Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 21

Dhaʼicha Kurnaffaa

Dhaʼicha Kurnaffaa

Museen lammata deebiʼee akka isa hin argine Faraʼooniif waadaa gale. Utuu isa biraa hin deemin dura garuu Faraʼooniin, ‘Halkan walakkaa, ilma angafaa warra Gibxii, jechuunis ilma Faraʼoonii kaasee hanga ilma garboota isaaniitti ni duʼu’ jedhe.

Yihowaan Israaʼeloonni nyaata addaa akka qopheeffatan isaan ajaje. Akkana jedhe: ‘Korbeessa hoolaa ykn reʼee waggaa tokkoo qalaatii dhiiga isaa michichila balbala keessaniitti dibaa. Foon isaas waadaatii maxinoo raacitii hin qabnee wajjin nyaadhaa. Uffata keessan uffadhaa; kophee keessanis kaʼaadhaatii deemuuf qophaaʼaa. Harʼa galgala ani bilisan isin baasa.’ Israaʼeloonni hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?

Halkan walakkaa, maleekaan Yihowaa gara manneen Gibxii keessa jiran hundaa dhaqe. Mana michichila balbala isaa irratti dhiigni hin dibamne keessaas angafa hunda ni ajjeese. Mana dhiigni itti dibame irra garuu ni darba ture. Sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin, maatiin warra Gibxii hundi mucaa angafaa dhabe. Ijoollee Israaʼelootaa keessaa garuu tokko illee hin duune.

Ilmi Faraʼoon illee duʼeera. Faraʼoon kana caalaa obsuu hin dandeenye. Battaluma sana Musee fi Aaroniin, ‘Kaʼaa asii deemaa. Dhaqaatii Waaqa keessan waaqeffadhaa. Horii keessanis fudhadhaatii deemaa!’ jedhe.

Guyyaa addeessi guutuu taatetti, Israaʼeloonni maatii fi gosaan gurmaaʼanii Gibxiidhaa baʼan. Dhiirota 600,000, akkasumas dubartootaa fi ijoollee hedduu turan. Kana malees, namoonni kan biraa hedduun Yihowaa waaqeffachuuf Israaʼeloota duukaa baʼan. Dhuma irrattis, Israaʼeloonni bilisa baʼan!

Israaʼeloonni Yihowaan akka isaan oolche yaadachuuf, waggaa waggaatti nyaata addaa sana qopheessu turan. Nyaanni kun Ayyaana Faasikaa jedhama ture.

“Ani akka turtu kanan si godhe kanaafi: Humna koo karaa kee argisiisuu fi maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamuufi.”—Roomaa 9:17