Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFII 8

Miidhaa Saalaa Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Miidhaa Saalaa Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ni gudeedamu ykn miidhaan saalaa isaan irra gaʼa; caalaatti kanaaf kan saaxilaman immoo ijoollee dha.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Akka tasaa namni tokko Aaneetiin darbatee kuffise. Akkana jetti: “Of irraa isa ittisuuf wantan dandaʼe hunda godheera. Iyyuuf kanan yaale taʼus, sagaleen koo baʼuu dide. Of irraa isa darbadheera; isa dhiiteera; isa abooteera, akkasumas isa momoccoreera. Achiis cuubeedhaan yommuu na waraanu natti dhagaʼame. Yeroo kanatti qaamni koo ni hadoode.”

Haalli akkasii utuu si mudatee maal goota?

TAKKA YAADI!

Kan of qopheessitee fi galgalaan yommuu deemtu kan of eeggattu taʼus wanti gadheen uumamuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha; “Warri saffisa qaban dorgommii yeroo hunda hin moʼan. . . . Namoonni beekumsa qabanis yeroo hunda hin milkaaʼan; sababiin isaas yeroo fi wantoonni hin eegamne hunda isaanii ni mudatu.”—Lallaba 9:11, NW.

Dargaggoonni tokko tokko akkuma Aaneet, namoota hin beekamneen miidhaan isaan irra gaʼeera. Kaan immoo namoota beekaniin, darbees miseensota maatii isaaniitiin miidhaan isaan irra gaʼeera. Naataaliin umurii ishii waggaa kudhanitti gurbaa umurii kurnanii keessa jiruu fi ollaa ishii taʼeen miidhaan saalaa ishii irra gaʼee ture. “Baayʼee sodaadhee, akkasumas qaanaʼee waanan tureef jalqaba eenyutti iyyuu hin himne” jetteetti.

Kan Komatamu Si Miti

Aaneet amma iyyuu of ceephaati. Akkana jetteetti: “Wanta galgala sana taʼe irra deddeebiʼeen yaada. Of irraa isa ittisuuf caalaatti yaaluun qaban ture jedheen yaada. Taʼus erga na waraanee booda sodaadhaan hadoodeen ture. Sana caalaa wanta tokko iyyuu gochuu hin dandaʼun ture; taʼus waa gochuun qaban ture jedheen yaada.”

Naataaliinis of ceephaati. Akkana jetteetti: “Hammana nama amanuu hin qabun ture. Warri koo, anii fi obboleettiin koo alatti yommuu taphannu akka waliin taanu nu ajajanii turan; ani garuu isaan hin dhageenye. Kanaaf, gurbaan ollaa keenyaa akka na miidhu karaa akkan isaaf bane natti dhagaʼama. Wanti taʼe kun maatii koo baayʼee miidheera; kun balleessaa koo akka taʼe natti dhagaʼama. Hunda caalaa miira kanaa wajjinan qabsoo godha.”

Atis akkuma Aaneet ykn Naataalii kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, jalqaba wanti yaadachuu qabdu namni sun kan si gudeede fedha keetiin miti. Namoonni tokko tokko gochi akkasii dhiirota biratti baramaa akka taʼe ykn warri gudeedaman fedha isaaniitiin akka taʼe dubbachuudhaan dhimma kana salphisanii ilaalu. Taʼus, eenyu iyyuu gudeedamuu hin qabu. Gochi gara jabinaa akkasii si irratti raawwatameera taanaan, kan komatamu si miti!

Dhugaa dha, yaada “kan komatamu si miti” jedhu dubbisuun salphaa taʼus, amananii fudhachuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko miira isaanii ni dhoksu, of ceephaʼu, akkasumas miirawwan abdii nama kutachiisanii wajjin qabsaaʼu. Haa taʼu malee, calluma jechuu keetiin kan fayyadamu eenyu dha? Si moo nama miidhaa si irraan geessise sana dha? Dhimmicha dhoksuu mannaa tarkaanfii utuu fudhattee si fayyada.

WANTA SI MUDATE DUBBADHU

Kitaabni Qulqulluun, Iyoob rakkinni isa irra gaʼe yommuu baayʼee isatti ulfaatetti, “Isa jireenyi koo keessa baʼee anatti hadhaaʼe nan dubbadha” akka jedhe dubbata. (Iyoob 10:1) Atis akkas yoo goote faayidaa argachuu dandeessa. Wanta si irra gaʼe nama amantuu fi iccitii kee siif eegutti himuun, haala sana amantee fudhachuu fi damdamachuuf, akkasumas dhiphina kee irraa boqonnaa argachuuf si gargaara.

Miira sitti dhagaʼamu kophaa kee baachuun baayʼee sitti ulfaachuu dandaʼa. Waaʼee dhimmichaa namatti himuudhaan gargaarsa argachuuf maaliif hin yaaltu?

Aaneet kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti. Akkana jetteetti: “Michuu koo tokkottan hime, ishiinis jaarsolii gumiitti akkan himu na jajjabeessite. Anis akkas gochuu kootti gammadeera. Jaarsoliin irra deddeebiʼanii kan na haasofsiisan siʼa taʼu, wanta uumameef kan komatamu ana akka hin taane ibsuudhaan na jajjabeessan. Wanti taʼe kam iyyuu dogoggora koo hin turre.”

Naataaliin wanta ishii mudate warra ishiitti himte. “Warri koo na deggeraniiru. Waaʼee dhimmichaa akkan dubbadhu na jajjabeessan; kunis baayʼee akkan hin gaddinee fi akkan hin aarre na gargaareera” jetteetti.

Naataaliin kadhannaa irraas jajjabina argatteetti. “Keessumaa namootatti dubbachuun yommuu natti ulfaatu Waaqayyootti dubbachuun na gargaareera. Yeroon kadhadhu sodaa malee dubbachuu nan dandaʼa. Kadhannaan nagaanii fi tasgabbiin akka natti dhagaʼamu godha” jetteetti.

Atis yaanni, ‘fayyuun yeroo qaba’ jedhu dhugaa taʼuu isaa arguu dandeessa. (Lallaba 3:3) Qaamaa fi miira keetiif kunuunsa godhi. Sirriitti boqodhu. Akkasumas, Yihowaa isa Waaqa jajjabina hundaa taʼetti amanami.—2 Qorontos 1:3, 4.

HARIIROO JAALALAA JALQABUUF GEESSEETTA YOO TAʼE

Shamarree yoo taatee fi gocha sirrii hin taane akka raawwattu dhiibbaan yoo si irra gaʼe, ija jabinaan “Akkas hin godhin!” ykn “Harka kee sassaabbadhu!” jechuu hin sodaatin. Jaalallee koon dhaba jettee sodaachuudhaan dubbachuu irraa duubatti hin jedhin. Sababii kanaan yoo si dhiise jaalalleen akkasii utuu sitti hafe iyyuu nama hin gaabbisiisu! Namni jaalallee kee taʼuu qabu, nama qaama kee fi ejjennoo kee kabaju dha.

Gaaffii Miidhaa Saalaa Ilaalchisee Dhihaate

“Mana barumsaa sadarkaa gidduu galeessaa utuun jiruu, ijoolleen dhiiraa uffata harmaa koo duubaan harkisanii dubbii gadhee dubbatu turan; fakkeenyaaf isaanii wajjin siʼuma tokko illee utuun saalqunnamtii raawwadhee baayʼee akkan gammadu dubbatu.”—Koreetaa.

Gochi dhiirota kanaa . . .

  1. Qoosaa dhaa?

  2. Kolomsuu dhaa?

  3. Miidhaa saalaa tii?

“Konkolaataa keessatti gurbaan tokko wanta gadhee dubbachuu fi na tuttuquu jalqabe. Harka isaa of irraa darbadhee akka ana irraa deemun isatti hime. Innis akka nama maraateetti na ilaale.”—Kaandis.

Wanti gurbaan kun Kaandis irratti raawwate . . .

  1. Qoosaa dhaa?

  2. Kolomsuu dhaa?

  3. Miidhaa saalaa tii?

“Waggaa darbe, gurbaan tokko akka na jaallatee fi jaalallee isaa akkan taʼu akka barbaadu natti hime; akkan hin barbaanne irra deddeebiʼee isatti himus gaaffii isaa hin dhiisne. Al tokko tokko harka koo qaqqaba ture. Akka dhiisu isatti himus na hin dhageenye. Achiis gaaf tokko kophee hidhachuuf yommuun gad jedhu taaʼumsa koo rukute.”—Beetanii.

Akka ilaalcha keetti gochi gurbaa kanaa . . .

  1. Qoosaa dhaa?

  2. Kolomsuu dhaa?

  3. Miidhaa saalaa tii?

Gaaffiiwwan sadaniif deebiin inni sirriin C dha.

Miidhaa saalaa, kolomsuu fi qoosaa irraa adda kan godhu maali dha?

Miidhaan saalaa fedhii nama tokkoo irratti qofa kan hundaaʼe dha. Namni gocha kana raawwatu akka dhiisu utuma itti himamuu ittuma fufa.

Miidhaan saalaa dhimma akka laayyootti ilaalamu miti. Gara dirqisiisanii gudeedduutti ceʼuu dandaʼa.