Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 1

Waaqayyo samii fi lafa uume

Waaqayyo samii fi lafa uume

Yihowaan Uumaa keenya dha. Wantoota ijaan arguu dandeenyuu fi arguu hin dandeenye hunda isatu uume. Wantoota ijaan arguu dandeenyu uumuu isaa dura, maleekota baayʼee hedduu taʼan uume. Maleekonni qaamota akkamii akka taʼan beektaa? Maleekonni qaamota Yihowaan akka ofii isaatti uume dha. Akkuma Waaqayyoon arguu hin dandeenye, isaaniinis arguu hin dandeenyu. Maleekaan jalqaba Yihowaan uume gargaaraa isaa taʼe. Maleekaan sun yommuu Yihowaan urjoota, pilaaneetotaa fi wantoota kaan hunda uume isa gargaareera. Pilaaneetota kana keessaa tokko lafa ishii bakka jireenyaa keenya taate dha.

Achiis Yihowaan lafa bineensotaa fi namootaaf akka taatutti mijeesse. Aduun lafaaf ifa akka kennitu godhe. Tulluuwwan, garbootaa fi lageen uume.

Itti aansee hoo maal uume? Yihowaan, ‘Marga, biqiltootaa fi mukeetii nan uuma’ jedhe. Kuduraa, fuduraa fi abaaboowwan gosa gara garaa hedduun biqiluu jalqaban. Achiis bineensota hunda, jechuunis bineensota balaliʼan, bishaan keessa jiraatan, lafa irra loʼanii fi munyuuqan uume. Bineensota xixinnoo akka illeettii fi bineensota guguddaa akka arbaa jiran uume. Ati bineensa isa kam caalaatti jaallatta?

Achiis Yihowaan maleekaa isa jalqabaatiin, ‘Nama uumna’ jedhe. Namoonni bineensota irraa baayʼee adda dha. Wantoota haaraa kalaquu ni dandaʼu. Dubbachuu, kolfuu fi Waaqayyoon kadhachuu ni dandaʼu. Lafaa fi bineensota kunuunsuus ni dandaʼu. Namni inni jalqabaa eenyu akka ture beektaa? Mee haa ilaallu.

“Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume.”—Uumama 1:1