Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 29

Yihowaan Iyaasuu Filate

Yihowaan Iyaasuu Filate

Museen waggoota hedduudhaaf Israaʼeloota geggeessaa erga turee booda, duʼa jala gaʼee ture. Kanaaf, Yihowaan akkana isaan jedhe: ‘Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti kan galchu si miti. Taʼus, biyyattii akka ilaaltu nan godha.’ Achiis Museen, geggeessaa haaraa sabicha kunuunsu akka filatu Yihowaa gaafate. Yihowaanis Museedhaan, ‘Iyaasuu bira dhaqiitii akka ani isa filadhe isatti himi’ jedhe.

Museenis inni dhiheenyatti akka duʼuu fi Yihowaan Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchuuf Iyaasuu filachuu isaa sabichatti hime. Museenis Iyaasuudhaan, ‘Yihowaan si gargaara, hin sodaatin’ jedhe. Utuu baayʼee hin turinis Museen fiixee Tulluu Nebootti ol baʼe. Achi irraas Yihowaan biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif akka kennu abdachiisee ture isatti argisiise. Museen yeroo duʼe umuriin isaa waggaa 120 ture.

Yihowaan Iyaasuudhaan akkana jedhe: ‘Laga Yordaanos ceʼiitii gara Kanaʼaan dhaqi. Akkuman Musee gargaare ture siinis nan gargaara. Seera koo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu kee hin dagatin. Hin sodaatin. Ija jabeessa taʼi. Dhaqii wantan si ajaje raawwadhu.’

Iyaasuun basaastota lama gara magaalaa Yerikootti erge. Boqonnaa itti aanu irratti, achitti maaltu akka raawwatame ni ilaalla. Namoonni sun achii yeroo deebiʼan, yeroon sun Kanaʼaan deemuuf mijataa akka taʼe isatti himan. Guyyaa itti aanutti, Iyaasuun sabichi deemsaaf akka qophaaʼu isaanitti hime. Achiis luboonni saanduqa kakuu baatan sabicha dura buʼanii gara Laga Yordaanos akka deeman ajaje. Lagichi garuu guutee ture. Haa taʼu malee, miilli luboota sanaa bishaanicha keessa akkuma ejjeteen bishaanichi yaaʼuu dhiise! Luboonni sunis hamma guutummaan saba Israaʼel ceʼutti walakkaa lagichaa lafa gogaa irra dhaabatan. Dinqiin kun wanta Yihowaan Galaana Diimaa irratti raawwatee ture waan isaan yaadachiisu sitti hin fakkaatuu?

Dhuma irrattis, waggoota hedduu sana booda Israaʼeloonni Biyyatti Abdachiifamteetti galan. Achitti manaa fi magaalaa ofii isanii ijaarrachuu dandaʼu. Midhaan facaafachuu, akkasumas waynii fi biqiltuu garaa garaa dhaabbachuu ni dandaʼu. Kanaʼaan biyya aannanii fi damma baastu turte.

“Ani Waaqayyo yeroo hundaa isin nan geggeessa, lafa gogaa keessatti iyyuu isin nan quufsa.”—Isaayaas 58:11