Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFII 5

Mana Barumsaatti Ijoolleen Abbaa Humnaa yoo Na Rakkisan Maal Godhu?

Mana Barumsaatti Ijoolleen Abbaa Humnaa yoo Na Rakkisan Maal Godhu?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Akkaataan ati itti deebii kennitu haala isaa fooyyessuu ykn itti caalchisuu dandaʼa.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Toomaas harʼa, boris taʼe yoom iyyuu mana barumsaa dhaquu hin barbaadu. Haalli kun kan eegale jiʼa sadii dura ijoolleen isaa wajjin baratan waaʼee isaa hamii babalʼisuu yeroo jalqabanitti ture. Achiis maqaa masoo baasaniif. Al tokko tokko utuu hin beekin waan godhan fakkeessuudhaan dabtara isaa harkaa darbatu ykn ijoollee duuba isaa jiran keessaa tokko isa darbata, Toomaas yommuu garagalu nama akkas godhe beekuu hin dandaʼu. Kaleessa immoo wanta kana caalutu isa mudate; intarneetiidhaan ergaa erguudhaan isa doorsisan . . .

Ati utuu Toomaas taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Kana jechuun homaa gochuu hin dandeessu jechuu miti! Aboottee utuu hin fayyadamin abbaa humnaa moʼuu ni dandeessa. Akkamitti?

  • DEEBII HIN KENNIN. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata” jedha. (Fakkeenya 29:11) Hamma siif dandaʼame yoo tasgabboofte ykn aariin kee akka hin mulʼanne yoo goote, ijoolleen abbaa humnaa taʼan abdii kutatanii si dhiisuu dandaʼu.

  • HAALOO HIN BAʼIN. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta hamaa hamaadhaan hin deebisinaa” jedha. (Roomaa 12:17) Haaloo baʼuun haala isaa itti caalchisuu malee faayidaa hin qabu.

  • RAKKINATTI HIN ADEEMIN. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Hamma dandaʼametti namoota rakkina uumanii fi ijoolleen abbaa humnaa akka si doorsisan haala godhu irraa fagaadhu.

  • DEEBII ISAAN HIN EEGNE KENNIIF. Kitaabni Qulqulluun, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedha. (Fakkeenya 15:1) Tarii itti qoostee darbuu dandeessa. Fakkeenyaaf, ijoolleen abbaa humnaa furdina keetti yoo qoosan, “Kiiloo muraasa nan hirʼisa jedheen abdadha!” jechuu dandeessa.

  • JALAA HIN QABIN. Nooraa ishiin umuriin ishii 19 taʼe akkana jetteetti: “Callisuun keessan bilchina akka qabdanii fi nama isin rakkisu caalaa cimoo akka taatan, akkasumas nama abbaa humnaa taʼe sana caalaa akka of toʼattan argisiisa.”—2 Ximotewos 2:24.

  • AMANTII OF IRRATTI QABDU GUDDIFADHU. Ijoolleen abbaa humnaa taʼan warra ofii isaaniitiif ilaalcha gaarii hin qabnee fi callisan dafanii hubatu. Faallaa kanaatiin immoo, baayʼeen isaanii akka isaan si toʼatan akka ati hin heyyamne yoo hubatan si irraa fagaatu.

  • NAMA KAN BIRAATTI HIMI. Namni barsiisaa ture tokko akkana jedheera: “Namni abbaan humnaa isa rakkisu kam iyyuu warra kaanitti akka himun jajjabeessa. Akkas gochuun sirrii taʼuu isaa irra iyyuu, warra kaanis rakkina akkasii irraa eeguu dandaʼa.”

Amantii of irratti qabaachuun ijoollee abbaa humnaa caalaa humna akka qabaattu godha