Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 15

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne

Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne

Yoseef utuu mana hidhaa jiruu, Faraʼoon mootiin Gibxii abjuu namni tokko illee hiikuu hin dandeenye abjoote. Tajaajiltoota isaa keessaa tokko, Yoseef abjuu isaa isaaf hiikuu akka dandaʼu Faraʼoonitti hime. Faraʼoon yeruma sana Yoseefiin waamsise.

Faraʼoon, ‘Abjuu koo naaf hiikuu dandeessaa?’ jedhee isa gaafate. Yoseefis Faraʼooniin akkana jedhe: ‘Gibxiin waggoota torbaaf midhaan hedduu qabaatti, waggoonni itti aanan torba garuu yeroo beelaa taʼu. Yeroo sanatti uummanni kee akka hin beelofneef nama ogeessa midhaan walitti qabu filadhu.’ Faraʼoonis akkana jedhee deebiseef: ‘Siin filadheera! Ati Gibxii keessatti anatti aantee nama aangoo guddaa qabu taata!’ Yoseef abjuu Faraʼoon beekuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan waan isa gargaareefi dha.

Yoseef waggoottan itti aanan torbatti midhaan walitti kuuse. Achiis akkuma Yoseef dubbatee ture guutummaa lafaa irratti beelli ni taʼe. Namoonni bakka hundatti argaman Yoseef irraa midhaan bitachuuf dhufuu jalqaban. Abbaan isaa Yaaqoob biyya Gibxii midhaan akka jiru dhagaʼee akka bitaniif ilmaan isaa keessaa kurnan erge.

Ilmaan Yaaqoob gara Yoseef deeman; innis takkumaan isaan bare. Obboloonni isaa garuu inni Yoseef taʼuu isaa hin beekne turan. Akkuma inni ijoollummaa isaatti abjuudhaan argee ture isaaf sagadan. Yoseef obboloonni isaa amma iyyuu jibba qabaachuuf dhiisuu isaanii beekuu barbaade. Kanaaf, ‘Isin basaastota. Biyyi keenya eessaan banaa akka taate ilaaluu dhuftan’ isaaniin jedhe. Isaan immoo akkana jedhan: ‘Lakkii! Nuti obbolaa 12 siʼa taanu, biyya Kanaʼaan keessa jiraanna. Obboleessi keenya inni tokko duʼeera; inni quxisuun immoo abbaa keenyaa wajjin jira.’ Achiis Yoseef, ‘Obboleessa keessan isa quxisuu gara kootti fidaa, anis wanti dubbattan dhugaa taʼuu isaa nan amana’ isaaniin jedhe. Kanaaf, gara abbaa isaaniitti deebiʼan.

Midhaan isaan bitan dhumnaan Yaaqoob ammas ijoollee isaa gara Gibxiitti erge. Yeroo kanatti obboleessa isaanii isa quxisuu, Beniyaaminiin fuudhanii deeman. Yoseef isaan qoruudhaaf xoofoo isaa isa meetii irraa tolchame qalqalloo midhaanii Beniyaamin keessa akka kaaʼamu godhee, isintu hate isaaniin jedhe. Tajaajiltoonni Yoseef xooficha qalqalloo Beniyaamin keessaa yommuu argan, obboloonni isaa baayʼee naʼan. Yoseef Beniyaamin dhiisee isaaniin akka adabu isa kadhatan.

Yeroo kanatti Yoseef obboloonni isaa akka jijjiiraman hubate. Yoseef miira isaa kana caalaa toʼachuu hin dandeenye. Sagalee isaa guddisee booʼaa, ‘Ani obboleessa keessan Yoseefi dha. Abbaan koo amma iyyuu lubbuudhaan jiraa?’ jedhe. Obboloonni isaas baayʼee naʼan. Innis akkana isaaniin jedhe: ‘Wanta na irratti raawwatanitti hin gaddinaa. Waaqayyo gara asiitti kan na erge lubbuu keessan oolchuufi dha. Amma dafaa abbaa koo fidaa kottaa.’

Isaanis oduu gaarii kana abbaa isaaniitti himuu fi gara Gibxiitti isa fiduuf gara manaatti deebiʼan. Waggoota hedduu booda, Yoseefii fi abbaan isaa dhuma irratti deebiʼanii wal argan.

“Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama isaaniif hin gootan taanaan . . . Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”—Maatewos 6:15