Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 48

Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe

Ilmi Dubartii Abbaan Manaa Irraa Duʼe Tokkoo Duʼaa ni Kaʼe

Yeroo ongee sanaatti Yihowaan Eliyaasiin, ‘Gara Saraaphtaa dhaqi. Achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata siif kenniti’ jedhe. Eliyaas karra magaalattii biratti dubartii hiyyeettiin abbaa manaa irraa duʼe tokko utuu qoraan funaannattu arge. Innis bishaan budduqsee tokko akka isaaf fiddu ishii gaafate. Akkuma ishiin fiduu deemteenis Eliyaas ishii waamee, ‘Maaloo, buddeena xinnoos naa fidi’ ishiidhaan jedhe. Dubartittiin garuu, ‘Ani buddeena siif kennu hin qabu. Daakuu fi zayitii anaa fi ilma kootiif nyaata xinnoo ittiin qopheessu qofan qaba’ isaan jette. Achiis Eliyaas, ‘Yoo ati anaaf buddeena xinnoo tolchite hamma bokkaan deebiʼee roobutti, daakuunis taʼe zayitiin kee akka hin dhumne Yihowaan waadaa galeera’ ishiidhaan jedhe.

Kanaaf, dubartiin sun gara manaa dhaqxee raajii Yihowaatiif buddeena tolchite. Akkuma Yihowaan waadaa galettis, yeroo ongeen ture sana hundatti dubartiin sunii fi ilmi ishii wanta nyaatan hin dhabne turan. Miini daakuu fi miini zayitii ishii akkuma guutuu taʼetti itti fufe.

Sana booda garuu wanti gaddisiisaan tokko ni uumame. Mucaan dubartii sanaa baayʼee dhukkubsatee duʼe. Ishiinis akka ishii gargaaru Eliyaasiin kadhatte. Eliyaas mucicha ishii harkaa fuudhee gara kutaa mana ishii irra keessa jiruutti baatee isa geesse. Achiis siree irra isa ciibsee, ‘Yaa Yihowaa, maaloo mucaa kana gara jireenyaatti deebisi’ jedhee kadhate. Yihowaan kana gochuun isaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu kan taʼe maaliif akka taʼe beektaa? Hamma beeknutti sana dura namni duʼaa kaʼe hin jiru. Kana malees, dubartiin kunii fi ilmi ishii Israaʼeloota miti.

Taʼus jireenyi mucichaa isaaf deebiʼe; hafuura baafachuus ni jalqabe! Eliyaasis dubartii sanaan, ‘Kunoo! Ilmi kee gara jireenyaatti deebiʼeera’ jedhe. Ishiinis baayʼee gammaddee Eliyaasiin, ‘Dhuguma iyyuu ati nama Waaqayyoo ti. Kanas kanan beeke wanta Yihowaan akka dubbattu sitti hime qofa waan dubbattuufi’ jette.

“Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora. Maarree isin immoo allaattota irra hin caaltanii?”—Luqaas 12:24