Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 33

Ruutii fi Naaʼomii

Ruutii fi Naaʼomii

Yeroo Israaʼel keessatti beelli buʼee turetti, dubartiin Israaʼel Naaʼomii jedhamtu tokko abbaa manaa ishii fi ilmaan ishii lamaanii wajjin biyya Moʼaab dhaqxe. Yeroo booda abbaan manaa Naaʼomii ni duʼe. Ilmaan ishii, dubartoota Moʼaab Ruutii fi Orphaa jedhaman fuudhan. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo booda ilmaan Naaʼomiis ni duʼan.

Naaʼomiin, beelli Israaʼel keessa ture akka darbe yommuu dhageessu biyyaa ishiitti deebiʼuuf murteessite. Ruutii fi Orphaanis ishii wajjin deemuuf kaʼan, Naaʼomiin garuu akkana isaaniin jette: ‘Isin ilmaan kootiif haadha manaa gaarii turtan, anaafis gaarii turtan. Ani lamaan keessan iyyuu deebitanii akka heerumtan nan barbaada. Kanaaf gara mana keessan, gara Moʼaabitti deebiʼaa’ isaaniin jette. Isaan garuu, ‘Nuti si jaallanna! Si biraa hafuu hin barbaannu’ ishiidhaan jedhan. Naaʼomiinis akka deebiʼan isaan kadhachuu ishii itti fufte. Dhuma irrattis Orphaan ni deebite, Ruut garuu ishii biratti hafte. Yeroo kanatti Naaʼomiin, ‘Orphaan gara saba ishii fi gara waaqolii ishiitti deebiteetti. Atis ishii wajjin deemi, gara mana haadha keettis deebi’i’ ishiidhaan jette. Ruut garuu, ‘Ani si biraa hin hafu. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo anaaf in taʼa’ ishiidhaan jette. Ruut yommuu akkana jettu Naaʼomitti maaltu dhagaʼame jettee yaadda?

Ruutii fi Naaʼomiin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti biyya Israaʼel gaʼan. Gaaf tokko, Ruut qarmii funaannachuuf gara maasii Bo’az isa ilma Rahaab taʼee dhaqxe. Inni, Ruut dubartii Moʼaab akka taatee fi amanamummaadhaan Naaʼomii wajjin akka turte dhagaʼe. Bo’az, Ruut qarmii akka funaannattuuf mataa midhaanii muraasa akka ishiidhaaf dhiisan hojjettoota isaatti hime.

Galgala sana Naaʼomiin, ‘Harʼa maasii eenyuu keessaa funaannachaa oolte?’ jettee ishii gaafatte. Ruutis, ‘Maasii namicha Bo’az jedhamu keessaa ti’ jettee deebisteef. Naaʼomiin immoo akkana ishiidhaan jette: ‘Bo’az firoottan abbaa manaa koo keessaa tokko dha. Kanaaf, dubartoota maasii isaa keessaa hojjetan biraa hin hafin. Achitti miidhaan si irra hin gaʼu.’

Ruut hanga haamaan xumuramutti maasii Bo’az keessa hojjechuu ishii itti fufte. Bo’az, Ruut jabaatte kan hojjettuu fi dubartii gaarii taʼuu ishii hubatee ture. Bara sanatti namni tokko utuu ilmaan hin godhatin yoo duʼe, firri isaa tokko haadha manaa isaa sana ni fuudha ture. Kanaaf, Bo’az Ruutiin fuudhe. Isaan ilma Yoobeed jedhamuu fi yeroo booda akaakayyuu Daawit Mootichaa taʼe godhatan. Michoonni Naaʼomiis baayʼee gammadan. Isaan akkana ishiidhaan jedhan: ‘Jalqaba, Yihowaan Ruut ishii baayʼee gaarii taate siif kenne, amma immoo kunoo akkoo taate. Yihowaan haa jajamu.’

‘Michuun obboleessa caalaa namatti aanu jira.’—Fakkeenya 18:24, NW