Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 27

Yihowaa Irratti Mormii Kaasan

Yihowaa Irratti Mormii Kaasan

Yeroo muraasa booda, utuma Israaʼeloonni lafa onaa keessa jiranii Qoraahi, Daataan, Abiiramii fi namoonni kan biraan 250 Musee irratti mormii kaasan. Akkana isaan jedhan: ‘Nuti isin hin barbaannu! Ati geggeessaa keenya, Aaron immoo luba ol aanaa keenya kan taatan maaliifi? Yihowaan sii fi Aaronii wajjin qofa utuu hin taʼin hunda keenyaa wajjin jira.’ Yihowaan garuu kanatti hin gammanne. Akkuma isa irratti mormii kaasanitti ilaale!

Museen Qoraahii fi deggertoota isaatiin akkana jedhe: ‘Bor qodaa itti ixaana aarsitanitti ixaana naqadhaatii gara godoo qulqullaaʼaa kottaa. Yihowaanis eenyuun akka filate nutti argisiisa.’

Guyyaa itti aanu, Qoraahii fi namoonni 250 Musee wajjin wal arguuf gara godoo qulqullaaʼaa dhaqan. Achittis isaan akkuma waan luboota taʼanitti ixaana aarsan. Yihowaan Musee fi Aaroniin, ‘Qoraahii fi namoota isaa wajjin jiran irraa fagaadhaa’ jedhe.

Qoraahi gara godoo qulqullaaʼaa bakka Museen jiru dhaqe; Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii garuu dhaquu didan. Yihowaan Israaʼeloonni dunkaana Qoraahi, Daataanii fi Abiiram irraa akka fagaatan isaan ajaje. Israaʼeloonnis yeruma sana isaan irraa fagaatan. Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii balbala dunkaana isaanii bira dhaabatan. Akkuma tasaa lafti afaan banee isaan liqimse! Godoo qulqullaaʼaa biratti immoo ibiddi samii irraa buʼee Qoraahii fi namoota 250n fixe.

Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Geggeessitoota gosa Israaʼel hunda harkaa ulee isaanii fuudhiitii maqaa isaanii irratti barreessi. Ulee gosa Lewwii irratti garuu maqaa Aaron barreessi. Achiis godoo qulqullaaʼaa keessa kaaʼi; uleen nama ani filadhus ni lata.’

Guyyaa itti aanutti, Museen ulee hunda gadi baasee geggeessitoota sanatti argisiise. Uleen Aaron daraaraa baasee firii lawuzii bilchaate godhatee ture. Akkasitti Yihowaan luba ol aanaa akka taʼuuf Aaroniin filachuu isaa argisiise.

“Warra gidduu keessanitti geggeessitoota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa.”—Ibroota 13:17