Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 25

Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu

Godoo Qulqullaaʼaa Waaqeffannaadhaaf Oolu

Museen Tulluu Siinaa irra yeroo turetti, Yihowaan dunkaana addaa godoo qulqullaaʼaa jedhamuu fi Israaʼeloonni keessatti Isa waaqeffatan akka hojjetu Musee ajaje. Yommuu bakka biraa deeman godoo qulqullaaʼaa kana baatanii deemuu dandaʼu turan.

Yihowaan Museedhaan, ‘Godoo qulqullaaʼaa kana ijaaruuf akka ooluuf hamma dandaʼan kennaa akka kennan sabichatti himi’ jedhe. Israaʼeloonnis warqee, meetii, sibiila boorrajjii, dhagaawwan gatii guddaa qabanii fi faaya kennan. Akkasumas suufii, quncee talbaa, gogaa horii fi wantoota kan biroo hedduu kennan. Waan baayʼee waan kennaniif, Museen ‘Wanta nu gaʼu arganneerra! Kana caalaa hin fidinaa’ isaaniin jechuu qaba ture.

Dhiironnii fi dubartoonni ogummaa qabanis godoo qulqullaaʼaa kana ijaaruu irratti gargaaraniiru. Yihowaan ogummaa hojichaaf barbaachisu isaaniif kenneera. Tokko tokko jirbii foʼaa, uffata dhaʼaa fi kuulaa turan. Warri kaan immoo dhagaa bocanii, warqee baqsanii, akkasumas muka soofanii qopheessu turan.

Sabichi godoo qulqullaaʼaa sana akkuma Yihowaan isa ajajetti hojjete. Kutaa isa Qulqulluu kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe irraa adda baasuufis golgaa bareedu tolchan. Kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu keessa saanduqa kakuutu kaaʼama ture; saanduqni kun muka laaftoo fi warqee irraa hojjetame. Kutaa isa Qulqulluu keessa immoo baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame, minjaalaa fi iddoo aarsaa ixaanni irratti aarfamutu jira ture. Mooraa isaa keessa immoo, waciitii sibiila boorrajjii irraa tolchamee fi iddoo aarsaa guddaatu jira ture. Saanduqni kakuu waadaa Israaʼeloonni Yihowaadhaaf ajajamuuf galan kan isaan yaadachiisu ture. Kakuun maal akka taʼe beektaa? Waadaa adda taʼe dha.

Yihowaan Aaronii fi ilmaan isaa godoo qulqullaaʼaa keessatti luboota taʼanii akka tajaajilaniif isaan filate. Godoo qulqullaaʼaa kunuunsuu fi achitti Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu qabu turan. Gara kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu seenuun kan heyyamamu garuu, Aaron isa luba ol aanaa taʼeef qofa ture. Kanas kan godhu, waggaatti siʼa tokko cubbuu ofii isaa, cubbuu maatii isaa fi cubbuu guutummaa saba Israaʼeliif aarsaa dhiheessuufi dha.

Israaʼeloonni Gibxiidhaa erga baʼanii waggaa tokko booda godoo qulqullaaʼaa ijaaranii xumuran. Kana booda iddoo itti Yihowaa waaqeffatan argataniiru.

Yihowaan godoo qulqullaaʼaa kana ulfina isaatiin kan guute siʼa taʼu, duumessis irra buufate. Duumessichi godoo qulqullaaʼaa irraa hamma kaʼutti Israaʼeloonni bakkuma jiran turu. Duumessichi yeroo kaʼu garuu, akka achii deemuu qaban beeku. Godoo qulqullaaʼaa sana buqqisanii duumessicha duukaa buʼu.

“Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana keessaa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: ‘Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; innis isaanii wajjin jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofii isaa isaanii wajjin ni taʼa.’”—Mulʼata 21:3