Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 16

Iyoob Eenyu Ture?

Iyoob Eenyu Ture?

Namni Yihowaa Waaqeffatu tokko biyya Uz keessa jiraachaa ture. Maqaan isaa Iyoob jedhama. Nama baayʼee sooressa taʼee fi maatii balʼaa qabu ture. Inni arjaa, akkasumas hiyyeessota, dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee haadhaas taʼe abbaa hin qabne kan gargaaru ture. Iyoob nama wanta sirrii taʼe hojjechaa ture waan taʼeef, rakkinni tokko iyyuu isa irra hin gaʼuu jechuu dhaa?

Iyoob beekuu baatus, Seexanni inni Diyaabilos jedhame isa ilaalaa ture. Yihowaan Seexanaan akkana jedhe: ‘Tajaajilaa koo Iyoobiin argiteettaa? Namni akka isaa lafa irra hin jiru. Inni anaaf ni ajajama; wanta gaariis ni hojjeta.’ Seexannis deebisee akkana jedhe: ‘Dhugaa dha, Iyoob siif ni ajajama. Ati isa ni eegda; isa ebbisteettas. Lafaa fi horii isaaf kenniteetta. Mee wantoota kana jalaa fudhadhu; inni si waaqeffachuu ni dhiisa.’ Yihowaanis, ‘Iyoobiin qoruu dandeessa. Isa akka ajjeestu garuu siif hin heyyamu’ jedhe. Yihowaan, Seexanni Iyoobiin akka qoru kan heyyame maaliifi? Iyoob amanamaa akka taʼu mirkanaaʼaa waan taʼeefi dha.

Seexanni rakkina hedduu Iyoobitti fiduudhaan isa qoruu jalqabe. Jalqaba irratti namoonni Saabaa saawwanii fi harroota isaa akka hatan erge. Achiis, ibiddi hoolota Iyoob hunda fixe. Warri Kaldootaa immoo gaalota isaa hatan. Tajaajiltoonni isaa horiiwwan kana eegaa turanis ni ajjeefaman. Itti aansee immoo, wanta kana caalutu isa mudate. Ijoolleen Iyoob hundi mana tokko keessatti utuu nyaachaa fi dhugaa jiranii manichi isaan irratti jigee isaan ajjeese. Iyoob wanta kanatti baayʼee kan gadde taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa hin dhiisne.

Seexanni rakkinni kana caalu Iyoob irra akka gaʼu waan barbaadeef, guutummaan qaama isaa akka madaaʼu taasise. Madaan kun baayʼee isa dhiphisa ture. Iyoob rakkinni kun hundi maaliif akka isa irra gaʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaa waaqeffachuu isaa itti fufe. Waaqayyo wantoota kana hunda kan arge siʼa taʼu, Iyoobitti baayʼee gammade.

Achiis, Seexanni akka isa qoraniif namoota sadii Iyoobitti erge. Isaanis, ‘Cubbuu hojjettee dhoksite qabda. Kanaaf, Waaqayyo si adabaa jira’ isaan jedhan. Iyoob garuu, ‘Ani wantan balleesse hin qabu’ jedhe. Sana booda Iyoob rakkoowwan kana Waaqayyo akka isatti fidee fi Waaqayyo akka garaa isatti jabaate yaaduu jalqabe.

Yeroo kanatti dargaggeessi Eliihuu jedhamu callisee maree isaanii dhaggeeffachaa ture. Dhuma irrattis akkana jedhe: ‘Wanti hundi keessan dubbattan dogoggora dha. Yihowaan hubannaa keenya caalaa guddaa dha. Inni matumaa wanta hamaa hin raawwatu. Inni wanta hunda ni arga; namoota rakkatanis ni gargaara.’

Sana booda Yihowaan Iyoobitti dubbate. Akkana jedhe: ‘Samii fi lafa yeroon uume ati eessa turte? Inni qajeelaa miti maaliif naan jetta? Wantoonni kun maaliif akka si irra gaʼan kan hin beekne taʼus ni dubbatta.’ Iyoob balleessaa isaa amanuudhaan akkana jedhe: ‘Ani dogoggoreera. Waaʼee kee dhagaʼeen ture; amma garuu sirriitti si beekeera. Siif wanti hin dandaʼamne hin jiru. Wantan dubbadheef dhiifama naa godhi.’

Qorumsi isa irra gaʼu yeroo xumurametti Yihowaan Iyoob akka fayyu taasise; qabeenya isa duraanii irra baayʼee caalus isaaf kenne. Sana booda, Iyoob umurii dheeraa fi jireenya gammachiisaa jiraate. Yihowaan, Iyoob haala rakkisaa keessatti illee waan isaaf ajajameef isa eebbise. Ati hoo akkuma Iyoob wanti akkamii iyyuu yoo si irra gaʼe, Yihowaa waaqeffachuu kee itti fuftaa?

“Iyyoob jabaatee akka dhaabate dhageessaniittu; kanaan kan kaʼes wanta Yihowaan isaaf godhe argitaniittu.”—Yaaqoob 5:11