Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 43

Cubbuu Daawit Mootichaa

Cubbuu Daawit Mootichaa

Saaʼol yommuu duʼu, Daawit mootii taʼe. Yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 30 ture. Waggoota muraasaaf mootii taʼee erga turee booda, gaaf tokko galgala bantii mana mootummaa isaa irra utuu jiruu dubartii bareedduu tokko arge. Daawit dubartiin kun maqaan ishii Baat-Sheebaa akka taʼee fi haadha manaa loltuu Uriiyaa jedhamu tokkoo akka taate hubate. Sana booda Baat-Sheebaa gara mana mootummaa isaatti akka ishii fidan ajaje. Achiis saalqunnamtii kan raawwatan siʼa taʼu, ishiinis ni ulfoofte. Daawit wanta raawwate kana dhoksuuf yaalee ture. Uriiyaa tarree lolaa isa fuulduraa irra akka dhaabanii fi achiis isa dhiisanii akka baqatan ajajaa loltootaa isaatti hime. Uriiyaan waraana irratti erga duʼee booda, Daawit Baat-Sheebaa fuudhe.

Yihowaan garuu wanta hamaa raawwatame hunda argeera. Maal godha laata? Naataan raajicha gara Daawititti erge. Naataanis akkana isaan jedhe: ‘Namichi sooressi hoolota hedduu qabu tokko jira ture; namichi hiyyeessi tokko immoo hoolaa xinnoo baayʼee jaallatu tokkittii qaba ture. Namichi sooressi sunis hoolaa tokkittii hiyyeessa sanaa jalaa fudhate.’ Yeroo kanatti Daawit baayʼee aaree, ‘Namichi sooressi sun duʼuu qaba!’ jedhe. Naataanis deebisee, ‘Namichi sooressi sun si dha!’ isaan jedhe. Daawitis baayʼee gaddee, ‘Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera’ jedhee dhugaa isaa Naataanitti hime. Cubbuun Daawit raawwate kun, isaa fi maatii isaa irratti rakkina hedduu geessiseera. Yihowaan Daawitiin kan adabe taʼus, Daawit amanamaa fi kan gad of qabu waan tureef duʼa isatti hin murteessine.

Daawit Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruu barbaadee kan ture taʼus, Yihowaan ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa akka isaaf ijaaruuf filate. Daawitis Solomooniif wanta barbaachisu qopheessuu jalqabe; akkasumas akkana isaan jedhe: ‘Manni qulqullummaa Yihowaa baayʼee dinqisiisaa taʼuu qaba. Solomoon ijoollee waan taʼeef wanta barbaachisu qopheessuudhaan isa nan gargaara.’ Daawit hojii ijaarsa kanaatiif qabeenya isaa keessaa qarshii hedduu kenneera. Hojjettoota ogummaa qabanis qopheesseera. Warqee fi meetii walitti qabeera; akkasumas Xiirosii fi Sidoonaadhaa muka gaattiraa akka fidan godheera. Yommuu duʼuu jala gaʼu, pilaanii mana qulqullummaa hojjetamu sanaa Solomoonitti kenne. Achiis akkana isaan jedhe: ‘Yihowaan wantoota kana akkan siif barreessu natti himeera. Yihowaan si gargaara. Kanaaf hin sodaatin. Jabaadhuu hojicha jalqabi.’

“Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.”—Fakkeenya 28:13