Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 20

Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan

Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan

Musee fi Aaron, ergaa Waaqayyoo, ‘Saba koo gadhiisuu yoo didde, biyyattiitti qarxaasaan erga’ jedhu Faraʼoonitti himuu dhaqan. Gurmuun qarxaasaa sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin manneen warra Gibxii weerare. Biyyattiinis qarxaasaadhaan guutamte. Gooshen bakka Israaʼeloonni jiraatan keessa garuu qarxaasaan hin turre. Dhaʼicha arfaffaa kana irraa kaasee dhaʼichawwan dhufan kan miidhan warra Gibxii qofa ture. Faraʼoon, ‘Qarxaasaa kana nu irraa akka dhaabu Yihowaa kadhadhaa. Sabni keessan deemuu ni dandaʼa’ jedhee kadhate. Haa taʼu malee, Yihowaan qarxaasaa kana isaan irraa dhaabnaan, Faraʼoon yaada isaa jijjiire. Faraʼoon barumsa kan argatu yoomi laata?

Yihowaan, ‘Faraʼoon saba koo gadhiisuu yoo dide, horiin warra Gibxii dhukkubsatanii duʼu’ jedhe. Guyyaa itti aanutti, horiiwwan isaanii duʼuu jalqaban. Horiiwwan Israaʼelootaa garuu hin duune. Faraʼoon ammas mataa waan jabaateef yaada isaa hin jijjiire.

Achiis Yihowaan, Museen gara Faraʼoonitti deebiʼee qilleensa irratti daaraa ol akka facaasu isa ajaje. Daaraan sunis qilleensa keessa guutee namoota Gibxii hunda irratti facaʼe. Achiis namoota Gibxii fi horii isaanii hunda irratti dhiitoo baayʼee nama dhukkubu fide. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼeloota gadhiisuu ni dide.

Yihowaan Museen ergaa kana qabatee Faraʼoon bira akka dhaqu isa ajaje: ‘Amma iyyuu saba koo gadhiisuu didde mitii? Bor biyyattii irratti cabbii guguddaan ni rooba.’ Guyyaa itti aanutti, Yihowaan cabbii, bakakkaa fi ibidda isaanitti fide. Cabbiin akkasii kanaan dura Gibxii irratti roobee hin beeku. Muktii fi midhaan Gibxii keessa jiru hundi ni barbadaaʼe; Gooshenitti garuu cabbiin kun hin roobne. Faraʼoonis akkana jedhe: ‘Yihowaan kana akka nu irraa dhaabu kadhadhaa! Sana booda deemuu dandeessu.’ Haa taʼu malee, cabbii fi bokkichi akkuma dhaabateen, Faraʼoon yaada isaa jijjiire.

Achiis Museen, ‘Hawaannisni biqiltuu cabbicha irraa hafe hunda ni nyaata’ jedhe. Hawaannisni miliyoonaan lakkaaʼamus wanta maasii fi muka irratti hafe hunda nyaate. Faraʼoonis, ‘Hawaannisa kana akka nu irraa dhaabuuf Yihowaa kadhadhaa’ jedhee Musee gaafate. Taʼus, Yihowaan hawaannisicha erga isaan irraa fageessee booda, Faraʼoon Israaʼeloota gadhiisuu dide.

Yihowaan Museedhaan, ‘Harka kee gara samiitti ol qabi’ jedhe. Battaluma sanas samiin guutummaatti ni dukkanaaʼe. Warri Gibxii guyyaa sadiif wal argus taʼe waan tokko iyyuu arguu hin dandeenye. Bakka Israaʼeloonni jiran garuu ifa ture.

Faraʼoonis Museedhaan, ‘Atii fi namoonni kee deemuu dandeessu. Horii keessan garuu fudhattanii akka hin deemne’ jedhe. Museenis deebisee, ‘Waaqa keenyaaf aarsaa waan dhiheessinuuf, horii keenya fudhannee deemuu qabna’ jedhe. Faraʼoon baayʼee aaree, ‘Ija koo duraa deemi! Deebitee yoo dhufte sin ajjeesa’ jedhee isatti iyye.

“Isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jalʼoota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu.”—Miilkiyaas 3:18