Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 13

Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman

Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman

Yihowaan akkuma Abrahaamii fi Yisihaaqiin eegee ture, isas akka eegu Yaaqoobiif waadaa galee ture. Yaaqoob biyya Kaaraan jedhamu jiraachuu jalqabe; achittis fuudhee maatii balʼaa godhate; baayʼee sooressas ni taʼe.

Yeroo booda Yihowaan Yaaqoobiin, ‘Gara biyya keetti deebiʼi’ jedheen. Kanaaf, Yaaqoobii fi maatiin isaa biyyatti deebiʼuuf karaa dheeraa deemuu jalqaban. Utuu isaan karaa irra jiranii namoonni dhufanii Yaaqoobiin, ‘Obboleessi kee Esaawu namoota 400 fudhatee dhufaa jira!’ jedhaniin. Yaaqoob, Esaawu isaa fi maatii isaa miidhuu barbaada jedhee sodaate. Kanaaf, ‘Maaloo harka obboleessa koo jalaa na oolchi jedhee’ Yihowaa kadhate. Guyyaa itti aanu Yaaqoob, Esaawuuf hoolota, reʼoota, saawwan, gaalotaa fi harroota hedduu kennaa godhee ergeef.

Gaafas galgala Yaaqoob utuu kophaa isaa jiruu maleekaa tokko arge! Maleekaan sun isaa wajjin walʼaansoo wal qabuu jalqabe. Hanga bariʼutti walʼaansoo wal qabuu isaanii itti fufan. Yaaqoob kan miidhame taʼus, walʼaansoo gochuu isaa hin dhiisne. Maleekaan sunis, ‘Na gadhiisi’ jedheen. Yaaqoob garuu, ‘Yoo na eebbiste malee si hin gadhiisu’ jedheen.

Dhuma irratti maleekaan sun Yaaqoobiin ni eebbise. Amma Yaaqoob, Esaawu akka isa miidhu Yihowaan akka hin heyyamne hubate.

Ganama sana Yaaqoob, Esaawuu fi dhiirota 400n sana fagootti arge. Yaaqoob maatii isaa dura buʼee deemuudhaan obboleessa isaa duratti siʼa torba sagade. Esaawus Yaaqoobitti fiigee isa hammate. Obboloonni lamaan sagalee isaanii guddisanii booʼan; achiis ni araaraman. Akkaataa Yaaqoob rakkina kana itti hiike ilaalchisee Yihowaatti maal kan isatti dhagaʼame sitti fakkaata?

Boodas, Esaawu gara mana isaatti deebiʼe; Yaaqoob immoo karaa isaa itti fufe. Yaaqoob walumatti ilmaan 12 qaba. Maqaan isaanii Ruuben, Shimiʼoon, Lewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaadi, Asheer, Yisaakor, Zebuloon, Yoseefii fi Beniyaamin jedhama. Yihowaan saba isaa oolchuuf ilmaan Yaaqoob keessaa Yoseefitti fayyadameera. Kana kan godhe akkamitti akka taʼe beektaa? Mee haa ilaallu.

“Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa; kana yoo gootan ilmaan Abbaa keessan isa samii irraa taʼuu keessan argisiistu.”—Maatewos 5:44, 45