Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 30

Rahaab Basaastota Dhoksite

Rahaab Basaastota Dhoksite

Basaastonni Israaʼel lamaan magaalaa Yerikoo basaasuuf yeroo deemanitti mana dubartii Rahaab jedhamtu tokkoo buufatan. Mootiin Yerikoo dhimma kana yeroo dhagaʼu, loltoota isaa mana Rahaabitti erge. Ishiinis basaastota lamaan bantii manaa irra dhoksitee loltoota sana karaa gara biraa irra ergite. Basaastota sanaanis akkana jette: ‘Yihowaan akka isinii wajjin jiruu fi biyya kana akka mootan waanan beekuuf isin nan gargaara. Isin immoo maatii koo akka naaf oolchitan maaloo waadaa naaf galaa.’

Basaastonni sunis Rahaabiin akkana jedhan: ‘Nama mana kee keessa jiru tokko irra illee miidhaan akka hin geenye waadaa siif galla. Foddaa kee irratti funyoo diimaa rarraasi; akkas yoo goote maatiin kee ni oola.’

Rahaab basaastonni sun karaa foddaa ishii funyoodhaan akka gadi buʼan goote. Deebiʼanii gara Iyaasuu dhaquu isaanii duras, gara tulluu tokkoo dhaqanii guyyaa sadiif achi dhokatan. Sana booda Israaʼeloonni Laga Yordaanos ceʼanii biyyatti qabachuuf qophaaʼan. Yerikoon magaalaa isaan jalqaba irratti moʼan turte. Yihowaan guyyaa jaʼaaf guyyaatti siʼa tokko magaalattiitti akka naannaʼan isaan ajaje. Guyyaa torbaffaatti garuu, magaalattiitti siʼa torba naannaʼan. Achiis luboonni fiinoo isaanii afuufan; loltoonni immoo hamma dandaʼan sagalee isaanii guddisanii iyyan. Dallaan magaalattiis ni jijjige! Manni Rahaab inni dallichatti maxxanee ijaarame garuu homaa hin taane. Rahaab Yihowaatti waan amanamteef ishii fi maatiin ishii duʼa irraa oolaniiru.

“Haaluma wal fakkaatuun, Rahaab . . . warra ergaman sana keessummummaa simattee karaa gara biraa erga isaan ergitee booda qajeeltuu jedhamtee kan waamamte hojiidhaan hin turree?”—Yaaqoob 2:25