Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 14

Garbicha Waaqayyoof Ajajame

Garbicha Waaqayyoof Ajajame

Yoseef ilmaan Yaaqoob warra xixinnaa keessaa tokko ture. Obboloonni isaa angafaa abbaan isaanii Yoseefiin baayʼee akka jaallatu hubatan. Kun maal akka isaanitti dhagaʼamu taasisa jettee yaadda? Yoseefitti kan hinaafan siʼa taʼu, isa jibban. Yoseef abjuu adda taʼe yeroo abjootu, abjuu isaa isaanitti hima ture. Hiikni abjuu isaa isaan gaaf tokko akka isaaf sagadan kan argisiisu akka taʼe yaadan. Kun immoo caalaatti akka isa jibban taasise!

Gaaf tokko obboloonni Yoseef naannoo magaalaa Sheekem jirtutti hoolota tiksu turan. Yaaqoob akka dhaqee isaan ilaaluuf Yoseefiin gara isaaniitti erge. Yoseef gara isaanii dhufaa akka jiru fagootti arganii, ‘Kunoo, abbaan abjuu sun dhufaa jira. Kottaa isa ajjeesna!’ waliin jedhan. Isa qabanii boolla gad fagoo keessa isa buusan. Haa taʼu malee, obboloota isaa keessaa Yihudaan, ‘Isa hin ajjeesinaa! Kanaa mannaa, akka garbichaatti isa haa gurgurru’ jedhe. Kanaaf, daldaltoota Miidiyaan gara Gibxii dhaqanitti meetii 20n Yoseefiin gurguran.

Achiis obbolaan Yoseef uffata isaa dhiiga reʼee keessa cuuphanii, uffaticha gara abbaa isaanitti erganii, ‘Kun uffata ilma keeti mitii?’ jedhan. Yaaqoobis Yoseefiin bineensatu nyaate jedhee yaade. Yaaqoob baayʼee gadde. Eenyu iyyuu isa jajjabeessuu hin dandeenye.

Gibxiitti immoo Phoxiifaar isa ajajjuu eegdotaa keessaa tokko taʼetti garbicha taʼee gurgurame. Taʼus Yihowaan Yoseefii wajjin ture. Phoxiifaar, Yoseef hojii isaa akka gaariitti akka hojjetuu fi amanamaa akka taʼe hubate. Baayʼee utuu hin turinis Phoxiifaar qabeenya isaa hunda irratti isa muude.

Haati manaa Phoxiifaar Yoseef miidhagaa fi kan dhaabbii tolu taʼuu isaa hubatte. Guyyuma guyyaadhaan Yoseef akka ishii wajjin ciisu isa gaafatti turte. Yoseef maal godha laata? Inni garuu didee akkana jedhe: ‘Lakki! Kun sirrii miti. Gooftaan koo na amana; ati immoo haadha manaa isaa ti. Yoon sii wajjin ciise Waaqayyo irrattan cubbuu hojjedha!’

Gaaf tokko haati manaa Phoxiifaar Yoseef dirqamaan ishii wajjin akka ciisu gochuuf yaalte. Uffata isaa yommuu qabdu, inni garuu ishii jalaa ni baqate. Phoxiifaar yommuu dhufu, Yoseef ishii wajjin ciisuuf akka yaale dubbatte. Ishiin dhugaa isaa hin dubbanne. Phoxiifaar baayʼee aaree mana hidhaatti isa galche. Yihowaan garuu Yoseefiin hin irraanfanne.

“Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa.”—1 Pheexiros 5:6