Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 4

Aariin Ajjeechaatti Geessa

Aariin Ajjeechaatti Geessa

Addaamii fi Hewwaan dhaaba Eeden keessaa erga baʼanii booda, ijoollee hedduu godhatan. Qaayin ilmi isaanii inni jalqabaa qotee bulaa taʼe; Abeel ilmi isaanii inni lammaffaan immoo tiksee taʼe.

Gaaf tokko Qaayinii fi Abeel Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan. Aarsaan maal akka taʼe beektaa? Kennaa adda taʼe dha. Yihowaan aarsaa Abeelitti gammadeera; kan Qaayinitti garuu hin gammanne. Kun immoo Qaayiniin baayʼee aarse. Yihowaan, aariin Qaayin wanta hamaa akka hojjetu isa gochuu akka dandaʼu isa akeekkachiisee ture. Taʼus, Qaayin dhagaʼuu dide.

Kanaa mannaa, Qaayin Abeeliin, ‘Kottu gara dirreetti baanaa’ jedheen. Yommuu gara dirreetti baʼanii kophaa isaanii taʼan, Qaayin obboleessa isaa rukutee ajjeese. Yihowaan kana ilaalchisee tarkaanfii akkamii fudhata? Qaayin maatii isaa irraa fagaatee akka adeemu gochuudhaan isa adabeera. Qaayin matumaa deebiʼee akka dhufu isaaf hin heyyamamu.

Kana irraa barumsa akkamii arganna? Wantoonni karaa nuti yaanneen yoo raawwatamuu baatan ni aarra taʼa. Aariin keessa keenyatti guddachaa akka jiru yoo hubanne ykn warri kaan aaruu keenya hubatanii yoo nu akeekkachiisan, miirri keenya nu toʼachuu isaa dura dafnee sirreessuu fi toʼachuu qabna.

Abeel Yihowaa waan jaallatee fi wanta sirrii taʼe waan raawwateef, Yihowaan yeroo hunda isa ni yaadata. Waaqayyo lafti kun deebitee jannata akka taatu yommuu godhu Abeeliin duʼaa ni kaasa.

“Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Maatewos 5:24