Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 2

Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Waaqayyo Dhiiraa fi Dubartii Jalqabaa Uume

Yihowaan bakka Eeden jedhamu keessatti iddoo biqiltuu qopheesse. Iddoon biqiltuu kun abaaboowwan, mukeetii fi bineensotaan kan guutame ture. Achiis Waaqayyo Addaam isa nama jalqabaa taʼe biyyoo irraa tolchee, qaawwa funyaanii isaatti hafuura baafate. Achiis maaltu akka taʼe beektaa? Namichi qaama jiraataa taʼe! Yihowaan, Addaam iddoo biqiltuu sana akka kunuunsuu fi bineensota hundaaf maqaa akka baasu isatti hime.

Yihowaan Addaamiif ajaja iddoo guddaa qabu kenne. Addaamiin akkana jedhe: ‘Muka isa adda taʼe tokko irraa kan hafe firii mukaa hunda irraa nyaachuu dandeessa. Firii mukaa sana irraa yoo nyaatte garuu ni duuta.’

Yeroo booda Yihowaan ‘Addaamiif gargaartuu nan uuma’ jedhe. Waaqayyo Addaam hirribni cimaan akka isa fudhatu erga godhee booda, lafee cinaachaa isaa tokkotti fayyadamee haadha manaa isaaf uume. Maqaan ishii Hewwaan jedhama ture. Addaamii fi Hewwaan maatii jalqabaa taʼan. Addaam waaʼee haadha manaa isaa maaltu isatti dhagaʼame? Innis baayʼee gammadee akkana jedhe: ‘Ilaa, wanta Yihowaan lafee cinaachaa koo irraa uume! Dhuma irratti, anaan kan fakkaattun argadhe.’

Yihowaan, Addaamii fi Hewwaan ijoollee horanii lafa akka guutan isaanitti hime. Waaqayyo guutummaa lafaa akkuma dhaaba Eeden, jannata ykn iddoo biqiltuu bareedaa gochuudhaaf tokkummaadhaan hojjechuudhaan gammachuu akka argatan barbaada ture. Haa taʼu malee, haalli isaa akka yaadame hin taane. Maaliif? Boqonnaa itti aanu irratti balʼinaan baranna.

Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee . . . isaan uume.”—Maatewos 19:4