Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 35

Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte

Elqaanaan inni nama Israaʼel taʼe, haadhotii manaa Haannaa fi Phiniinaa jedhaman qaba ture; taʼus, Elqaanaan caalaatti Haannaa jaallata ture. Phiniinaan ijoollee hedduu kan qabdu siʼa taʼu, Haannaan garuu ijoollee waan hin qabneef, yeroo hunda ishiitti gaʼisti turte. Elqaanaan godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti waaqeffachuuf waggaa waggaadhaan maatii isaa fudhatee dhaqa ture. Yeroo tokko utuu achi jiranii, haati manaa isaa Haannaan ishiin inni jaallatu baayʼee akka gaddite hubate. Kanaaf, ‘Haannaa, maaloo hin booʼin. Ani siif jira. Sin jaalladhas’ ishiidhaan jedhe.

Boodas, Haannaan kadhannaa dhiheessuuf kophaa ishii baatee deemte. Imimmaan ishii dhangalaasaa Yihowaan akka ishii gargaaru kadhatte. Akkasumas, ‘Yaa Yihowaa, ati yoo ilma naaf kennite, ani isa siif nan kenna, innis jireenya isaa guutuu si tajaajila’ jettee waadaa galte.

Elii inni Luba Ol Aanaa taʼe yommuu ishiin hirqinfattee boossu argee, ni machoofte jedhee yaade. Yeroo kanatti Haannaan, ‘Lakki, yaa gooftaa ko, ani hin machoofne. Ani rakkina cimaan qaba, waaʼee rakkina koo Yihowaatti himachaan jira’ jette. Eliiniis akka dogoggore waan hubateef, ‘Waaqayyo wanta ati barbaaddu siif haa kennu’ ishiidhaan jedhe. Haannaanis jajjabaattee karaa ishii irra buutee deemte. Achiis waggaa tokko utuu hin guutin, ilma godhattee maqaa isaa Saamuʼel jettee moggaaste. Yeroo kanatti, Haannaan hammam gammaddee akka turte tilmaamuu dandeessaa?

Haannaan waadaa Yihowaadhaaf galtee turte hin irraanfanne. Akkuma Saamuʼeliin harma guusteen godoo qulqullaaʼaa keessa akka tajaajiluuf isa fidde. Achiis Eliidhaan, ‘Kun ilma isa ani argachuuf kadhadhee ture dha. Umurii isaa guutuu ani Yihowaadhaaf isa kenneera’ jette. Elqaanaa fi Haannaan waggaa waggaadhaan Saamuʼeliin ni gaafatu, akkasumas uffata haaraa irra keessatti uffatamu isaaf fidu turan. Yihowaan, Haannaadhaaf dabalataan ijoollee dhiiraa sadii fi durba lama ishiidhaaf kenne.

“Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu.”—Maatewos 7:7