Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 8

Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru

Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru

Magaalaan Ur Baabel irraa baayʼee fagoo miti; namoonni magaalaa kanaa Yihowaa malees waaqolii tolfamoo hedduu waaqeffatu turan. Namni magaalaa Ur keessa jiraatu tokko garuu Yihowaa qofa waaqeffata ture. Maqaan isaa Abrahaam jedhama.

Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Mana kee fi firoota kee dhiisiitii, gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.’ Achiis Waaqayyo akkana jedhee waadaa isaaf gale: ‘Ati saba guddaa taata, sababii keetiin namoonni guutummaa lafaa irra jiraatan waan gaarii akka argatan nan godha.’

Abrahaam, Yihowaan eessatti isa ergaa akka jiru hin beeku ture; taʼus Yihowaatti amanameera. Kanaaf, Abrahaam, haati manaa isaa Saaraan, abbaan isaa Taaraanii fi mucaan obboleessa isaa Loox ajajamuudhaan miʼa isaanii feʼatanii isaa wajjin karaa dheeraa deemuu jalqaban.

Abrahaamii fi maatiin isaa biyya Yihowaan akka dhaqan barbaade yommuu gaʼan umuriin isaa waggaa 75 ture. Bakki sun biyya Kanaʼaan jedhama. Achitti Waaqayyo Abrahaamiif, ‘Biyya ati naannoo keetti argitu kana hunda ijoollee keetiif nan kenna’ jedhee waadaa gale. Taʼus, Abrahaamii fi Saaraan dulloomaniiru; akkasumas ijoollee hin qaban turan. Maarree Yihowaan waadaa isaaniif gale raawwachuu kan dandaʼu akkamitti?

“Abrahaam . . . iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jiru sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; inni iddoo deemu sana kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatuu kaʼee qajeele.”—Ibroota 11:8