Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 31

Iyaasuu fi Giibeʼonota

Iyaasuu fi Giibeʼonota

Oduun Yerikoo ilaalchisee odeeffamu saboota Kanaʼaan keessa jiran kaan bira gaʼe. Mootonni isaaniis tokkummaa uumanii Israaʼeloota loluuf murteessan. Giibeʼononni garuu karoora addaa baafatan. Uffata moofaa uffatanii gara Iyaasuu dhaquudhaan akkana jedhan: ‘Biyya fagoodhaa dhufne. Waaʼee Yihowaa fi tarkaanfii inni isiniif jedhee, Gibxii fi Moʼaab irratti fudhate dhageenyeerra. Akka nu hin balleessine kakuu nuuf galaa; nutis garboota keessan ni taanaa.’

Iyaasuunis waan isaan amaneef akka isaan hin balleessine waadaa isaaniif gale. Guyyaa sadii booda, biyya dhihoodhaa akka dhufan beeke. Isaan biyya Kanaʼaanii dhufan. Iyaasuun Giibeʼonota, ‘Maaliif nu sobdan?’ jedhee gaafate. Isaanis, ‘Isin sodaanne! Waaqni keessan Yihowaan akka isiniif lolu beekna. Maaloo nu hin ajjeesinaa’ jedhan. Iyaasuunis waadaa isaa kan eege siʼa taʼu, isaan hin ajjeesne.

Utuma baayʼee hin turinis, mootonni Kanaʼaanotaa shanii fi loltoonni isaanii Giibeʼonota irratti waraana banan. Iyaasuu fi loltoonni isaas isaan oolchuudhaaf halkan guutuu deemaa bulan. Guyyaa itti aanu ganamas lolli ni jalqabe. Kanaʼaanonni kallattii hundaan baqachuu jalqaban. Bakka baqatan hundatti Yihowaan cabbii guguddaa isaan irratti roobse. Achiis Iyaasuun aduun bakkuma jirtu akka dhaabattu Yihowaa gaafate. Aduun kanaan dura matumaa dhaabattee kan hin beekne taatus, Iyaasuun Yihowaan akkas akka godhu kan gaafate maaliifi? Iyaasuun Yihowaatti waan amanameef ture. Israaʼeloonni mootota Kanaʼaanotaa fi loltoota isaanii hamma moʼanitti aduun guyyaa guutuu iddoo ishiitii hin sochoone.

“Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee haa taʼu, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.”—Maatewos 5:37