Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 6

Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Namoonni Saddeet Addunyaa Haaraatti Galan

Nohi, maatiin isaa fi bineeldonni gara doonichaatti seenan. Achiis Yihowaan balbala doonichaa ni cufe; bokkaanis roobuu jalqabe. Bokkaan sun garmalee yommuu roobu doonichi bishaan irra sochoʼuu jalqabe. Suutuma suutas, lafti bishaaniin guutamte. Namoonni hamoon doonii sanaa ala turan hundi ni duʼan. Nohii fi maatiin isaa warri doonicha keessa turan garuu oolaniiru. Yihowaadhaaf waan ajajamaniif hangam akka gammadan tilmaamuu dandeessaa?

Bokkaan halkan 40 fi guyyaa 40 erga roobee booda ni caame. Suutuma suutas bishaanichi hirʼachaa deeme. Dhuma irrattis, doonichi tulluuwwan irra taaʼe. Taʼus amma iyyuu bakka hunda bishaan hedduutu jira ture; kanaaf, Nohii fi maatiin isaa yeruma sana doonicha keessaa baʼuu hin dandeenye.

Suutuma suuta, bishaanichi ni goge. Walumaa galatti Nohii fi maatiin isaa waggaa tokko ol doonicha keessa turan. Achiis Yihowaan doonicha keessaa gara bakka addunyaa haaraa fakkaatutti baʼuu akka dandaʼan isaanitti hime. Yihowaan isaan oolchuu isaatti guddaa isa galateeffatan; kanas Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuudhaan argisiisan.

Yihowaan aarsaa kanatti gammadeera. Lammata matumaa bishaaniin wanta lafa irra jiru akka hin balleessine waadaa isaaniif gale. Waadaa gale sana mallattoodhaan argisiisuuf sabbanni Waaqaa inni jalqabaa samii irratti akka mulʼatu godhe. Sabbata Waaqaa argitee beektaa?

Achiis Yihowaan, Nohii fi maatii isaatti ijoollee akka godhatanii fi lafa akka guutan isaanitti hime.

“Noh dooniitti gale . . . isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti . . . hin hubanne.”—Maatewos 24:38, 39