Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFII 6

Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Ejjennoo yoo qabaatte, warri kaan jireenya kee akka toʼatan heyyamuu mannaa ofuma keetiin jireenya kee toʼachuu dandeessa.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Biiniyaam ijoolleen isaa wajjin baratan lama gara isaa yommuu dhufan baayʼee naʼe. Torban kana siʼa lama akka inni tamboo xuuxu gochuuf yaalanii turan. Amma siʼa sadaffaa isatti deebiʼuuf jedhu.

Mucaan inni jalqabaa akkana jedhe:

“Harʼas kophaa kee jirtaa? Mee hiriyaa tokkoo wajjinan wal si barsiisa.”

“Hiriyaa” yommuu jedhu maal jechuu isaa akka taʼe akka isaaf galuuf seeqaa kiisii isaa keessaa tamboo baasuudhaan Biiniyaamitti hiixate.

Biiniyaam tamboo sana harka mucichaa keessatti arge. Yeroo kanatti naasuun isaa ittuma caale.

Biiniyaam, “Dhiifama naa godhaa, tamboo akkan hin xuuxne kanaan duras isinitti himeera” jedhe.

Mucaan inni lammaffaan gidduu seenee, “Sodaattuu hin taʼin!” jedheen.

Biiniyaam akkuma taʼetti ija jabaatee “Hin sodaanne!” jedhe.

Mucaan inni lammaffaan Biiniyaamiin hammatee, sagalee laafaadhaan “Fudhadhu malee” jedheen.

Mucaan inni jalqabaa tamboo sana gara fuula Biiniyaamitti siqsee, “Eenyutti iyyuu hin himnu. Eenyu iyyuu si irratti hin beekuu” jedhee itti asaase.

Ati utuu Biiniyaam taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Hiriyoonni Biiniyaam maal gochaa akka jiran sirriitti itti yaadaniiruu? Murtoo mataa isaanii godhaniiruu? Lakki. Walumaa galatti dhiibbaa warra kaaniitiif harka kennaniiru. Ijoollee biratti fudhatama argachuu waan barbaadaniif, warri kaan gocha isaanii irratti dhiibbaa akka godhan heyyamaniiru.

Haalli akkasii utuu si mudatee filannoo kana irraa adda taʼe gochuu fi dhiibbaa hiriyaa damdamachuu kan dandeessu akkamitti?

  1.  

    Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedha.—Fakkeenya 22:3.

    Yeroo baayʼee rakkinni dhufaa akka jiru dursitee hubachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, ijoolleen mana barumsaa kee gareedhaan taʼanii tamboo xuuxaa akka jiran fagoodhaa argite haa jennu. Rakkina gaʼu tilmaamuudhaan damdamachuuf qophaaʼuu dandeessa.

  2.  

    Kitaabni Qulqulluun, “Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa” jedha.—1 Pheexiros 3:16.

    ‘Yoon tuuta duukaa buʼe yeroo booda maaltu natti dhagaʼama?’ jedhii of gaafadhu. Yeroodhaaf hiriyoota kee biratti fudhatama argachuu dandeessa. Haa taʼu malee, yeroo booda maaltu sitti dhagaʼama? Ijoollee daree kee gammachiisuuf jecha eenyummaa kee aarsaa gochuu ni barbaaddaa?—Baʼuu 23:2.

  3.  

    Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessi of eeggataa dha” jedha. —Fakkeenya 14:16, NW.

    Oolee bulee, murtoo gochuu fi wanta murtoon keenya geessisuu wajjin jiraachuuf ni dirqamna. Kitaabni Qulqulluun namoonni akka Yoseef, Iyoobii fi Yesuus murtoo sirrii godhanii akka turan nutti hima. Kana malees waaʼee Qaayin, Esaawuu fi Yihudaa warra murtoo dogoggoraa godhanii ni dubbata. Ati hoo murtoo akkamii goota?

Kitaabni Qulqulluun, ‘Amanamummaa eeggadhu!’ jedha. (Faarfannaa 37:3) Miidhaa murtoon kee geessisu dursitee yaaduudhaan sammuu kee yoo qopheessite, ejjennoo kee ibsuun baayʼee salphaa siif taʼa; kana malees buʼaa gaarii siif argamsiisa.

Hin dhiphatin, hiriyoota keetiif ibsa kennuun si hin barbaachisu. Salphaatti, garuu immoo kutannoodhaan LAKKI jechuun qofti gaʼaa dha. Yookiin ejjennoon kee akka hin jijjiiramne ifa gochuuf akkana jechuu dandeessa:

  • “Hin barbaadu!”

  • “Ani wanta akkasii hin godhu!”

  • “Akkan akkas hin goone wallaaltee?”

Furmaanni isaa daftee, akkasumas amanannaadhaan deebii kennuu dha. Akkas yoo goote haala nama dinqisiisuun battalumatti si irraa fagaachuu dandaʼu!

Qoosaa Damdamachuu

Dhiibbaa hiriyoota keetiif yoo harka kennite akkuma roobootii toʼannaa isaanii jala jiruu taata

Hiriyoonni kee yoo sitti qoosan maal goota? “Maal ni sodaatte moo?” yoo siin jedhan hoo? Qoosaan akkasii dhiibbaa hiriyaa keessaa tokko dha. Deebii akkamii kennita? Yoo xinnaate filannoo lama qabda.

  • Qoosaa isaanii amanuu. (“Eeyyee dhugaa kee ti, sodaadheera!” Achiis sababii isaa gabaabsii dubbadhu.)

  • Dhimmicha isaanitti garagalchuu. Sababii itti akkas hin goone ibsi; achiis wanta isaan tuqu dubbadhu. (“Atumti iyyuu xuuxuun kee na dinqeera, abshaala natti fakkaatta turte!”)

Sitti qoosuu isaanii yoo itti fufan isaan dhiisii deemi! Isaanii wajjin yoo turte dhibbaan isaan si irratti godhan ittuma caala. Isaan dhiistee yoo deemte, warri kaan eenyummaa kee akka jijjiiran akka hin heyyamne argisiista.

Dhiibbaan hiriyaa akka si irra hin geenye gochuu hin dandeessu. Wanta gochuu barbaaddu murteessuu, ejjennoo kee ibsuu fi haala sana toʼachuu garuu ni dandeessa. Kanas taʼe sana, filannoon kan kee ti!—Iyaasuu 24:15.