Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 19

Dhaʼicha Jalqabaa Sadan

Dhaʼicha Jalqabaa Sadan

Israaʼeloonni garboota taʼanii hojii ulfaataa akka hojjetan dirqisiifamanii turan. Yihowaan, Musee fi Aaron ergaa ‘Sabni koo lafa onaa keessatti akka na waaqeffatuuf isa gadhiisi’ jedhu Faraʼoonitti akka himan isaan erge. Faraʼoonis of tuuluudhaan, ‘Wanta Yihowaan jedhu hin dhagaʼu, Israaʼelootas hin gadhiisu’ jedhee deebise. Sana booda, Faraʼoon hojii caalaatti ulfaatu akka hojjetan taasise. Yihowaan, Faraʼooniin barumsa tokko barsiisuuf jedha. Akkamitti akka taʼe beektaa? Gibxii irratti dhaʼichawwan kurnan fiduudhaani. Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Faraʼoon na dhagaʼaa hin jiru. Inni ganama gara Laga Abbayyaa ni dhaqa. Gara isaa dhaqiitii saba koo gadhiisuu waan dideef, bishaan Laga Abbayyaa hundi gara dhiigaatti akka jijjiiramu isatti himi.’ Museenis ajajamuudhaan gara Faraʼoon deeme. Aaron utuma Faraʼoon arguu ulee isaatiin laga Abbayyaa yommuu rukutu, lagichi gara dhiigaatti jijjiirame. Lagichi ajaaʼuu jalqabe; qurxummiin lagicha keessa jiranis ni duduʼan; warri Gibxiis bishaan laga Abbayyaa dhuguu hin dandeenye. Taʼus, Faraʼoon saba Israaʼel gadhiisuu dide.

Guyyoota torba booda Yihowaan, Museen ergaa, ‘Saba koo yoo gadhiisuu didde, biyyi Gibxii fatteedhaan guutamti’ jedhu Faraʼoonitti akka himuuf isa erge. Aaron ulee isaa yeroo ol qabu biyyichi fatteedhaan guutamuu jalqabe. Fatteewwan kun bakka hunda, jechuunis mana isaanii, siree isaanii fi qodaa bukoo isaaniitti namʼan. Faraʼoon, dhaʼichi kun akka dhaabatuuf Museen Yihowaa akka kadhatu gaafate. Faraʼoon Israaʼeloota akka gadhiisu waadaa gale. Kanaaf, Yihowaan dhaʼicha sana ni dhaabe; warri Gibxiis fatteewwan duduʼan walitti qabanii tuullan. Biyyichis ajaaʼuu jalqabe. Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas sabicha hin gadhiisne.

Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Aaron ulee isaatiin lafa haa rukutu; awwaarri lafaas bookee nama ciniinutti jijjiirama.’ Battalumatti bookeewwan kun bakka hunda waliin gaʼan. Namoonni Faraʼoon tokko tokko, ‘Dhaʼichi kun Waaqayyo biraa dhufe’ isaan jedhan. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼeloota hin gadhiisne.

“Irree koo fi aangoo koo akka beekan nan godha; yommus isaan ani Waaqayyo gooftaa akkan taʼe in beeku.”—Ermiyaas 16:21