Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 12

Yaaqoob Dhaalicha Argate

Yaaqoob Dhaalicha Argate

Yisihaq Ribqaa yeroo fuudhetti umuriin isaa waggaa 40 ture. Baayʼee ishii jaallata ture. Yeroo booda ijoollee dhiiraa lakkuu godhatan.

Maqaan isa angafaa Esaawu, kan isa quxisuu immoo Yaaqoob jedhame. Esaawu bakkee keessa ooluu kan jaallatu siʼa taʼu, bineensota adamsuu irratti cimaa ture. Yaaqoob garuu qeʼee keessa ooluu jaallata ture.

Bara sanatti, abbaan isaa yeroo duʼu ilmi angafaa lafaa fi qarshii harka caalaa isaa fudhata ture. Kun dhaala jedhama. Maatii Yisihaaq keessatti immoo, dhaalichi waadaa Yihowaan Abrahaamiif gale keessatti gahee qabaachuu kan dabalatu dha. Esaawu waaʼee waadaa kanaa dhimma hin qabu ture; Yaaqoob garuu iddoo guddaa akka inni qabu hubatee ture.

Gaaf tokko Esaawu guyyaa guutuu adamoo oolee baayʼee dadhabee dhufe. Nyaanni gaariin Yaaqoob qopheessaa ture itti urgoofnaan, ‘Ani baayʼee beelaʼeera! Ittoo diimaa kana irraa xinnoo naa kenni!’ jedheen. Yaaqoob immoo, ‘Siin kenna, garuu jalqaba dhaala kee fudhachuu akkan dandaʼu waadaa naa gali’ jedheen. Esaawuus, ‘Dhaalli koo maal naa godha! Fudhachuu dandeessa. Ani amma nyaata qofan barbaada’ jedhe. Esaawu akkas gochuun isaa sirrii sitti fakkaataa? Sirrii miti. Esaawu nyaata siʼa tokkoof jedhee wanta gatii guddaa qabu dhabe.

Yisihaaq yeroo baayʼee dulloometti, ilma isaa isa angafa eebbisuu yaade. Ribqaan garuu Yaaqoob inni quxisuun akka eebbifamu haala mijeessite. Esaawu kana yeroo beeku, baayʼee aaree obboleessa isaa isa lakkuu ajjeesuuf yaaduu jalqabe. Yisihaaqii fi Ribqaan, Yaaqoobiif eegumsa gochuuf, ‘Hanga Esaawu tasgabbaaʼutti eessuma kee Laabaan bira dhaqii achi turi’ jedhaniin. Yaaqoob gorsa warra isaa dhagaʼuudhaan, lubbuu isaa oolfachuuf baqate.

“Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada? Namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?”—Maarqos 8:36, 37