Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 38

Yihowaan Siimsoniif Humna Guddaa Kenne

Yihowaan Siimsoniif Humna Guddaa Kenne

Israaʼeloonni hedduun ammas deebiʼanii waaqolii tolfamoo waaqeffachuu waan jalqabaniif, Yihowaan Filisxeemonni biyya Israaʼelootaa akka toʼatan heyyame. Israaʼeloonni Yihowaa waaqeffatan muraasni garuu jiru turan. Namoota akkasii keessaa tokko Maanoʼaa ture. Innii fi haati manaa isaa ijoollee hin qaban turan. Gaaf tokko Yihowaan maleekaa tokko gara haadha manaa Maanoʼaatti erge. Maleekaan sunis akkana ishiidhaan jedhe: ‘Ati ilma ni deessa. Innis Israaʼeloota Filisxeemota jalaa ni oolcha. Akkasumas Naaziricha taʼa.’ Namoonni Naaziroota taʼan namoota akkamii akka turan beektaa? Isaan namoota tajaajila Yihowaatiif addaan baafamani dha. Namoonni kun rifeensa mataa isaanii murachuun isaaniif hin heyyamamu ture.

Yeroo booda, Maanoʼaan ilma kan godhate siʼa taʼu, maqaa isaas Siimson jedhee moggaase. Siimson yommuu guddatu, Yihowaan humna guddaa isaaf kenne. Inni harka isaa duwwaa leenca ajjeesuu dandaʼeera. Yeroo tokko immoo, Siimson kophaa isaa Filisxeemota 30 ajjeeseera. Filisxeemonni waan isa jibbaniif, karaa itti isa ajjeesan barbaadu turan. Gaaf tokko halkan Siimson Gaazaa keessa utuu rafaa jiruu, yommuu lafti bariʼu isa ajjeesuu akka dandaʼaniif, gara karra magaalattii dhaqanii achitti isa eeggachuu jalqaban. Haa taʼu malee, Siimson halkan walakkaa kaʼee gara karra magaalattii dhaqee, karra dallichaa buqqise. Achiis karricha gatiittii isaatti baatee fiixee gaara Kebroonitti dhihoo jirutti ol baase!

Boodas, Filisxeemonni gara jaalallee Siimson Deliilaa jedhamtu bira dhaqanii akkana ishiidhaan jedhan: ‘Siimson humna guddaa akkasii akka qabaatu kan taasise maal akka taʼe yoo beekte, qarshii kuma hedduu siif kennina. Nutis isa qabnee mana hidhaatti isa galchuu barbaanna.’ Deliilaanis qarshicha argachuu waan barbaaddeef wanta isaan jedhan irratti walii galte. Jalqaba irratti, Siimson humna guddaa akkasii akkamitti akka argate ishiitti himuu dide. Ishiin garuu hamma inni iccitii isaa itti himutti gar malee isa dhiphiste. Innis akkana ishiidhaan jedhe: ‘Ani Naaziricha waanan taʼeef, matumaa rifeensi mataa koo muramee hin beeku. Rifeensi koo yoo murame, humnan qabu nan dhaba.’ Siimson wanta dubbachuu hin qabne kana ishiitti himuun isaa dogoggora guddaa sitti hin fakkaatuu?

Deliilaan yeruma sana, ‘Ani iccitii isaa bareera!’ jettee Filisxeemotatti himte. Achiis Siimsoniin gudeeda ishii irra raffistee rifeensa isaa irraa mursiiste. Sana booda Deliilaan, ‘Siimson, Filisxeemonni sitti dhufan’ jettee iyyite. Siimson yommuu dammaqu humna isaa dhabee ture. Filisxeemonnis isa qabanii erga ija isaa jaamsanii booda, mana hidhaatti isa galchan.

Gaaf tokko Filisxeemonni kumaan lakkaaʼaman galma Daagon waaqa isaanii keessatti walitti qabamanii akkana jedhanii iyyu turan: ‘Waaqni keenya Siimsoniin dabarsee nutti kenneera! Siimsoniin as fidaa! Mee nu haa taphachiisu.’ Achiis utuboota lama gidduu isa dhaabachiisanii isatti gaʼisuu jalqaban. Siimsonis, ‘Yaa Yihowaa, maaloo aluma tokkicha humna naaf kenni’ jedhee iyye. Yeroo kanatti, rifeensi Siimson deebiʼee guddatee ture. Siimson utuboota galma sanaa lamaan humna isaa guutuudhaan ni dhiibe. Achiis guutummaan galma sanaa waan jigeef, namoonni achi keessa turan hundi ni duʼan, Siimsonis ni duʼe.

“Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—Filiphisiyus 4:13