo argattu boqonnaa guddaatu sitti dhagaʼama!

2 Nutis yeroo harʼaatti haaluma wal fakkaatu keessa jirra. Haalli addunyaa caalaatti mancaʼaa deema. Tarii, ‘Eessaan eegumsa argachuu dandaʼa?’ jettee yaadda taʼa. Faarfataan tokko, “Waaqayyoon, ‘Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha’” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 91:2) Eeyyee, Yihowaan yeroo ammaatti rakkoowwan keenya irraa nu boqochiisuu dandaʼa; yeroo gara fuulduraatiifis abdii gammachiisaa nuu kenneera.

3. Yihowaatti kooluu galuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Yihowaan eegumsa kan nuu godhu akkamitti? Rakkina nu mudatu kam iyyuu akka damdamannu nu gargaara. Inni qaama nu miidhuu barbaadu kam iyyuu caalaa humna guddaa qaba. Yeroo ammaatti wanti hamaan yoo nu mudate illee, Yihowaan gara fuulduraatti miidhaa nu irra gaʼe akka hambisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Yihudaa 21) Yeroo rakkinaatti gargaarsa Yihowaa argachuuf isatti dhihaannee jiraachuu qabna. Haa taʼu malee akkana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

JAALALA WAAQAYYOOTIIF DEEBII KENNI

4, 5. Yihowaan jaalala nuuf qabu kan argisiise akkamitti?

4 Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf hammam akka inni nu jaallatu hubachuu qabna. Mee wantoota Yihowaan nuu godhe yaadi. Lafa miidhagduu biqiltootaa fi bineensota nama hawwataniin guutamte nuu kenneera. Nyaata miʼaawaa fi bishaan dhugnu nuu kenneera. Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu maqaa isaa fi amaloota isaa warra dinqisiisoo nu barsiiseera. Hunda caalaa immoo, Yesuus Ilmi isaa inni jaallatamaan gara lafaa dhufee lubbuu isaa akka nuu kennu gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera. (Yohaannis 3:16) Aarsaan kun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii gammachiisaa akka qabaannu godheera.

5 Yihowaan Mootummaa Masiihichaa, jechuunis bulchiinsa samii dhiheenyatti rakkina hunda hambisu nuu qopheesseera. Mootummichi, lafa kana jannata namni hundi nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf keessa jiraatu godha. (Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899) Karaan Yihowaan jaalala isaa itti nutti argisiise inni kan biraan immoo, yeroo ammaatti jireenya gaarii akka jiraannu nu barsiisuu dha. Kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu kan nu afeere siʼa taʼu, kadhannaa keenya dhagaʼuufis yeroo hunda qophaaʼaa dha. Dhuguma iyyuu, Yihowaan jaalala tokkoon tokkoon keenyaaf qabu argisiiseera.

6. Jaalala Yihowaatiif deebii kennuu kan qabdu akkamitti?

6 Jaalala Yihowaatiif deebii kennuu kan qabdu akkamitti? Wanta inni sii godhe hundaaf akka isa galateeffattu argisiisi. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen hin galateeffatan. Yeroo Yesuus lafa irra turettis haalli isaa kanaa wajjin wal fakkaata ture. Yesuus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan yommuu fayyisetti, isaan keessaa tokko qofatu isa galateeffate. (Luqaas 17:12-17) Nuti akka namicha Yesuusiin galateeffate sanaa taʼuu barbaadna. Yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu barbaadna.

7. Yihowaa hammam jaallachuu qabna?

7 Nutis jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu qabna. Yesuus, garaa isaanii guutuu, lubbuu isaanii guutuu fi sammuu isaanii guutuudhaan Yihowaa akka jaallatan barattoota isaatti himeera. (Maatewos 22:37 dubbisi.) Kun maal jechuu dha?

8, 9. Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Yihowaa akka jaallannu dubbachuun qofti gaʼaa dhaa? Lakki. Garaa, lubbuu fi sammuu keenya guutuudhaan Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe, jaalala keenya gochaan argisiisna. (Maatewos 7:16-20) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon kan jaallannu yoo taʼe ajaja isaa akka eegnu ifatti barsiisa. Kun ulfaataa dhaa? Lakki, ‘ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo miti.’—1 Yohaannis 5:3 dubbisi.

9 Yihowaadhaaf yeroo ajajamnu jireenya gammachuu qabu jiraanna. (Isaayaas 48:17, 18) Haa taʼu malee, Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf maaltu nu gargaara? Mee haa ilaallu.

YIHOWAATTI DHIHAACHUU KEE ITTI FUFI

10. Waaʼee Yihowaa barachuu kee itti fufuu kan qabdu maaliifi?

10 Michuu Yihowaa kan taate akkamitti ture? Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼattu caalaatti Yihowaa beekuu fi michuu isaa taʼuu dandeesseetta. Michummaan kun ibidda bobaʼuu isaa akka itti fufu barbaadduu wajjin wal fakkaata. Akkuma ibiddi bobaʼuuf qoraan barbaadu, michummaan kee cimee akka itti fufuuf waaʼee Yihowaa barachuu kee itti fufuu qabda.—Fakkeenya 2:1-5.

Akkuma ibiddaa, jaalalli Yihowaadhaaf qabdu bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuuf qoraan isa barbaachisa.

11. Barumsi Kitaaba Qulqulluu maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

11 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yommuu itti fuftu wantoota garaa kee tuqan ni baratta. Yommuu Yesuus raajii Kitaaba Qulqulluu isaaniif ibsetti barattoota isaa lamatti maaltu akka dhagaʼame qalbeeffadhu. “Yommuu inni karaa irratti nutti dubbachaa fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti nuu ibsaa ture sanatti garaan keenya nu keessatti gubachaa hin turree?” jedhan.—Luqaas 24:32.

12, 13. (a) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu maal taʼuu dandaʼa? (b) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimee akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Akkuma barattoonni sun yeroo Kitaaba Qulqulluu hubatanitti garaan isaanii tuqame, atis yeroo Kitaaba Qulqulluu hubachuu jalqabdetti miirri cimaan akkasii sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kun immoo Yihowaa akka beektuu fi akka isa jaallattu si gargaareera. Jaalalli kee kun akka qabbanaaʼuu akka hin barbaadne beekamaa dha.—Maatewos 24:12.

13 Takkaa michuu Waaqayyoo erga taatee, michummaan kee cimee akka itti fufuuf jabaattee hojjechuu qabda. Waaʼee Yihowaa fi Yesuus barachuu, akkasumas waaʼee wanta barattee fi akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessu yaaduu itti fufuu qabda. (Yohaannis 17:3) Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistuu fi qoʼattu, ‘Kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Garaa koo fi lubbuu koo guutuu isa jaallachuu kanan qabu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu.—1 Ximotewos 4:15.

14. Kadhannaan jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimee akka itti fufu kan godhu akkamitti?

14 Michuu kee wajjin yeroo hunda dubbachuun, michummaan keessan cimee akka itti fufu godha. Haaluma wal fakkaatuun, kadhannaadhaan yeroo hunda Yihowaatti yommuu dubbannu, jaalalli isaaf qabnu cimee itti fufa. (1 Tasalonqee 5:17 dubbisi.) Kadhannaan kennaa dinqisiisaa Abbaa keenya isa samii irraa arganne dha. Yeroo hunda garaadhaa isatti dubbachuu qabna. (Faarfannaa 62:8) Kadhannaa keenya sammuutti qabannee irra deddeebiʼuu hin qabnu; kanaa mannaa garaadhaa kadhachuu qabna. Eeyyee, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi garaadhaa kadhachuu keenya yoo itti fufne, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimee itti fufa.

WAAʼEE YIHOWAA NAMOOTATTI HIMUU

15, 16. Hojii lallabaatiif ilaalcha akkamii qabda?

15 Yihowaatti dhihaannee jiraachuu yoo barbaadne, wanta itti amannu namootatti himuus qabna. Waaʼee Yihowaa namootatti himuun mirga guddaa dha. (Luqaas 1:74) Kana malees, kun itti gaafatamummaa Yesuus Kiristiyaanota hundaaf kenne dha. Hundi keenya iyyuu misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu qabna. Ati hoo akkana gochuu jalqabdeettaa?—Maatewos 24:14; 28:19, 20.

16 Phaawulos ergamaan hojiin lallabaa hojii iddoo guddaa qabu akka taʼe waan isatti dhagaʼameef, “qabeenya gatii guddaa qabu” jedhee waameera. (2 Qorontos 4:7) Waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo isaa namootatti himuun hojii hojii hunda irra caalu dha. Karaa itti Yihowaa tajaajiltu siʼa taʼu, innis wanta isaaf jettee gootuuf iddoo guddaa kenna. (Ibroota 6:10) Lallabuun siinis taʼe warra si dhagaʼan ni fayyada; sababiin isaas namoonni kaan, akkasumas ati Yihowaatti akka dhihaattanii fi jireenya bara baraa akka argattan isin gargaara. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Hojiin kana caalaa gammachuu sii argamsiisuu dandaʼu jiraa?

17. Hojiin lallabaa ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

17 Hojiin lallabaa baayʼee ariifachiisaa dha. Kanaaf, ‘hinaaffaadhaan dubbicha lallabuu’ qabna. (2 Ximotewos 4:2) Namoonni waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhagaʼuu qabu. Kitaabni Qulqulluun, “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhiʼaateera, dhiʼaateera, dafees in dhufa” jedha. Dhumni “hin turu.” (Sefaaniyaa 1:14; Anbaaqom 2:3) Eeyyee yeroo baayʼee dhihoo keessatti Yihowaan addunyaa Seexanaa hamaa taʼe kana ni balleessa. Kun taʼuu isaa dura garuu, namoonni Yihowaa tajaajiluu akka filataniif akeekkachiisni isaaniif kennamuu qaba.

18. Kiristiyaanota dhugaa kaanii wajjin Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?

18 Yihowaan Kiristiyaanota dhugaa kaanii wajjin akka isa waaqeffannu barbaada. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.” (Ibroota 10:24, 25) Walgaʼiiwwan hunda irratti argamuuf wanta nuu dandaʼame hunda gochuu qabna. Walgaʼiiwwan kun wal jajjabeessuu fi wal cimsuuf carraa nuu banu.

19. Obboloota keenya jaallachuuf maaltu nu gargaara?

19 Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamtu, michoota gaarii Yihowaa akka tajaajiltu si gargaaran argatta. Obboloota akkuma kee Yihowaa waaqeffachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhanii wajjin wal argita. Isaanis akkuma kee mudaa kan qaban waan taʼaniif ni dogoggoru. Yeroo dogoggoran dhiifama isaaniif gochuuf qophaaʼaa taʼi. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Yeroo hunda amala gaarii obboloonni kee qaban irratti xiyyeeffadhu; akkas gochuun kee akka isaan jaallattuu fi caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu si gargaara.

JIREENYA ISA DHUGAA

20, 21. “Jireenya isa dhugaa” kan jedhame maali dha?

20 Yihowaan michoonni isaa hundi jireenya gaarii akka jiraatan barbaada. Kitaabni Qulqulluun jireenyi keenya gara fuulduraa isa ammaa irraa baayʼee adda akka taʼu nu barsiisa.

Yihowaan “jireenya isa dhugaa” akka argattu barbaada. Ni argattaa laata?

21 Gara fuulduraatti waggaa 70 ykn 80f utuu hin taʼin bara baraaf jiraanna. Jannata miidhagduu keessa fayyaa guutuu, nagaa fi gammachuudhaan ‘bara baraaf jiraanna.’ Kitaabni Qulqulluun jireenya kana “jireenya isa dhugaa” jedhee waama. Yihowaan jireenya isa dhugaa kana nuu kennuuf waadaa galeera; nutis jireenya kana ‘jabeessinee qabachuuf’ wanta dandeenye hunda gochuu qabna.—1 Ximotewos 6:12, 19.

22. (a) ‘Jireenya isa dhugaa jabeessinee qabachuu’ kan dandeenyu akkamitti? (b) Jireenyi bara baraa kan nuuf malu hin turre kan jennu maaliifi?

22 ‘Jireenya isa dhugaa jabeessinee qabachuu’ kan dandeenyu akkamitti? ‘Wanta gaarii hojjechuu fi hojii gaariidhaan badhaadhota taʼuu’ qabna. (1 Ximotewos 6:18) Kana jechuun wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baranne hojii irra oolchuu qabna jechuu dha. Haa taʼu malee jireenya isa dhugaa argachuun carraaqqii keenya irratti kan hundaaʼe miti. Jireenyi bara baraa matumaa kan nuuf malu hin turre. Kennaa tolaa Yihowaan ‘gaarummaa isaa isa guddaadhaan’ tajaajiltoota isaa warra amanamoodhaaf kenne dha. (Roomaa 5:15) Abbaan keenya inni samii tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼaniif kennaa kana kennuu ni barbaada.

23. Amma filannaa sirrii taʼe gochuu kan qabdu maaliifi?

23 ‘Karaa isa biratti fudhatama qabuun Waaqayyoon waaqeffachaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Jijjiirama tokko tokko gochuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame dafii tarkaanfii fudhadhu. Yihowaatti yommuu amanamnuu fi isaaf ajajamuuf wanta nuu dandaʼame hunda yommuu goonu Yihowaan bakka itti kooluu gallu nuu taʼa. Guyyoota dhumaa addunyaa Seexanaa hamaa taʼe kana keessatti saba isaa warra amanamoo taʼaniif eegumsa ni godha. Achiis Yihowaan akkuma waadaa gale Jannata keessa bara baraaf akka jiraannu godha. Eeyyee, amma filannaa sirrii taʼe yoo goote jireenya isa dhugaa argachuu ni dandeessa!