Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 42

Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa

Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa

Yonaataan ilmi Saaʼol Mootichaa inni angafti loltuu ija jabeessa ture. Daawit, Yonaataan joobira caalaa kan saffisu fi leenca caalaa kan jabaatu akka taʼe dubbateera. Gaaf tokko Yonaataan loltoota Filisxeem 20 tabba tokko irratti arge. Achiis nama miʼa lolaa isaaf baatuun, ‘Yihowaan yoo mallattoo nuu kenne isaan rukunna. Filisxeemonni gara keenyatti ol kottaa yoo nuun jedhan, akka isaan injifannu kanaan ni beekna’ jedhe. Filisxeemonnis, ‘Gara keenyatti ol baʼaatii nuu wajjin wal waraanaa!’ jedhanii iyyan. Kanaaf, namoonni lamaan sun gaaricha irra ol baʼanii loltoota sana injifatan.

Yonaataan ilma Saaʼol isa angafaa waan taʼeef, abbaa isaatti aansee mootii kan taʼu isa ture. Yonaataan garuu, Yihowaan abbaa isaatti aansee mootii Israaʼel akka taʼuuf Daawitiin akka filate beeka ture; taʼus isatti hin hinaafne. Yonaataanii fi Daawit michoota walitti dhihaatan taʼan. Wal irra goruu fi walii falmuuf waadaa walii galanii turan. Yonaataan jaalala isaaf qabu argisiisuuf jecha Daawitiif, uffata isaa, goraadee isaa, iddaa isaa fi qabattoo isaa isaaf kenne.

Daawit yommuu Saaʼol jalaa baqate, Yonaataan gara isaa dhaqee, ‘Jabaadhu, ija jabeessa taʼi. Yihowaan mootii akka taatuuf si filateera. Abbaan koo iyyuu kana ni beeka’ isaan jedhe. Ati hoo michuu gaarii akka Yonaataan argachuu hin barbaadduu?

Yonaataan michuu isaa kana balaa irraa oolchuuf jecha, siʼa tokkoo ol lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Yonaataan, Saaʼol Mootichi Daawitiin ajjeesuu akka barbaadu beeka ture; kanaaf abbaa isaatiin, ‘Daawitiin ajjeesuun kee cubbuu sitti taʼa; inni yakka tokko illee hin raawwanne’ jedhe. Saaʼolis Yonaataanitti baayʼee aare. Waggoota muraasa booda, Saaʼolii fi Yonaataan waraana irratti ajjeefaman.

Yonaataan erga duʼee booda, Daawit Mefii-Bosheet ilma Yonaataaniin argachuuf yaalii godhe. Daawit yommuu isa argatus akkana isaan jedhe: ‘Abbaan kee anaaf michuu gaarii waan tureef, ani jireenya kee guutuu sin kunuunsa. Ati mana mootummaa koo keessaa ni jiraatta, maaddii koo irraas ni nyaatta.’ Daawit, michuu isaa Yonaataaniin matumaa hin irraanfanne.

“Akkuma ani isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa. Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu illee jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 15:12, 13