Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 9

Dhuma Irratti Ilma Godhatan!

Dhuma Irratti Ilma Godhatan!

Abrahaamii fi Saaraan erga gaaʼela godhatanii waggoonni hedduun darbaniiru. Mana isaanii isa mijataa Ur keessa jiru dhiisanii dunkaana keessa jiraachaa jiru. Taʼus, Saaraan Yihowaatti waan amanamtee turteef hin gungumne.

Saaraan mucaa argachuuf baayʼee barbaaddee waan turteef Abrahaamiin, ‘Tajaajiltuun koo Aggaar yoo mucaa godhatte akkuma mucaa koo taʼuu dandaʼa’ jette. Yeroo booda, Aggaar ilma deesse. Maqaan isaas Ishmaaʼel jedhame.

Waggoota hedduu booda, umuriin Abrahaam waggaa 99, kan Saaraa immoo 89 yommuu taʼu, keessummoonni sadii gara isaanii dhufan. Abrahaam muka tokko jala akka boqotan isaan afeeree, nyaata isaaniif dhiheesse. Keessummoonni kun eenyufaa akka turan beektaa? Maleekota dha! Abrahaamiin, ‘Waggaa harʼaa yeroo kanatti, atii fi haati manaa kee ilma godhattu’ jedhaniin. Saaraanis dunkaana keessaa isaan dhaggeeffachaa turte. Ofitti kolfitee, ‘Ani hoo baayʼee dulloomeera, dhuguma ilma gochuu nan dandaʼaa?’ jettee yaadde.

Akkuma maleekaan Yihowaa abdii kennee ture, waggaa itti aanu Saaraan ilma deesse. Abrahaam maqaa isaa Yisihaaq jedhee kan moggaase siʼa taʼu, hiikni isaas “Kolfa” jechuu dha.

Yommuu Yisihaaq umuriin isaa gara waggaa shanii taʼu, Saaraan Ishmaaʼel utuu isatti qoosuu argite. Ilma ishiitiif eegumsa gochuu waan barbaaddeef, gara Abrahaam dhaqxee Aggaarii fi ilma ishii akka ariʼu gaafatte. Jalqaba irratti, Abrahaam kana gochuu hin barbaanne ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Wanta Saaraan siin jettu dhagaʼi. Ani Ishmaaʼeliin nan kunuunsa. Abdiin ani kenne garuu karaa Yisihaaq raawwatama.’

“Saaraan . . . amantiidhaan mucaa ulfaaʼuuf humna argatte, ishiin Inni abdii kenne sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte.”—Ibroota 11:11