Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 40

Daawitii fi Goliyaad

Daawitii fi Goliyaad

Yihowaan Saamuʼeliin akkana jedhe: ‘Gara mana Isey dhaqi. Ilmaan isaa keessaa tokko mootii Israaʼel isa itti aanu taʼa.’ Kanaaf, Saamuʼel gara mana Isey dhaqe. Ilma Isey isa angafa yommuu argus, ‘Dargaggeessi kun isa filatame sana taʼuu qaba’ jedhee yaade. Yihowaan garuu ‘Isa kana miti’ jedhee Saamuʼelitti hime. Yihowaan, ‘Ani wanta bakkeedhaan mulʼatu utuu hin taʼiin, wanta garaa namaa keessa jirun ilaala’ jedhe.

Isey dabalataan ilmaan isaa jaʼan gara Saamuʼelitti fide. Saamuʼel garuu, ‘Yihowaan isaan kana keessaa tokko iyyuu hin filanne. Ilmaan kan biraa hin qabduu?’ jedhe. Iseyis, ‘Ilma kan biraa tokko qaba; inni Daawit ilma koo isa quxisuu hundaa ti; hoolota tiksaa jira’ jedhe. Yommuu Daawit dhufee ol seenu, Yihowaan ‘Inni filatame isa kana!’ jedhee Saamuʼelitti hime. Saamuʼelis, Daawit mootii Israaʼel isa gara fuulduraa akka taʼuuf mataa isaa irratti zayitii dhangalaasee isa dibe.

Yeroo muraasa booda, Israaʼeloonni Filisxeemota goota guddaa Goliyaad jedhamu qabanii wajjin wal waraanaa turan. Goliyaad guyyuma guyyaadhaan Israaʼelootatti gaʼisaa ture. Akkana jedhee iyya ture: ‘Nama anaa wajjin wal lolu tokko natti ergaa. Inni yoo moʼe, nuti garboota keessan taana. Ani yoon moʼe immoo, isin garboota keenya taatu.’

Yeroo kanatti Daawit, obboloota isaa warra loltoota taʼaniif nyaata fidee gara buufata waraanaa Israaʼelootaa dhufe. Wanta Goliyaad jedhu yommuu dhagaʼus, ‘Ani isa loluu nan dandaʼa!’ jedhe. Saaʼol Mootichi garuu, ‘Ati mucaa xinnoo dha’ isaan jedhe. Daawit immoo deebisee, ‘Yihowaan na gargaara’ jedhe.

Saaʼol, Daawitiif miʼa lolaa isaa isaaf kennuu kan barbaade taʼus, Daawit garuu, ‘Ani miʼa lolaa kana hidhadhee loluu hin dandaʼu’ jedhe. Kanaaf, Daawit furrisa isaa fudhatee gara lagaa dhaqe. Achiis dhagaa shan funaannatee korojoo isaa keessa naqatee gara Goliyaaditti fiige. Namichi guddaan sunis, ‘Mucaa xinnoo nana, as kottu. Allaattiiwwan samii fi bineensotaaf nyaata akka taatun sin godha’ isaan jedhe. Taʼus, Daawit hin sodaanne. Daawit immoo deebisee akkana jedhe: ‘Ati goraadee fi eeboodhaan natti dhufte, ani garuu maqaa Yihowaatiinan sitti dhufa. Ati Waaqayyoon malee nuun lolaa jirta miti. Namoonni as jiran hundi, Yihowaan goraadee fi eeboo caalaa humna guddaa akka qabu ni hubatu. Inni hunda keessan harka keenyatti dabarsee kenna.’

Achiis Daawit dhagaa tokko furrisa isaa keessa kaaʼee humna isaa hundaan of irra naanneesse. Dhagichi gargaarsa Yihowaatiin darbatamee adda Goliyaad keessa gadi bade. Namichi guddaan sunis lafa dhaʼee duʼe. Achiis Filisxeemonni lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan. Ati hoo akkuma Daawit Yihowaatti ni amanamtaa?

“Kun namaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu akkana miti; Waaqayyoof wanti hundi ni dandaʼama.”—Maarqos 10:27