Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 52

Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Ben-Hadaad mootiin Sooriyaa Israaʼeliin loluu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, Elsaaʼi raajichi mootii Israaʼel waan akeekkachiiseef yeroo baayʼee isaan jalaa of oolchuu dandaʼeera. Kanaaf, Ben-Hadaad Elsaaʼiin qabsiisuuf murteesse. Elsaaʼi mandara Dootaan keessa akka jiru waan dhagaʼeef, loltoonni Sooriyaa akka isa qabaniif achitti isaan erge.

Warri Sooriyaa halkaniin gara Dootaan dhaqan. Guyyaa itti aanu ganama hojjetaan Elsaaʼi, yommuu gad baʼu mandarattiin raayyaa guddaadhaan marfamtee arge. Baayʼee waan sodaateef, ‘Elsaaʼi maal gochuu nuu wayya?’ jedhee iyyee. Elsaaʼi immoo, ‘Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra ni caalu’ jedhee deebiseef. Yihowaanis yeruma sana hojjetaan Elsaaʼi gaaronni naannoo mandarattii jiran guutummaatti fardeenii fi gaarii fardaa ibiddaatiin guutamanii akka jiran akka argu taasise.

Loltoonni Sooriyaa Elsaaʼiin qabuuf yommuu yaalan, inni ‘Yaa Yihowaa, maaloo iji isaanii akka jaamu godhi’ jedhee kadhate. Akkuma tasaa, loltoonni kun iji isaanii amma iyyuu kan argu taʼus, eessa akka jiran hubachuu hin dandeenye. Elsaaʼis loltoota kanaan, ‘Mandarichi kana miti. Ana duukaa buʼaa gara nama isin barbaaddan sanaatti isin nan geessa’ isaaniin jedhe. Yommuu isaan Elsaaʼi duukaa buʼanis, Samaariyaa ishii mootiin Israaʼel keessa jiraatutti isaan geesse.

Yeroo kanatti warri Sooriyaa eessa akka jiran hubatan. Mootiin Israaʼelis, “Isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin gaafate. Elsaaʼi carraa kana yeroo itti namoota isa ajjeesuuf yaalii godhan irratti ijaa baafatu akka argate godhee yaadee? Lakki. Elsaaʼi, ‘Isaan hin ajjeesin. Nyaata isaaniif kenniitii gara biyya isaaniitti isaan deebisi’ jedheen. Kanaaf, nyaata baayʼee mootichi isaaniif qopheesse erga nyaatanii booda, gara biyya isaaniitti isaan deebise.

“Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha; wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14