Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 45

Mootummaan Tokko ni Qoodame

Mootummaan Tokko ni Qoodame

Solomoon hamma Yihowaa waaqeffachaa turetti, Israaʼel keessa nagaan jira ture. Haa taʼu malee, Solomoon dubartoota biyyoota gara biraa hedduu kan fuudhe siʼa taʼu, isaan immoo waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Solomoon suutuma suuta jijjiiramee, yeroo booda waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqabe. Yihowaanis kanatti ni dheekkame. Kanaaf, Solomooniin akkana jedhe: ‘Mootummaan Israaʼel si harkaa fuudhamee bakka lamatti hirama. Gara caalu hojjetaa keetiif nan kenna, maatiin kee immoo isa xinnoo irratti moʼa.’

Yihowaan murtoo isaa kana karaa biraatiinis ifa taasiseera. Tajaajiltoota Solomoon keessaa tokko kan taʼe Yerobiʼaam utuu karaa irra adeemaa jiruu Ahiiyaa raajichaa wajjin wal arge. Ahiiyaan uffata isaa bakka 12⁠tti tatarsaasee Yerobiʼaamiin akkana jedhe: ‘Yihowaan mootummaa Israaʼel maatii Solomoon harkaa fuudhee bakka lamatti qooda. Ati gosa kudhan irratti mootii waan taatuuf, erbee kana kurnan fudhadhu.’ Solomoon Mootichi kana yommuu dhagaʼu Yerobiʼaamiin ajjeesuu barbaade! Kanaaf, Yerobiʼaam gara Gibxiitti baqate. Yeroo booda Solomoon ni duʼe; ilmi isaa Rehobiyaam immoo mootii taʼe. Achiis, Yerobiʼaam kana booda rakkinni akka isa irra hin geenye waan yaadeef gara Israaʼelitti deebiʼe.

Jaarsoliin Israaʼel Rehobiyaamiin akkana jedhan: ‘Ati saba kana akka gaariitti yoo bulchite isaan amanamoo siif taʼu.’ Dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan garuu Rehobiyaamiin akkana jedhan: ‘Sabichatti hammachuu qabda! Isa kanaan dura hojjetan caalaa akka hojjetan isaan dirqisiisi!’ Rehobiyaam gorsa dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan isaaf kennan hordofe. Inni garaa isaanitti jabaate, isaanis isaaf bitamuu didan. Kanaaf, isaan Yerobiʼaamiin gosoota kurnan isa mootummaa Israaʼel jedhamee beekamu irratti mootii isa taasisan. Gosoonni lamaan hafan immoo mootummaa Yihudaa jedhamanii kan waamaman siʼa taʼu, isaan Rehobiyaamiif amanamoo taʼanii jiraatan. Yeroo kanatti, Mootummaan Israaʼel inni gosa 12 ni qoodame.

Yerobiʼaam sabni isaa waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem ishii mootummaa Rehobiyaam jalatti argamtu akka dhaqu hin barbaanne. Maaliif akka taʼe beektaa? Yerobiʼaam sabichi Rehobiyaamiin deggeree anatti gara gala jedhee waan sodaateef ture. Kanaaf, jibicha warqee lama tolchee saba isaatiin akkana jedhe: ‘Yerusaalem baayʼee fagoo dha. Asumatti waaqeffachuu dandeessu.’ Sabichi jiboota warqee irraa hojjetaman kana waaqeffachuu waan jalqabeef ammas deebisee Yihowaa irraanfate.

“Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa. Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba? . . . Yookiin namni amane tokko isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?”—2 Qorontos 6:14, 15