Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 58

Yerusaalem ni Balleeffamte

Yerusaalem ni Balleeffamte

Namoonni Yihudaa irra deddeebiʼanii Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Waggoota hedduudhaaf, Yihowaan isaan gargaaruuf yaalii gochaa tureera. Inni akka akeekkachiisan raajota hedduu gara isaanitti kan erge taʼus, isaan garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, raajota sanatti ni qoosu turan. Maarree Yihowaan waaqolii tolfamoo isaanii kan balleesse akkamitti?

Mootii Baabilon kan taʼe Nebukadnezaar tokko tokkoon saboota injifate. Yommuu jalqaba Yerusaalemiin injifatetti, Yohoyaakiin Mooticha, bulchitoota, loltootaa fi ogeeyyii harkaa boojiʼee hunda isaanii gara Baabilonitti geesse. Akkasumas, miʼa mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiru hunda ni fudhate. Achiis Nebukadnezaar, Zedeqiiyaa mootii Yihudaa godhe.

Jalqaba irratti, Zedeqiiyaan Nebukadnezaariif ni ajajama ture. Booda garuu saboonni naannoo isaa jiranii fi raajonni sobaa Zedeqiiyaan Baabiloniif bitamuu akka didu isa gorsan. Ermiyaas garuu, ‘Isaaf bitamuu yoo didde, Yihudaa keessa duuti, beellii fi dhukkubni ni jiraata’ jedhee isa akeekkachiisee ture.

Zedeqiiyaan waggaa saddeetiif erga bulchee booda Baabiloniif bitamuu diduuf murteesse. Raayyaan Gibxii akka isa gargaaru gaafate. Achiis Nebukadnezaar Yerusaalemiin akka waraananiif raayyaa isaa erge; isaanis naannoo magaalattii buufatan. Ermiyaasis Zedeqiiyaadhaan, ‘Yihowaan akkana jedha: Baabiloniif harka yoo kennite atis taate magaalattiin ni ooltu. Taʼuu baannaan garuu, Baabilononni Yerusaalemiin ni gubu; siinis fudhatanii mana hidhaatti si galchu’ jedhe. Zedeqiiyaan garuu, ‘Harka hin kennu!’ jedhe.

Waggaa tokkoo fi walakkaa booda, raayyaan Baabilonotaa dallaa Yerusaalem diiganii magaalattii guban. Mana qulqullummaas ni guban; namoota hedduu ni ajjeesan; akkasumas namoota kumaan lakkaaʼaman gara Baabilonitti geessan.

Zedeqiiyaan Yerusaalemiin dhiisee kan baqate taʼus, Baabilononni isa duukaa buʼanii isa qaban. Yerikoo biratti isa qabanii gara Nebukadnezaaritti isa fidan. Mootiin Baabilonis Zedeqiiyaan ilmaan isaa yommuu ajjeefaman ija isaatiin akka argu godhe. Achiis Nebukadnezaar ija Zedeqiiyaa jaamsee mana hidhaatti isa galche; innis achumatti duʼe. Haa taʼu malee, Yihowaan namoota Yihudaatiif, ‘Waggoota 70 booda gara Yerusaalemitti isin nan deebisa’ jedhee waadaa isaaniif galee ture.

Dargaggoota akka hidhamaniif gara Baabilon geeffamanii turan irra maaltu gaʼe? Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufaniiruu?

“Yaa Waaqa keenya Yihowaa isa Hundumaa Dandeessu, murtiiwwan kee dhugaa fi qajeeloo dha.”—Mulʼata 16:7