Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 11

Qorumsa Amantii

Qorumsa Amantii

Abrahaam, ilmi isaa Yisihaaq Yihowaa akka jaallatuu fi abdii Yihowaan kenne hundatti akka amanamu isa barsiiseera. Haa taʼu malee, Yisihaaq yommuu umuriin isaa gara waggaa 25 taʼu, Yihowaan wanta baayʼee ulfaataa taʼe tokko akka raawwatu Abrahaamiin gaafate. Wanti kun maal ture?

Waaqayyo, Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Maaloo, ilma kee isa tokkicha fuudhiitii tulluu biyya Moriiyaa keessa jiru irratti aarsaa godhii naaf dhiheessi.’ Abrahaam, Yihowaan akkas akka godhu kan isa gaafate maaliif akka taʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaadhaaf ajajameera.

Abrahaam borumtaa isaa ganama bariidhaan Yisihaaqii fi tajaajiltoota isaa lama fudhatee gara Moriiyaatti qajeele. Guyyaa sadii booda, tulluuwwan sun fagoodhaa isaanitti mulʼachuu jalqaban. Abrahaam, innii fi Yisihaaq yommuu aarsaa dhiheessuuf deeman tajaajiltoonni isaa achumatti akka isaan eegan itti hime. Abrahaam Yisihaaqiin qoraan baachisee, ofii isaatii immoo haaduu fudhate. Yisihaaq, ‘Horiin aarsaa goonu meerre?’ jedhee abbaa isaa gaafate. Abrahaamis, ‘Ilma ko, Yihowaan ni qopheessa’ jedhee deebiseef.

Dhuma irratti yommuu tulluu sana bira gaʼan, iddoo aarsaa irratti dhiheessan ijaaran. Abrahaamis, harkaa fi miilla Yisihaaq hidhee iddoo aarsaa sana irra isa ciibse.

Achiis Abrahaam haaduu fudhate. Battaluma sanatti maleekaan Yihowaa samii keessaa isa waamee akkana jedheen: ‘Abrahaam! Mucicha hin miidhin! Ilma kee aarsaa gochuuf tole waan jetteef, amma Waaqayyo irratti amantii akka qabdu hubadheera.’ Achiis Abrahaam korbeessa hoolaa gaanfi isaa daggala keessatti qabame tokko arge. Innis dafee Yisihaaqiin hiikee korbeessa hoolaa sana aarsaa godhee dhiheesse.

Guyyaa sanaa kaasee, Yihowaan Abrahaamiin michuu koo jedhee isa waamuu jalqabe. Maaliif akka taʼe beektaa? Abrahaam Yihowaan wanta tokko akka godhu kan isa gaafatu maaliif akka taʼe hubachuu baatu illee, wanta Yihowaan akka inni godhu barbaadu hunda ni raawwata ture.

Yihowaan ammas, ‘Sin eebbisa; ijoollee kee ykn sanyii kee nan baayʼisa’ jedhee Abrahaamiif waadaa gale. Kunis Yihowaan karaa maatii Abrahaam namoota gaarii taʼan hunda ni eebbisa jechuu dha.

“Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16