Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 46

Qorumsa TulluuQarmelos Irratti Geggeeffame

Qorumsa TulluuQarmelos Irratti Geggeeffame

Mootonni Mootummaa Israaʼel gosoota kurnanii hedduun hamoo kan turan taʼanis, Ahaab garuu hunda isaanii caalaa hamaa ture. Inni dubartii hamtuu Baʼaaliin waaqeffattu fuudhee ture. Maqaan ishii Iizaabel jedhama. Ahaabii fi Iizaabel biyyicha waaqeffannaa Baʼaaliin guutaniiru; akkasumas raajota Yihowaa ajjeesaniiru. Yihowaan hoo maal godhe ree? Ergaa tokko akka isatti himuuf Eliyaas raajicha gara Ahaabitti erge.

Eliyaasis sababii hammina Ahaab Mootichaatiin, Israaʼel keessatti bokkaan akka hin roobne isatti hime. Waggaa sadii oliif midhaan waan hin biqilleef, sabichi ni beelaʼe. Yihowaan yeroo booda deebisee Eliyaasiin gara Ahaabitti erge. Mootichis, ‘Ati nama rakkina uumu dha! Kun hundi kan taʼe balleessaa keetiini’ isaan jedhe. Eliyaas garuu, ‘Ongeen kun kan dhufe sababii kootiin miti. Rakkinni kun kan dhufe, waan ati Baʼaaliin waaqeffattuufi dha. Qorumsa tokko haa qopheessinu. Sabichaa fi raajota Baʼaal Tulluu Qarmelos gubbaatti walitti qabi’ isaan jedhe.

Sabichi gaaricha irratti walitti qabame. Eliyaasis, ‘Egaa waan gochuu qabdan murteessaa. Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe isa hordofaa. Baʼaal waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa hordofaa. Ani yaada kana nan dhiheessa. Raajonni Baʼaal 450⁠ni aarsaa qopheessanii waaqa isaanii haa waammatan; anis aarsaa qopheessee Yihowaa nan waammadha. Inni ibiddaan deebisu Waaqa dhugaa dha’ jedhe. Namoonni sunis kana irratti walii galan.

Raajonni Baʼaalis aarsaa qopheessan. Guyyaa guutuu, ‘Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!’ jedhanii gara waaqa isaaniitti iyyaa oolan. Baʼaal utuu deebii isaaniif hin kennin yommuu hafu, Eliyaas isaanitti qoosuu jalqabe. ‘Hamma dandeessan sagalee keessan guddisaatii waamaa. Tarii hirribatu isa fudhate yoo taʼe, nama isa dammaqsu isa barbaachisuu dandaʼa’ jedhe. Aduun dhihus, raajonni Baʼaal garuu waammachuu isaanii ittuma fufan. Taʼus amma iyyuu deebiin hin jiru.

Eliyaas aarsaa isaa iddoo aarsaa irra kaaʼee bishaan irratti dhangalaase. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, maaloo namoonni kun ati Waaqa dhugaa taʼuu kee akka beekan godhi’ jedhee kadhate. Yihowaanis aarsaa sana gubuuf yeruma sana samii irraa ibidda erge. Namoonnis, ‘Yihowaan Waaqa dhugaa dha!’ jedhanii iyyan. Eliyaas, ‘Raajonni Baʼaal akka hin miliqne godhaa!’ jedhe. Gaafa sana raajonni Baʼaal 450⁠ni ni ajjeefaman.

Duumessi xinnoon tokko galaanicha irratti yommuu mulʼatu Eliyaas Ahaabiin, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira. Gaarii fardaa kee feʼadhuutii gara mana kee dhaqi’ jedhe. Samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; achiis bokkaa yandoon roobuu jalqabe. Dhuma irrattis, ongeen ni dhaabate. Ahaab hamma dandaʼe gaariin fardaa isaa akka oofamu godhe. Eliyaas gargaarsa Yihowaatiin gaarii sana caalaa ariitiidhaan fiiguu dandaʼeera! Haa taʼu malee, Eliyaas rakkina isaa hundaaf furmaata argateeraa? Mee haa ilaallu.

“Maqaan kee Yihowaa kan taʼe ati qofti guutummaa lafaa irratti Hundaa Ol akka taate namoonni haa beekan.”—Faarfannaa 83:18, NW