Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 36

Waadaa Yiftaan Gale

Waadaa Yiftaan Gale

Israaʼeloonni ammas Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Haa taʼu malee, Amoononni Israaʼeloota irratti yommuu waraana banan, waaqoliin sobaa sun gargaarsa tokko illee isaaniif hin goone. Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni waggoota hedduudhaaf ni dhiphatan. Dhuma irrattis Yihowaadhaan, ‘Nuti cubbuu hojjenneerra. Maaloo diinota keenya jalaa nu oolchi’ jedhan. Israaʼeloonni waaqolii tolfamoo isaanii balleessanii, deebiʼanii Yihowaa waaqeffachuu jalqaban. Kanaaf, Yihowaan dhiphachuu isaanii akka itti fufan arguu hin barbaanne.

Yeroo kanatti, waraana sabichi Amoonota irratti godhu akka geggeessuuf loltuu jabaan Yiftaa jedhamu tokko ni filatame. Innis Yihowaadhaan, ‘Ati waraana kana irratti akka moonu yoo nu gargaarte, ani yommuun gara manaatti deebiʼu nama na simachuuf jalqaba mana koo keessaa baʼu akkan siif kennu waadaa nan gala’ jedhe. Yihowaan kadhannaa Yiftaa dhagaʼee waraanicha akka injifatu isa gargaare.

Yiftaan yommuu gara manaatti deebiʼu namni jalqaba isa simachuuf gad baʼe intala tokkittii inni qabu turte. Ishiinis shubbisaa fi dibbee rukkuchaa turte. Yeroo kanatti Yiftaan maal godhe? Waadaa gale sana yaadachuudhaan akkana jedhe: ‘Wayyoo yaa intala koo! Baayʼee na gaddisiiste. Ani Yihowaadhaaf waadaa galeera. Waadaa koo raawwachuuf immoo, godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jiru keessatti akka tajaajiltuuf si erguun qaba.’ Intalli isaa garuu akkana jette: ‘Yaa abbaa ko, Yihowaadhaaf waadaa galteetta taanaan raawwachuu qabda. Hiriyoota koo warra durbaa wajjin gaarota irra jiʼa lamaaf akka ani turu qofan si gaafadha. Achiis nan deema.’ Intalli Yiftaa umurii ishii hafe hunda godoo qulqullaaʼaa keessatti amanamummaadhaan tajaajilteetti. Hiriyoonni ishiis waggaa waggaadhaan ishii gaafachuuf Shiiloo dhaqu turan.

“Namni ana caalaa ilma yookiin intala isaa jaallatu . . . anaaf hin malu.”—Maatewos 10:37