Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 17

Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate

Museen Yihowaa Waaqeffachuu Filate

Maatiin Yaaqoob Gibxii keessatti Israaʼeloota jedhamanii beekamu turan. Yaaqoobii fi Yoseef erga duʼanii booda, Faraʼoon kan biraan Gibxii bulchuu jalqabe. Innis Israaʼelonni warra Gibxii caalaa baayʼachaa jiru jedhee sodaate. Kanaaf, Faraʼoon kun Israaʼeloota garboota taasise. Xuubii akka tolchanii fi maasii irratti hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiise. Warri Gibxii Israaʼelonni hojii ulfaataa akka hojjetan isaan dirqisiisanis, lakkoofsi Israaʼelootaa garuu dabalaa deeme. Faraʼoon haalli kun waan isa yaaddesseef, ijoolleen dhiiraa Israaʼelootaa dhalatan hundi akka ajjeefaman ajaje. Israaʼeloonni hammam sodaatanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?

Dubartiin Israaʼel Yokebeed jedhamtu ilma bareedaa tokko deesse. Namoota jalaa isa dhoksuufis guuboo keessa isa keessee, dhallaadduu Laga Abbayyaa qarqara jiru keessa isa dhoksite. Obboleettiin isaa Miiryaamis naannuma sana dhaabattee wanta raawwatamu hordofaa turte.

Intalli Faraʼoon dhaqna ishii dhiqachuuf gara lagichaa yeroo dhuftu, guuboo sana argite. Guuboo sana keessattis mucaa booʼaa jiru argitee, baayʼee gadditeef. Miiryaam intala Faraʼooniin, ‘Dubartii mucicha hoosiftee siif guddistu sii waamuu?’ jettee gaafatte. Intalli Faraʼoon tole yommuu jettu, Miiryaam dhaqxee haadhuma ishii Yokebeediin waamte. Intalli Faraʼoonis, ‘Mucaa kana fuudhii hoosisii naa guddisi, anis siifan kaffala’ jette.

Mucichi yeroo guddatus, Yokebeed gara intala Faraʼonitti isa geessite; ishiinis maqaa isaa Musee jettee kan moggaaste siʼa taʼu, akkuma ilma ishiitti isa guddiste. Museen akka ilma mootiitti guddate; wanta barbaade hundas argachuu ni dandaʼa ture. Museen garuu matumaa Yihowaa hin irraanfanne. Inni nama Israaʼel malee nama Gibxii akka hin taane beeka ture. Kanaaf, Yihowaa tajaajiluu filate.

Umuriin isaa waggaa 40 yommuu guutu garuu Museen saba isaa gargaaruuf murteesse. Namni Gibxii tokko nama Israaʼel garbicha taʼe tokko yommuu rukutu argee, nama Gibxii sana rukutee ajjeese. Reeffa isaas cirracha jala dhokse. Faraʼoon kana yeroo beeku Musee ajjeesuuf yaale. Museen garuu gara biyya Miidiyaanitti baqate. Achittis Yihowaan isa kunuunse.

“Museen . . . amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide; . . . saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.—Ibroota 11:24, 25