Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 23

Waadaa Yihowaadhaaf Galan

Waadaa Yihowaadhaaf Galan

Israaʼelonni erga Gibxii baʼanii gara jiʼa lamaa booda, Tulluu Siinaa gaʼanii achi buufatan. Yihowaan, Musee isa gara tullichaatti ol baʼe waamee akkana isaan jedhe: ‘Israaʼeloota oolcheera. Isaan anaaf yoo ajajamanii fi seera koo eeganii yoo jiraatan anaaf saba addaa ni taʼu.’ Museenis tullicha irraa buʼee wanta Yihowaan dubbate Israaʼelootatti hime. Isaan hoo maal jedhan? ‘Wanta Yihowaan nu ajaje hunda ni raawwanna’ jedhanii deebisan.

Museen ammas gara tullichaatti ol baʼe. Achitti, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Guyyaa sadii booda sii wajjin nan dubbadha. Sabichi gara Tulluu Siinaatti akka ol hin baane akeekkachiisi.’ Museenis tullicha irraa gad buʼee Israaʼeloonni Yihowaa dhagaʼuuf akka qophaaʼan isaanitti hime.

Israaʼeloonni guyyaa sadii booda, balaqqeessaa fi duumessa gurraacha tullicha irratti argan. Kana malees, sagalee qaqawwee fi sagalee malakataa baayʼee cimaa taʼe dhagaʼan. Achiis Yihowaan ibiddaan tullichatti gad buʼe. Israaʼeloonni baayʼee waan sodaataniif ni hollatan. Guutummaan tullichaa ni raafame, akkasumas aaraan guutame. Sagaleen malakataa caalaatti dabalaa deeme. Achiis Waaqayyo, ‘Ani Yihowaa dha. Waaqayyolii kan biraa kam iyyuu hin waaqeffatinaa!’ jedhe.

Museen gara tullichaatti deebiʼee ol baʼe; Yihowaanis, seera sabichi akkamitti isa waaqeffachuu akka qabuu fi amala akkamii argisiisuu akka qabu ibsu isatti kenne. Museen seericha erga barreessee booda Israaʼelootaaf dubbise. Isaanis, ‘Wanta Yihowaan nu ajaje hunda ni raawwanna’ jedhanii waadaa galan. Eeyyee, Waaqayyoof waadaa galaniiru. Haa taʼu malee, waadaa isaanii ni eeguu laata?

“Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.”—Maatewos 22:37