Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 57

Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Yihowaan Akka Lallabuuf Ermiyaasiin Erge

Yihowaan namoota Yihudaatiif raajii akka taʼu Ermiyaasiin filatee ture. Namoota sanaaf akka lallabuu fi wantoota hamaa taʼan raawwachuu akka dhiisan akka isaan akeekkachiisu itti himee ture. Ermiyaas, ‘Garuu yaa Yihowaa, ani mucaa dha. Namoota kanatti akkamitti akkan dubbadhu hin beeku’ jedhee ture. Yihowaan immoo, ‘Hin sodaatin. Wanta dubbattu ani sittan hima. Ani sin gargaara’ isaan jedhe.

Yihowaan jaarsolii sabichaa akka sassaabu, okkotee tokko fuula isaanii duratti caccabsee, ‘Yerusaalem akkuma kanaatti ni caccabdi’ jedhee akka dubbatu Ermiyaasitti hime. Yommuu Ermiyaas wanta Yihowaan isatti hime godhu jaarsoliin sun baayʼee aaran. Lubni Phashhur jedhamu tokko Ermiyaasiin rukutee jirma lama gidduu galchee isa hidhe. Ermiyaas halkan guutuu sochoʼuu hin dandaʼu ture. Ganama Phashhur isa gadhiise. Ermiyaas, ‘Ani kana caalaa hin dandaʼu. Lallabuu koo nan dhiisa’ jedhe. Garuu inni dhuguma dhiisee turee? Lakki. Yommuu Ermiyaas waaʼee kanaa irra deebiʼee itti yaadu, ‘Ergaan Yihowaa qaama koo keessatti akka ibiddaa taʼeera. Lallabuu koo dhiisuu hin dandaʼu’ jedhee dubbateera. Ermiyaas namoota akeekkachiisuu isaa itti fufee ture.

Waggoonni erga darbanii booda, Yihudaa keessatti mootii haaraan tokko ni muudame. Luboonnii fi raajonni sobaa ergaa Ermiyaas dubbatu ni jibbu turan. Kanaaf isaan,‘Namichi kun duʼuu qaba’ jedhanii bulchitootatti himan. Ermiyaas garuu, ‘Yoo ana ajjeestan nama balleessaa hin qabne ajjeesuu isinitti taʼa. Ani kanan dubbadhu dubbii Yihowaa ti malee kan ofii kootii miti’ jedhe. Bulchitoonni sun yommuu kana dhagaʼan, ‘Namichi kun ajjeefamuu hin qabu’ jedhan.

Ermiyaas lallabuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, bulchitoonnis baayʼee aaran. Kanaaf, Ermiyaasiin akka ajjeesu mooticha gaafatan. Mootichis wanta barbaadan isa gochuu akka dandaʼan isaanitti hime. Isaanis Ermiyaasiin fudhatanii akka inni achi keessatti duʼuuf boolla gadi fagoo dhoqqeedhaan guutame keessatti isa darbatan. Ermiyaasis dhoqqichaan liqimfamuu jalqabe.

Ajajaan mana mootii Ebeed-Melek jedhamu, ‘Bulchitoonni Ermiyaasiin boolla keessatti gataniiru! Yoo nuti achi keessatti isa dhiisne inni ni duʼa’ jedhee mootichatti hime. Mootichis Ebeed-Melek namoota 30 fudhatee dhaquudhaan Ermiyaasiin boollicha keessaa akka baasu itti hime. Nuti hoo akkuma Ermiyaas isa homtuu lallabuu irraa duubatti akka isa godhu hin heyyamne sanaa taʼuu hin qabnuu?

“Maqaa kootiif jettanii nama hundumaa biratti kan jibbamtan taatu; garuu namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya.”—Maatewos 10:22