Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 3

Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof hin Ajajamne

Gaaf tokko Hewwaan utuu kophaa ishii jirtuu bofni tokko ishiitti dubbate. ‘Waaqayyo dhuguma muka kam irraa iyyuu hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?’ ishiidhaan jedhe. Hewwaanis deebistee, ‘Lakki, muka tokko irraa kan hafe mukeetii hunda irraa nyaachuu ni dandeenya. Firii muka sana irra jiru yoo nyaanne garuu ni duuna’ jette. Bofichis, ‘Hin duutan. Yoo isa irraa nyaattan akka Waaqayyoo taatu’ ishiidhaan jedhe. Kun dhugaa turee? Lakki soba dha. Hewwaan garuu yaada kana ni amante. Hewwaan firii mukichaa irra deddeebitee yommuu ilaaltu nyaachuuf caalaatti hawwite. Achiis firii sana ni nyaatte; Addaamiifis ni kennite. Waaqayyoof ajajamuu yoo didan akka duʼan Addaam beeka ture. Taʼus, Addaam firii sana ni nyaate.

Guyyuma sana gara boodaa, Yihowaan Addaamii fi Hewwaanitti dubbate. Maaliif isaaf ajajamuu akka didan isaan gaafate. Hewwaan bofichatti qabatte; Addaam immoo Hewwaanitti qabate. Addaamii fi Hewwaan isaaf waan hin ajajamneef, Yihowaan jannata keessaa isaan baase. Akka isaan deebiʼanii itti hin seenneef, maleekotaa fi billaa ibiddaa balbala irra dhaabe.

Yihowaan qaamni Hewwaaniin sobes akka adabamu dubbate. Inni bofa isa Hewwaanitti dubbate sana hin turre. Yihowaan bofni dubbachuu akka dandaʼu godhee isa hin uumne. Bofichi akka dubbatu kan godhe maleekaa hamaa tokko ture. Kana kan godhes, Hewwaaniin gowwoomsuuf jedhee ti. Maleekaan sun Seexana isa Diyaabilos jedhamee waamamu dha. Gara fuulduraatti, namoonni wanta hamaa akka godhan akka isaan hin gowwoomsineef Yihowaan Seexana ni balleessa.

“[Diyaabilos] jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreefis dhugaatti jabaatee hin dhaabanne.”—Yohaannis 8:44