Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 50

Yihowaan Yoshaafaaxiin Oolche

Yihowaan Yoshaafaaxiin Oolche

Yoshaafaax mootiin Yihudaa iddoo aarsaa Baʼaalii fi waaqolii tolfamoo biyyattii keessa jiran ni balleesse. Inni sabichi seera Yihowaa akka beeku barbaadee ture. Kanaaf, guguddoonnii fi Lewwoonni uummaticha seera Yihowaa akka barsiisaniif guutummaa Yihudaatti erge.

Saboonni naannoo isaanii jiraatan Yihowaan saba isaa wajjin akka jiru waan hubataniif, Yihudaa loluu ni sodaatan. Kana irra darbees, Yoshaafaax Mootichaaf kennaa fidan. Booda garuu Mooʼaabonni, Amoononnii fi warri naannoo tulluu Seʼiir jiraatan Yihudaa loluu dhufan. Yoshaafaax gargaarsi Yihowaa akka isa barbaachisu beeka ture. Dhiirota, dubartootaa fi ijoollee hunda Yerusaalemitti walitti sassaabe. Hunda isaanii duratti akkana jedhee kadhate: ‘Yaa Yihowaa, yoo ati nu gargaarte malee, nuti moʼuu hin dandeenyu. Maaloo maal gochuu akka qabnu nutti himi.’

Yihowaan akkana jedhee kadhannaa sanaaf deebii kenne: ‘Hin sodaatinaa. Ani isin nan gargaara. Iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, akkamitti akka ani isin oolchus ilaalaa.’ Maarree Yihowaan akkamitti isaan oolche?

Yoshaafaax, bulee isaa ganama faarfattoota filatee, loltoota dura buʼanii akka deeman isaanitti hime. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii hamma dirree waraanaa isa Teqoʼaa keessa jiruutti deeman.

Faarfattoonni sagalee guddaadhaan Yihowaa jajachuu yommuu jalqaban Yihowaan saba isaatiif lole. Yihowaan Amoononnii fi Mooʼaabonni akka joonjaʼan waan godheef, walii isaanii wal ajjeesuu jalqaban; isaan keessaa lubbuudhaan kan hafe tokko illee hin turre. Haa taʼu malee, Yihowaan saba Yihudaaf, loltootaa fi lubootaaf eegumsa godheera. Namoonni biyyoota naannoo sanaa hundi wanta Yihowaan raawwate ni dhagaʼan, Yihowaan amma iyyuu saba isaa eegaa akka jiru ni hubatan. Yihowaan saba isaa akkamitti oolcha? Karaa hedduutiin isaan oolcha. Kana gochuuf gargaarsi namootaa isa hin barbaachisu.

“Isin ofii keessanii loluun isin hin barbaachisu, iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, moʼicha Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa!”—2 Seenaa 20:17