Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 47

Yihowaan Eliyaasiin ni Jabeesse

Yihowaan Eliyaasiin ni Jabeesse

Iizaabel wanta raajota Baʼaal irra gaʼe yommuu dhageessu baayʼee aarte. Kanaaf, ‘Bor atis akkuma raajota Baʼaal ni ajjeefamta’ jettee Eliyaasitti ergaa ergite. Eliyaasis baayʼee waan sodaateef, gara lafa onaatti baqate. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, ani kana caalaa hin dandaʼu. Akkan duʼu godhi’ jedhee kadhate. Eliyaas baayʼee dadhabee waan tureef muka tokko jala ciise.

Maleekaan tokko isa dammaqsee, sagalee laafaadhaan, ‘Kaʼiitii nyaadhu’ isaan jedhe. Eliyaasis daabboo dhagaa hoʼaa irra kaaʼamee fi miʼa bishaan qabate tokko arge. Innis erga nyaatee fi dhugee booda deebiʼee rafe. Maleekaan sun ammas isa dammaqsee, ‘Nyaadhu. Karaa waan deemtuuf jabina argachuu qabda’ isaan jedhe. Kanaaf, Eliyaas ammas ni nyaate. Achiis hamma Tulluu Siinaa gaʼutti guyyaa 40 fi halkan 40 deeme. Achittis Eliyaas rafuuf gara holqa tokkoo seene. Yihowaan garuu ‘Eliyaas, asii maal hojjetta?’ jedhee isa gaafate. Eliyaasis akkana jedhee deebise: ‘Israaʼelonni waadaa siif galan cabsaniiru. Iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees ajjeesaniiru. Kunoo amma immoo ana ajjeesuuf yaalaa jiru.’

Yihowaan garuu, ‘Dhaqiitii tulluu sana irra dhaabadhu’ isaan jedhe. Jalqaba, bubbeen cimaan holqicha bira darbe. Achiis, lafti ni sochoʼe, itti aanee immoo ibiddi ni mulʼate. Dhuma irrattis, Eliyaas sagalee laafaa suuta jedhee dubbatu tokko dhagaʼe. Fuula isaa uffata isaatiin haguugee holqicha ala dhaabate. Achiis Yihowaan maaliif akka baqate isa gaafate. Eliyaasis, ‘Ana qofatu hafe’ jedhe. Yihowaan garuu, ‘Ati kophaa kee miti. Israaʼel keessa namoonni amma iyyuu ana waaqeffatan 7,000 jiru. Dhaqiitii bakka kee Elsaaʼiin raajii godhii muudi’ isaan jedhe. Eliyaasis yeruma sana wanta Yihowaan itti hime raawwachuuf deeme. Ati hoo Yihowaan wanta inni akka gootu barbaadu yommuu raawwattu, waan si gargaaru sitti fakkaataa? Eeyyee, inni si gargaara. Mee wanta bara ongee sanatti raawwatame tokko haa ilaallu.

“Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6