Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 53

Ija Jabina Yoyaadaa

Ija Jabina Yoyaadaa

Iizaabel intala akkuma ishii hamtuu taatee fi Ataaliyaa jedhamtu qabdi turte. Ataaliyaan mootii Yihudaatti heerumtee turte. Abbaan manaa ishii yommuu duʼu, ilmi ishii bulchuu jalqabe. Haa taʼu malee, Ataaliyaan ilmi ishii yommuu duʼu ofuma ishiitiin mootii Yihudaa of goote. Achiis, ilmaan ilma ishii dabalatee nama bakka ishii mootii taʼuu dandaʼu kam iyyuu ajjeesuudhaan, hidda dhaloota moototaa hunda balleessuuf yaalte. Namni hundi ishii sodaata ture.

Yoyaadaa Luba Ol Aanaanii fi haati manaa isaa Yoshebaan, wanti Ataaliyaan raawwachaa jirtu baayʼee gadhee akka taʼe beeku turan. Taʼus, lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii mucaa ilma Ataaliyaa, Yoʼaas jedhamu ni dhoksan. Mana qulqullummaa keessatti isa guddisan.

Yoʼaas yommuu umuriin isaa torba taʼu, Yoyaadaan guguddoota biyyaa fi Lewwoota hunda walitti sassaabee akkana isaaniin jedhe: ‘Balbala mana qulqullummaa eegaa, namni tokko iyyuu akka ol seenu hin heyyaminaa.’ Achiis Yoyaadaan mataa Yoʼaas irra gonfoo kaaʼee mootii Yihudaa isa taasise. Uummanni Yihudaas, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhee iyye.

Ataaliyaa Mootittiin waca uummatichaa yommuu dhageessu gara mana qulqullummaatti fiigde. Mootii haaraa yommuu argitu, “Kun nama irratti kaʼuu dha! Kun nama irratti korachuu dha!” jettee iyyite. Gurguddoonni sunis mootuu hamtuu kana qabanii erga ishii baasanii booda ishii ajjeesan. Haa taʼu malee, dhiibbaa gadheen ishiin sabicha irra geessiste hoo akkam taʼa?

Yoyaadaan, sabichi Yihowaa wajjin waadaa akka galu kan gargaare siʼa taʼu, isaanis Yihowaa qofa waaqeffachuuf waadaa galaniiru. Yoyaadaan galma Baʼaal akka diiganii fi waaqolii tolfamoo caccabsanii akka balleessan godhe. Yoyaadaan, sabichi deebisee achitti akka waaqeffatuuf, luboonnii fi Lewwoonni hojii mana qulqullummaa keessa jiru hunda akka hojjetaniif isaan muude. Namni qulqulluu hin taane kam iyyuu, gara mana qulqullummaatti akka hin seenneef karra eegdota ramade. Achiis, Yoyaadaa fi gurguddoonni Yoʼaasiin gara mana mootummaatti geessanii teessoo irra isa kaaʼan. Sabni Yihudaas ni gammade. Dhuma irratti, sabichi Ataaliyaa ishii hamtuu fi waaqeffannaa Baʼaal irraa walaba taʼee Yihowaa tajaajiluu dandaʼeera. Ija jabinni Yoyaadaan argisiise akkamitti namoota baayʼee akka gargaare hubattee?

“Warra foon ajjeesuu malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa; kanaa mannaa, isa lubbuus taʼe foon Gahaannam keessatti balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.”—Maatewos 10:28