Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 28

Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Israaʼeloonni lafa onaa keessa gara waggaa 40 turaniiru. Magaalaawwan jajjaboo hedduu injifataniiru. Amma baha Laga Yordaanos dachaa Moʼaab keessa buufatanii kan jiran siʼa taʼu, Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhu. Baalaaq mootiin Moʼaab biyya koo ana irraa fudhatu jedhee sodaate. Kanaaf, namni Balaʼaam jedhamu dhufee Israaʼeloota akka isaaf abaaru gaafate.

Yihowaan garuu Balaʼaamin, ‘Israaʼeloota abaaruu hin qabdu’ jedhe. Kanaaf, Balaʼaam gara Moʼaab deemuu dide. Baalaaq Mootichi yeroo lammaffaadhaaf akka isa bira dhaqu Balaʼaamin gaafate; wanta inni barbaadu akka isaaf kennus waadaa gale. Balaʼaam ammas ni dide. Achiis Waaqayyo Balaʼaamin, ‘Dhaquu ni dandeessa; taʼus wanta ani sitti himu qofa dubbatta’ jedhe.

Balaʼaam harree isaa irra taaʼee kallattii kibbaatiin gara Mooʼaab deemuu jalqabe. Yihowaan Israaʼeloota akka hin abaarre kan isatti hime taʼus, inni garuu isaan abaaruuf yaade. Maleekaan Yihowaa karaa irratti siʼa sadii mulʼate. Balaʼaam maleekicha hin argine; harreen isaa garuu argitee turte. Jalqaba irratti harrittiin karaa irraa gara maasiitti gorte. Lammaffaa irrattis harrittiin gara dallaa dhagaatti siqxee miilla Balaʼaam dallichatti maxxansite. Dhuma irrattis karaa walakkaa ciiste. Balaʼaam siʼa sadanuu uleedhaan harrittii rukute.

Siʼa sadaffaadhaaf yommuu ishii rukutu, Yihowaan harrittiin akka dubbattu taasise. Harriittiin Balaʼaamin, ‘Maaliif irra deddeebitee na rukutta?’ jette. Balaʼaamis, ‘Ati gowwaa na goote. Utuun goraadee qabaadhee silaa sin ajjeesan ture’ jedhe. Harrittiinis, ‘Ani harree ati waggoota hedduudhaaf na irra teessee deemaa turte dha. Kanaan dura akkas si godhee beekaa?’ jette.

Achiis Yihowaan Balaʼaam maleekicha akka argu taasise. Maleekichis, ‘Yihowaan Israaʼeliin akka hin abaarre sitti himee hin turree?’ jedhe. Balaʼaamis, ‘Ani dogoggoreera. Amma mana koottan deebiʼa’ jedhe. Maleekichi garuu, ‘Gara Moʼaab dhaquu ni dandeessa; taʼus wanta Yihowaan sitti himu qofa dubbatta’ isaan jedhe.

Balaʼaam kana irraa barumsa argateeraa? Lakki. Sana booda Balaʼaam siʼa sadii Israaʼeloota abaaruuf yaalus, Yihowaan garuu abaaruu mannaa akka isaan eebbisu taasise. Dhuma irratti Israaʼeloonni Moʼaabiin kan lolan siʼa taʼu, Balaʼaam ni ajjeefame. Balaʼaam utuu Yihowaadhaaf ajajameera taʼee gaarii isaaf hin taʼu turee?

“Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef sassata hundumaa irraa of eegaa.”—Luqaas 12:15